Sirna awwaalaa Joorji HW Buush: Tiraam pireezidantii duraaniif gaggeessaa taasisan

Doonaald Tiraamp bakka reeffi pireezidantii duraanii Joorji HW Buush jirutti argamuun kabajaa kennaniifii jiru.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Sirni Awwaalcha Joorji HW Buush Roobii raawwata

Pireezidanti Doonaald Tiraampifi haati warraa isaanii Meelaaniyaan bakka reeffi pireezidantii duraanii Joorji HW Buush jirutti argamuun kabajaa kennaniifii jiru.

Reeffi Joorji HW Bush Roobii hanga awwaalamuutti magaalaa Waashingitan DC bakka uummanni bahee daawwatuu danda'u kabajaan kaa'amee jira.

Tiraamp maatii Buush waliin wal dhabdee qabaatanillee sirna awwaalaa irratti ni argamu garuu haasaa hin godhan jedhameera.

Jimaata darbe umurii isaanii ganna 94'tti kan boqotan pireezidantiin duraaniifi booda ammoo ilmi isaanii Joorji W Bush pireezidantii kan ta'e, Joorji HW Buush magaalaa Teeksaas haadha warraa isaanii cinaatti awwaalamu.

Pireezidantii Ameerikaa 41ffaa ta'uun bara 1989 hanga 1993 kan tajaajilan Joorji HW Buush, narviifi summaa'uu dhiigaan dhukkubsatanii ji'oota shanii oliif yaalamaa turani.

Kitaaba namni Maarki Aapdeegiroov jedhamu barreessan 'The Last Republicans' jedhamu irratti akka barraa'etti, Joorji HW Buush morkii pireezidantummaa Tiraampifi Hilaarii Kiliintan gidduu ture irratti sagalee isaanii Hiilaariif kennani.

Pireezidanti Tiraamp 'nama oftuulaa'dha jechuunis dubbataniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Pireezidantiin duraanii Joorji W Bush abbaa isaanii gaggeessan

Ilma isaanii Joorji W Buush dabalatee aanga'oonni olaano bakka reeffi isaanii kabajaan kaa'ametti argamuun gaggessaa gochaafi jiru, gaarummaa isaaniis ni himu.

Dubbataan mana maree Ameerikaa Pool Raayan, "nama guddaa turan, namni akka isaanii gammachuu jireenyaafi dirqama jiru wal simsiise hin jiru" jechuun dubbataniiru.

Pireezidantiin itti aanaa Ameerikaa Maayik Peensi, "namni isaaniin wal arge hundi hagam nama garraamii akka isaan ta'an ni hubata" jechuun dubbataniiru.

Kanneen gaggeessaa taasisaniif keessaa sareen isaanii baay'ee jaalatan Saalii jedhamus ture.

Sareen Joorji HW Buush reeffa isaanii bira ciisee

Madda suuraa, Office of George HW Bush

Ibsa waa'ee suuraa, Sareen Joorji HW Buush reeffa isaanii bira ciisee