Durriin bifa siddiisaa gatii sadarkaa addunyaatti tokkoffaadha jedhameen gurgurame

Namichi caali-baasii durrii kanaa mo'ate maqaa biraa Winston Pink Legacy jedhu kenneeraaf

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Namichi caali-baasii durrii kanaa mo'ate maqaa biraa Winston Pink Legacy jedhu kenneeraaf

Durriin bifa diimaddee qabu gatii sadarkaa addunyaatti tokkoffaadha jedhame dolaara miliyoona 50tti gurgurame.

Durriin karaatii 19 yommuu ta'u gatii waqeeta tokkotti dolaara miliyoona 2.6 ta'een Jenevaatti caali-baasiin gurgurameera.

Bifni diimaddee darbee darbee qofaa argamu kun dhaabbata maqaa 'Harry Winston' jedhamu US jiruun kan bitame.

Caal-baasiidhaaf dhiyaate yeroo daqiiqaa shan ta'e qofaaf ture.

Abbaan qabeenyaa durrii/mooga/diyaamandii kanaa caali-baasii dolaara miliyoona 50n mo'ate kun maqaa biraa itti moggaasee 'Winston Pink Legacy' jedheera.

Durriin kun duraan qabeenya maatii Oppenheimer duraan kampaanii albuuda baasuu De Beers jedhamuun kan beekamudha. Kunis "akka addunyaatti durrii tokkoffaa" akka ta'e ragaa ba'aniif dursaan faaya jaarmiyaa addunyaa Kiristii Rahul Kadakiyaadha.

''Durrii akka kanaa karaatii tokkoo gadi malee isaa ol arguun rakkisaadha'' jedhan Kadakiyaan. "Kun garuu waqeeta 19 yommuu ta'u bifti isaas siddiseedha. Kun waan amanuuf nama rakkisudha," jedhaniiru.

Durrii/mooga bifa siddiisaa

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Caali-baasii durrii/mooga daqiiqaa shan keessatti gurgurame

Sadarkaa maqaa "fancy vivid" ykn calaqqee faayaa akka jechuuti - halluu calaqqisaa hundaa ol cimaa ta'e kan qabudhas.

Durriin bifa roga afuriin muramee Afrikaa Kibbaatti jaarraa tokkoon dura bara 1920 argame kun erga bara argameetii waan tokkollee jijjiirama hin agarsiifne.

Durrii calaqqee adda ta'e qabu akkasii kana waqeeta 10 ol argachuun waan dhaga'amee hin beeknedha, jedhan warri mana caalii baaasii sun ammoo.