Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Malaammaltummaa Peeruu : Pirezedaantiin Peeru duraanii Alan Gaarshiyaan kolugaltummaa gaafate
Pirezedaantiin Peeruu duraanii Alan Gaarshiyaan erga akka biyyaa hin baane dhorkame Imbaasii Uraagaayyitti koolugaltummaa gaafate.
Alan Gaarshiyaa kaampaanii Biraazil Odeebrech jedhamu irraa yeroo kaampaanichi daandii magaalaa Peeruu keessaa hojjetaa ture matta'aa fudhateera jedhamuun himatame.
Pirezidaantiin Peeruu marsaa lama bulche kun yakkicha haalee kun dhiibbaa karaa siyaasaa anarra gahaa jiru dha jedhe.
Manni Murtii biyyittii yeroo qorannoon gaggefamaa jirutti biyya keessaa akka hin baane dhorkinsa dabarse.
Ministirri Dhimma Alaa Peeruu Alan Gaarshiyaan Imbaasii Uraagaay keessatti koolu-galtummaa gaafachuu isaa mirkaneesse.
Gaaffiin pirezidaantichaa mootummaa Uraagaayiin madaalamee ilaalama jedhe ministirichi.
Uraagaay koolugaltummaa kana kennuu fi dhiisuu ishee hanga ammaatti hin beeksifne.
Ta'us yakki malaamaltummaa kun yeroo inni marsaa lammaffaaf taayitaa irra ture bara 2006-2011 keessa akka rawwatamedha himanni irratti dhiyaate kan agarsiisu.
Alan Gaarshiyaan Peeruu yeroo jalqabaaf kan gaggeesse bara 1985 hanga 1990tti ture.