Indiyaattii ibiddi daree barnootaatti qabate barattoota 19 lubbuu dabarse

Madda suuraa, Getty Images
Mana barnoota Indiyaa tokkootti ibiddi qabate yoo xiqqaate barattoota 19 ajjeesuu anga'oonni biyyatti himan.
Aaraa gurraacha karaa foddaa gamoo dhiya suraatti kana keessaa bahuu jalaa miliquuf barattootni gamoorraa kufaa , kaanis utaalaa turan.
Barattootni miidhaman harki caalaan saafila ol adeemoo barnootarra turani.
Ka'umsi balaa ibidda kun ammaaf hin baramne.Anga'oonni biyyatti garuu dafee kan tamsa'eef baaxiin manaa waan dafee boba'uun hagugamuusaatinii jedhan.
balaa kanaan yoo xiqqaate barattoonni 20 'n mada'uun cimaan irraa qaqqabuun Hospitaala Gujaraatitti yaalaman.
''Barattoonni kan lubbuu dhaban sababii ibiddaatiinii fi gamoorraa utaaluutiin'' jechuun qondaallii to'aannoo ibiddaa Naannichaa Deepak Saptaleey AFPtti himan.
hundisaanii umrii ganna 20 gadii yoo ta'an, barattoonni gamoo kana keessatti ugguramanis jiraachuu Rooyitars gabaasera.
Muummichi Ministiraa Indiyaa Naaredeeraa Moodiin toora tiwitarasaanirratti ergaa jajjabinaa barreessuun ,aanga'oota naannoo akka deeggaran barreessan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Odeeffannoon balaa qaqqabe guyyoota sadii keessatti akka gabaafamuus ajajni darbeera. Balaan ibiddaa kun dhiyeenyatti lubbuu nama hedduu balaa galaafate keessatti tarreeffame. Ji'a Guraaandhala darbees hoteela Delhi jedhamutti lubbuu namoota 17 balaan ibiddaa wal fakkaatu galaafachuutu yaadatama.














