Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kubbaaniyichi dubartoonni wandaboo akka uffataniif kanfalusaatti qeeqame
Kubbaaniyaan Raashiyaa alumuniyeemii omishu tokko hojjattootni dubartootaa isaa lafa hojiitti wandaboo akka uffataniif kanfaltii dabalataa kennuu isaaf qeeqame.
Dhaabbanni omisha alumuniyeemii Tatprof, hanga Waxabajjii 30'tti duula "femininity marathon" jedhu gaggeessa.
Hojjattoonni dubartootaa wandaboo gabaabduu ''kan jilbarraa sentimeetire shan caalaa hindheeranne'' akka uffataniif dolaara 1.509 (qarshii biyyattii 100 ta'u) dabalataan ji'aan kanfalaaf.
Dubartoonnis kanfalticha argachuuf suuraasaanii kubbaniyichaaf erguu qabaatu.
Fayyadamtoonni midiyaalee hawaassaa baayyeen garuu akka waan hojjattoota ''dubartooaa haala fokkisaan bulchuutti'' fudhataniiru.
Barreessituu biloogii beekamtuu fi gaazexxeessitu kan taatee Zaaliinaa Maarshenkulovaa sochii Tatprof kana ''oduu Middle Ages irraa'' jechuun fuula Telegraamii isheerratti maxxansitee jirti.
Kubbaaniyaan Olompiikaa Gannaa bara 2014 kan Sochi fi Kubbaa Miilaa Addunyaa bara 2018 tiif dhiyeessaa ta'ees, dubartoonni 60 keessatti hirmaachu eegalusaaniifi innis qeequmsa dubartummaan walqabate dhiyaatu akka hinfudhannee midiyaa Raashiyaatti himeera.
''Guyyaa keenya ifaa taasifachu barbaanne,'' jechuun ture dubbi himaan kubaaniyichaa dhaabbata raadiyoo Govort Moskyaatti kan hime.
''Gareen keenya %70 dhiira. Duulli kasii kunis akka kun geedaramuuf ni gargaara. Kunis garee walitti dhufeenyasaanii cimsuuf gaariidha.
"Dubartoonni baayyeen lafa hojiitti surree uffatu. Nutis duulli kun akka shamarran hubannoo argachuun waa'ee dubartummaa saanii yaaduun wayita wandobo uffachuun gara hojii dhufan gammadan taasisuuf filmaata dhiyeessuufiidha.''
Fayyadamtoonni Tiwitaraa Raashiyaa keessatti argamanis kanaan hin gammannee.
''Kubaaniyichi garu kana akka waan dubatiif ilaalcha gadaanaa qabuutti kan hin fudhannee fi warshichi akka waan jijjirameetti amanuun ''tiwiit @shagalive97 tiin kan barreefame.
"Kanfaltiin doolaara 1.5 dabalataan dubartoota wandabo gabaabaa uffachuufi waa didibatanii guyyaa garee miseensoonni dhiiraa itti baayyatan kanaa ifa taasisuuf dhufaniif kanfalama,'' jedha ergaan tiwitaraa.
Ittaansuunis ''osoo dubartoonni kaan maallaqaaf jecha dhiira gammachisanu amma maaliif waa'ee dubartummaa barbaachise?'' jechuun gaafata.
Kana maleess kubbaniyichi Waxabajjii keessa sochii 'femininity' jedhu tokko qopheessuuf. Kanneen dafanii fudhataniifis dorgommii kennamu itti eeda'ameera.
Anaastaasiyaa Kirillovaa kubaaniyichatti qajeelcha walitti dhufeenya aadaa fi quunnamtiiwwan keessoo yoo taatu, yaadni dula kanaas qondaala olaanoo dhaabbatichaa Sargee Raachakov irra kan maddeedha.
''Innis dhimmich gahee saalaa itti wal qabachuu saatiif baayyee yaada'eera,'' jechuun midiyaa biyya keessatti himte jirti.
''Hojjattoota kubaaniyichaa hunda keessatti akka miirri dubartummaa itti fufuu taasisuuf barbaade. kanaafuu dubartoonni akka rifeensasaanii akka ijoollee dhiiraatti hinmurannee, uffannaa surreetti akka hingeeddarmne taasisuun akka hojii ogummaa harkaa keessatti hirmaatanii fi gammachusaanii ijoollee ol guddatanitti dabarsan taasisuuf.''
Akkasumas kubaaniyichi hojjattota dhiiraa isaatiifis dorgommii ni qopheessa. Torban darbees dorgommii 'pull-up' jedhu tokko qopheesseera.