Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisii Oromiyaa: Ajjeechaa Buraayyuutiin namoonni 23 lubbuu dhaban
Guyyoota dhuma torban darbeerraa kaasee Naannoo Finfinnee Goodina Adda Oromiyaa magaalaa Buraayyuu, Ashawaa Meedaa, Buraayyuu, Kattaa, Hoolotaa, Fiilii Dooroofi naannoowwan kanatti aleellaa uumameen yoo xiqqaate lubbuun namootaa 23 darbuu, Komoshinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Alamaayyoo Ijjiguu miidiyaalee biyya keessaaf himan.
Kanneen lakkoofsaan hedduu ta'an ammoo gara magaalaa Finfinneetti baqataniiru.
Aleellaa kanaan namoonni lubbuu isaanii dhabaniiru jedhaman lakkoofsi isaanii sirrii beekamuu dhabus hedduu ta'uu malu jechuun namoonni baqatanii ba'an BBC'tti himaniiru.
Yeroo waanti kun raawwatamutti biyya alaa hojiif deemanii kan jiran Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad karaa Itti-gaafatamaa Waajjira Ministira Muummee Obbo Fitsum Aragaa ajjeechaa, reebichaafi saamicha namoota nagaarraa cimsanii balaaleeffataniiru.
Shakkamtoonni yakka raawwatan akka seeratti dhiyaataniifi adabbii malu akka argatan ibsaniiru.
Qaamoleen nageenyaas dhimmicha atattamaan akka qulqulleeffataniifi tarkaanfii sirrii akka fudhatan qajeelfama kennaniiru.
Lammiilee lubbuun isaanii darbeef gadda guddaa itti dhaga'ame ibsanii, maatii isaaniif jajjabina hawwaniiru.
Itti-gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Obbo Ahimed Shideefi Itti-aanaan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa ibsa Dilbata waaree booda kennaniin, rakkoo uumame kanaan namoota miidhamaniifi buqqa'an gargaarsa barbachisu taasifamaa akka jiruu ibsaniiru.
Magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo keessatti mana barumsaa argamu Filphoos jedhamutti argamuudhaan namoota dhibbaan lakkaaman baqatanii achi qubatan yeroo daawwatanitti Kantiibaa Itti-aanaa Injiinar Taakkalaa Uuumaa yakki raawwatame kun simannaa gaafa Sanbataa simannaa Adda Bilisummaa Oromoof taasifame waliin wal hin qabatu jedhan.
Namoota aleellaa kanaan miidhaman keessaa hedduun gara Hospitaala Phaawuloositti geeffamanii wallaanamaa akka jiran gabaasaan BBC qaamaan achitti argamee mirkaneeffateera.
Namoonni miidhaan irra ga'ee hospitaalicha keessatti yaalamaa jiranis maqaan isaanii galma hospitaalichaarratti maxxanfameera.
Ogeessi wallaansa kennaa jiran akka maqaan isaanii hin dha'amne barbaadan BBC'tti akka himanitti,"namoota midhaan irra ga'ee wallaansaaf gara hospitaalichaa dhufan keessaa garri caalaan reebichaan miidhaan qaamaa kan irra ga'edha," jedhaniiru.
Namoota baqatan kana keessa daa'imman irraa jalqabee hanga maanguddootaatti jiru.
Dubartiin magaalaa Buraayyuu keessa jiraatte tokkoofi haadha ijoollee lama qabattee baqattee BBC'tti akka himtetti eessa akka deemtuufi maal akka gootu akka hin beekne dubbatti. "Waanan qabu hunda gateen baqadhee dhufe".
Humnootiin nageenyaa naannoo sana baayyinaan kan jiran yommuu ta'u buqqaatota kana gargaaraa jiru.
Kanumaanis walqabatee namoonni gurmaa'anii saamicha taasisaa turan 70 ol tahan to'annoo jala oolus Komishiniin poolisii Oromiyaa ibseera.
Qaama kamiyyuu kan bakka hin buune ijaaramanii yakka kana raawwataniiru.