Niikii Haalii: UNtti ambaasaddara tahuun hojjetaa kan turan taayitaa gadhiisan.

Niikii Haalii ambaasadara Ameerikaa UNtti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Niikii Haalii

Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi gaaffii taayitaa gadhiisuu Niikii Haalii fudhachuu miidiyaaleen Ameerikaa gabaasan.

Murtoon bulchituu Kibba Kaaroolinaa duraanii kun, bulchiinsa Tiraampi akka dinqisiifachiise qondaaltotni himaniiru.

Masaraan mootummaa [White House] ifatti himuu baatus, Tiraampi har'a ganama biiroo isaaniitti Aadde Niikii waliin wal arguun mari'ataniiru.

Haaliin bara 2017 ambaasadara Ameerikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti (UN'tti) tahuun muudamtee kan hojjechaa turte yoo tahu Tiraampi karaa tiwiitera isaa ni ifoomsa jedhamee eegama.

Niikiin taayitaashee gadhiisuu kan beeksifte erga ji'a tokkoof pirezedaantii Mana Maree Nageenyaa UN tahuun hojjetaa turteeti.

Niikiin yeroo garaagaraatti Tiraampi waliin wal dhabaa turteetti.

Niikii Haalii hidda godaantota Hindii Ameerikaa jiraatan tahuunshee ni beekama.