Waldhabdee Sudaan: Manni Maree Waraanaa qondaaltota mootummaa hidhaa buuse

Mormitoota Kaartum keessaa

Mormitoota Kaartum keessaa, 13 Ebla, 2019

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Mormitoota Kaartum keessaa

Manni maree waraanaa Sudaan miseensota duraanii mootummaa hidhaa buuse. Mormitoota immoo bittinsuuf yaada akka hin qabne ifa taasise.

Dubbi himaan mana maree kanaa kanneen daandiitti bahaniifi paartileen mormituu ministira muummee akka filataniifi fedhii isaanii hojiirra akka oolchan himan.

Mormiin ji'otaaf Sudaan keessa taasifame gaafa Kamisaa pirezidantiin duraanii Omar Hasan al - Bashir aangoo irraa akka bu'an dirqeera.

Haa ta'u malee, mootummaan ummataan filatame aangoo hin qabannetti manatti hin gallu jedhani ammallee fuuldura waajjira raayyaa ittisa biyyattii jiru.

Manni maree waraanaa maal jedhe?

Ibsa gaafa Dilbataa dubbi himaan mana maree kanaa Meejar Janaraal Shams Ad - din Shanto akka jedhanitti manni maree kuni wanta mootummaan siviliifi mormitoonni fedhan ''raawwachuuf qophiidha.''

''Ministira muummee hin muudnu. Isaan tokko filatu,'' jechuun mormitoonniifi gareewwan mormiii jiranitti akeekaniiru.

Kanneen mormiirra jiran akka hin bittinsine himuun haa ta'u malee, daandii akka hin cufneefi jireenyi guyyuu akka eegalu gaafataniiru.

''Waraana walirratti kaasu hin obsinu,'' jedhan.

Murteewwan manni maree waraanaa fia taasise keessaa:

  • Hogganaa waraanaafi poolisii haaraa
  • Hogganaa Tajaajila Odeeffannoofi Tika biyyaalessaa muudu
  • Koree malaammaltummaa irratti qabsaa'uufi paartii duraan biyyatti bulche qorachuu
  • Miidiyaaleen bilisaan akka hojjetan taasisuu
  • Poolisootaafi humnoota nageenyaa momiitoota deeggarani jennaan hidhaa bu'an gad-lakkisuu
  • Ambaasaddarota Sudaan US fi Siwizerlaanditti ergaman kaasuu

Gaafa Jimaataa qondaalli waraanaa fonqolcha pirezidantii hoogganan ministirri Raayyaa Ittisaa Awaad Ibin Awuf aangoo irraa ka'aniiru.

Lt Janaraal Abdal Fattaah Abdelrahmaan Burhaan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Lt Janaraal Abdal Fattaah Abdelrahmaan Burhaan

Hogganaan basaasaa baay'ee sodaatamanis akkanumaan ka'aniiru.

Sababa kanaaf, Lt Jan Abdalfattaah Abdellaarhimaan Burhaan hogganaa mana maree waraanaa ta'un guyyoota muraasa keessatti hogganaa sudaan 3ffaa ta'aniiru.

Janaraal Burhaan ibsa gaafa Sambataa kennaniin, mirga namoomaa eeguuf akka hojjetan, halkan namni akka hin soochone dhorke kaasuu, hidhamtoota siyaasaa hiikuu dabalatee kaanis himaniiru.

Haa ta'u malee, waldaan ogeessota Sudaan kan mormii kana duuba jiru akka jedhetti mormiin itti fufuu qaba.

Sababni isaas, ''gaaffin ummataa waan deebi'e hin qabu,'' jedhaniiru. Waan guutamu qabu jedhan keessaa, caasaan nageenyaa keessa akka deebi'amu, hoggantoonni malaammaltummaan shakkaman akka hidhaman akkasumas milishaan pirezidantii duraanii jalatti socho'aa turan akka diigaman gaafatu.