Baqaqsanii yaaluun dahuun (C-section) haala 'yaaddeessaa' ta'een addunyaarratti dabalaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Fayyadamni mala baqaqsanii deessisuu doktoorootaan godhamu waggoota 15 keessatti dachaan guddachuun, biyyoota muraasa keessatti ammoo haala 'yaaddessaa' irra gahuu, qorannoon addeeseera.
Dahumsi mala akkanaan raawwatu kun bara 2000 keessa tilmaamaan miliyoona 16.9 (%12) kan ture, bara 2015 keessa ammoo miliyoona 29.7 (%21)tti olguddachuu gabaasni barruu fayyaa ''The Lancet'' jedhamu ifa godheera.
Mala baqaqsanii yaaluu kanaan fayyadamanii deessisuun biyyi Dominikaan Reppabliik harka 58.1 galmeessisuun sadarkaa olaanaa qabdi jedhameera.
Fayyadamni mala tartiiba fayyaa kanaas 'amansiisa kan hinta'iniidha' jechuun doktoronni hedduun dubbatu.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa - WHO akka jedhutti, hanga dhihoo kanaatti lakkoofsi yaalii baqaqsuun/C-section deessisi godhamu harka 15 caaluun irraa hafaadha jechuun eeru.
Qorannoon kun bara 2015 keessa odeeffanoolee biyyoota 169 irraa argaman kan xiinxale ture.
Qorannoon kun maal jedha?
Akka qorannoo kanaatti, malli baqaqsanii deessisuu tartiiba yaala fayyaa kan yeroo rakkinaa ta'uus, mala kanarratti hirkannoon jiru daran dabaleera - walakkeessaa ol kan ta'an biyyoota addunyaa kanarra jiran keessatti.


Qorattoonni akka gabaasanitti, biyyoonni lakkoofsi shaakala kana %50 ol keessatti ta'e kanneen akka Dominikaan Ripooblik, Braaziil, Ejiptii fi Tuurk ta'uunis beekameera.
Haa ta'u malee Biraazil bara 2015 keessa mala baqaqsanii deessisuu doktoroonni itti fayyadaman kana hir'isuuf seera daangeessu baaftee hojirra oolchiteetti.
Akkasumas fayyadama mala kanaa ilaalchisee garaagarummaa guddaan biyyoota dureeyyii fi hiyyeeyyii gidduu akka jirus beekameera.
Keessattu, biyyoota ardii Afriikaa Sahaaraa Gadiitti argaman keessatti malli kun yeroo sirriitti barbaachisullee argamuu hindanda'u.
Bara 2015tti Kibba Ameerikaafi biyyoota Kaaribiyaan keessatti fayyadamni ture %44 wayita ta'u dachaa 10n kan biyyoota Lixaa fi Giddu-galeessa ardii Afriikaa (%4) irra kan caalu ta'uunis beekameera.

Madda suuraa, Getty Images
Malli baqaqsanii deessisu kun sababa fayyaarra kan ka'e yoo barbaachisaa ta'e qofa filatamuun akka irra jiru oggeeyyi fayyaa, dubartootaafi maatii hundi beeku akka qaban - akkaata da'uumsaa ilaalchisees barumsaa fi leenjii sirriitti kana hambisuurratti xiyyeeffate akka kennamu qorannoon kun gaafateera.
Malli kun fafa akkamii qabaa?
Malli baqaqsanii deessisuu sababa barbaachisaa kan akka yeroo da'iimni akkaataa sirri hinta'iniin dhufuufi yoo miixuun bifa sirrii ta'een raawwachaa hinjiru ta'e mala lubbuu baraaruudha, jechuun Kiingis kooleejiitti, hayyuu saayinsii hawaasummaa fi fayyaa dubartootaa kan ta'an Profeesar Jeen Sandaal dubbataniiru.
''Keessattuu, malli C-section kun haadholiif madaa irra dandamachuu ilaalchisee rakkoo kan qabaatu qofa utuu hinta'in, godaannisa gadameessaa uumuun dhiiguu, haalli guddina obbaatii akka sirrii hintaane godha, gadameessa alatti akka ulfaa'an taasisa, akkasumas yeroo malee akka da'aniifi garaadhaa akka bahu godha.''
Rakkooleen jedhaman kun xiqqoo fakkaatanis balaa cimaa kan qabaniifi bakka deddebi'anii mala kanaan dahan hunda kan dabalaa deemuudhas jechuun Prof Sandaal dubbataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
''Daa'imman mala kanaan (C-section) dhalatanis hormoonii, ijaarsa qaamaa, akkasumas wayita dhalatanitti saaxilamni isaan qabaatanis addaafi kan fayyaasaaniirratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda'u ta'uu ragaan mul'achaa jiru ni agarsiisa.
''Rakkoon yeroo dheeraa booda daa'imman irraan gahu kan sirriitti hinqoratamne ta'uus, kan yeroo gabaabaa garuu: dandeettiin guddina qaamni isaanii dhukkuba ofirraa faccisuu (immune development) jijjiruun, dhibeen akka alerjiifi asimii akka dabaluufi haala baakteeriyoota garaacha keessatti argamaniis akka geeddaraman godha.''
''Baqaqsanii hodhuun kamiyyuu balaa qaba,'' kan jedhan Prof Sandaal, mala kanaan irra deddeebi'uun fayyadamuufi mala karaa dhalootaan dahuu walbira qabamee wayita ilaalamu, malli baqaqsanii deessisuu balaa du'a haadhoolii olaanaa ta'eef kan saaxilu ta'uus, dabalanii dubbataniiru.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) tartiibni yaalii fayyaa hinbarbaachifne fi ''kanneen ogummaa fayyaa keessatti amansiisoo hinta'in,'' hiri'famuu qabu jedha.
''Dubartoonni mala kanaan dahuun irra jiraatan, tajaajila lubbu baraaruu kana argachuutu irra jiraata kan jedhu WHO, ''haadhooliifi daa'imman balaarra akka hinbuuneef'' tartiibni yaala fayyaa hinbaarbaachifne hambifamuu qabas jedhaniiru.
















