Awustiraaliyaan Iraaq keesstti namoota nagaa hin ajjeesiin hin oolu jette

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Humni Ittisaa Awustiraaliyaa haleellaa loltooti isaa garee Islamic State jedhamu irratti taasisuun namooti nagaa 18 hin ajjeefamiin akka hin oolle himeera.
Taateen kun qaama haleellaa qindoominaa Ameerikaan durfamuun Mosuul irratti fudhachuuf bara 2017 taasifame dhas jedheera.
Haa tahu malee Humni Ittisaa Awustiraaliyaa namooti nagaa kunneen haleellaa kanaan yookiin qaamota biraan haa ajjeefaman sirriitti baruun hin danda'amne jedheera.
Du'a kanaan ''baayyee gaabbinaa'' jedhan qondaaaloti waraanaa biyyattii.
Maarshaaliin Humna Qillensaa Austiraaliyaa Meel Haapfeeld bara 2017tti naannoo jireenyaatti gaaffii Iraaqiin milishoota IS irratti haleellaa taasiseera jedhan.
Haleellaan wal-fakkaataa humnota birootiin iddoo wal fakkaataatti adeemsifamee ture.
Haleellaan booda nama nagaa du'e argachuun kan hin danda'amne yoo tureyyuu ergasii gabaasoti 'amanamoo' tahan bahaniiru jedhan Maarshaalichi.
Himannaan kun jalqaba garee du'a namoota nagaa hordofu Airwarsn ka'e.
Qorannoon bara darbe taasifame hordofuun namooti nagaa jahaa hanga kudha saddeet tahan otoo hin beekamiin hin ajjeefamiin hin oolle jechuunHumni Waraanaa Awustiraaliyaa ibseera.
''Namoota nagaa ajjeessuu hambisuuf waan nuuf danda'amu taasifanee turre garuu yeroo tokko tokko hin danda'amu'' jedhaniiru Maarshaalichi
Kanamalees akka pirootookoolii isaan ajajeti haleellicha raawwachuu himu kanaaf immoo adabbiinis tahe tarkaanfiin biraa hin fudhatamu.
Haleellaa qindaa'e bara 2014 keessa Iraaniifi Siriyaa irratti adeemsifameen hanga yoonaa yoo xiqqaate namooti 1,190 ajjeefamaniiru.
Ammas himannaawwan garaagaraa ni ka'u.
Maarshaalichi dhimmmi beenyaa ajaja koree gidduugalaa raawatamu mala jedhan.














