Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad oggantoota Ginbot 7 waliin mariyatan

Madda suuraa, MARCO LONGARI
Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahmad daawwannaa Ameerikaatti taasisaniin dhaabbilee amantaa, dhaabbilee siyaasaa, namoota siyaasaafi rogeeyyii buleeyyii, akkasumas hawaasa bal'aa magaalota DC, LA fi Lakkuu (Miiniyaapolis fi St. Paul, Mineesotaa) waliin marii taasisaniiru, gaaffiilee ka'aniifis deebii kennaniiru.
Marii paartilee siyaasaa waliin taasisan keessaa tokko ogganaa garee Ginbot-7 Dr. Birhaanuu Naggaa waliin ture.
Akka Itti-gaafatamaan Hariiroo Dhimma Alaa paartichaa Obbo Na'aammin Zallaqaa jedhanitti, Ministirri Muummichaa Dr. Abiy Dr. Birhaanuufi Andaargaachew Tsigee dabalatee aanga'oota Ginbot-7 kan biroo waliin mariyataniiru. Gama mootummaatiin Obbo Lammaa Magarsaa maree kanarra turaniiru.
Maree sa'aatii lamaaf ture kanarratti jaalalaafi waliigalteerra akka ga'ame Obbo Na'aammin BBC'tti himaniiru.
Jijjiirama yeroo ammaa biyya keessatti mullataa jiru Ginbot-7 akka deggeru ibsanii Itoophiyaa gara sirna dimokiraasii haqa qabeessa ta'etti ceesisuuf taasifamu waliin ta'anii hojjechuuf akka jiran ibsaniiru.
Dabalataanis, miseensota isaanii biyya keessa socho'aa jiran gara siyaasa karaa nagaan qabsaa'uutti deebisanii haala ittiin gurmeessuun danda'urrattis mareen taasifamuu Obbo Na'aammin heeraniiru.
Addichi yeroo gara biyyatti deebiyus halli nageenya oggantootaa wabii ittiin argaturrattis mariin taasifameera. Loltoonni gammoojjii Ertiraa keessa jiranis karaa nagaa akka deebiyan haalli mijachuufii qaba kan jedhus irratti dubbatameera.
Obbo Na'aammin mareen ture walumaa galatti "baayyee bu'a qabeessaafi milki qabeessa kan turedha," jedhan.
Gaaffii filannoo biiyyattii keessatti taasifamu keessatti hirmaachuurratti Ministira Muumichaa waliin dubbattanii turtanii jedhuuf Obbo Na'aammin "Inni dhimma nuti dursa kenninuuf miti," jechuun akka paartii siyaasaatti yeroo ammaa aangoodhaaf dorgomuun ajandaa isaanii akka hin taane dubbataniiru.














