Caffeen Oromiyaa kaleessa yaa'ii ariifachiisaa waamuun murtoowwanii fi muudama garagaraa mirkanneesse

Madda suuraa, OPDO Official
Caffeen Oromiyaa kaleessa yaa'ii ariifachiisaa waamuun labsiiwwan shanii fi muudamoota garaagaraa irratti mari'achuun raggaasise.
Yaa'ichi akka ariifatu kan taasise inni jalqabaa aangoo fi gahee hojii qaama raawwachiistuu irra deebiin gurmeessuuf akka tahe, Obbo Habtaamuu Damissee, daarikterri Dhimmoota Komunikeeshinii fi Bulchiinsa Odeeffannoo Caffee Oromiyaa himaniiru.
Mootummaan kanaan dura gurmaa'ina labsicha irra deebiin ilaaluun hammam bu'a qabeessadha jedhee osoo hin ilaaliin turuunsaa rakkoo gurguddaa fideera kan jedhan Obbo Habtaamuun, kanaaf mootummaan irra deebiin qorannoo gaggeessee fooyyessuuf murtesseera jedhan.
Humni namaa naannoo irraa hanga aanaatti jiru beekumsaa fi dandeettii ittiin uummatta tajaajiluu danda'u qabaatus, haala gurmaa'insa kanaan duraan bu'aa barbaadamu buusaa akka hin turres eeraniiru.
Kanarraa kan ka'e haala gurmaa'insa labsichaa jijjiiruun gara uummata keenyaatti gadi bu'uun hojjechuun bifa danda'amuun irra deebiin gurmaa'uu himaniiru.
Labsii kana keessatti aangoo fi gaheen qaama hojii raawwachiistuu ifatti lafa taa'uu himaniiru.
Labsiiwwan biroo
Yaa'ii Caffee Oromiyaa irratti labsiin ilaalame biraa kan labsii abbaa alangaa akka tahe Obbo Habtaamuun dubbachuun ,abbaan alangaa manneen hojii gargaraa keessa faffaca'anii hojjetaa turanis karaa qindaa'aa taheen miti jedhan.
Amma dhimmi kun qoratamuun karaa mirga namoomaa kabajuu danda'uun fi qindaa'aa taheen akka hojjetuuf irra deebiin fooyya'eera jedhan.
Labsiiwwan yaa'ichaan fooyya'an biroon ammoo gurmaa'ina mana Murtii Oromiyaa fi abbootii seeraa irratti kan xiyyeeffate akka tahe himaniiru.
Labsiin hojjetoota mootummaas yaa'ii caffee kanaa irratti qoratamee kan mirkanaa'e yoo tahu, gahee fi aangoon manneetii hojii garaagaraa walirra bu'uun danqaa tahaa turanis akka hiikaman tahaniiru jedhan, Obbo Habtaamuun.
Walumaagalatti gara uummataatti gadi bu'uun haala tajaajiluun danda'amu irratti xiyyeefachuun labsiiwwan kunneen akka fooyya'an ibsaniiru.
Muudamoota ragga'an ilaalchisee namootni amma muudaman bakka amma barbaadaman kanatti jijjirama guddaa fidu jedhamee waan itti amanameefi jedhan.
Dabalataan namootni tokko tokko bakka kanaan dura muudaman irratti bu'aa barbaachisu waan hin fidneef, akka kaafamanii fi kaanis yeroo gabaabaa keessatti bakki isaanii jijjiramee muudamuun, bakka turanitti bu'aa gaarii fiduun bakka amma barbaadamanittis ni hojjetu jedhamee waan amanameefi jedhan Obbo Habtaamuun.















