Garee xinxalaa Ertiraafi Somaaliyaa: Ertiraan Al-Shabaab deeggaruu ishii mirkaneessuu akka hin dandeenye beeksise

Madda suuraa, Getty Images
Gareen akka dhimma Ertiraa qoratuuf mana maree nageenyaa mootummoota gamtoomaniitti itti-gaafatamummaan kennameef, qorannoo hanga ammaa taasiseen Ertiraan Al-Shabaab akka deeggartu ragaa akka hin argatiin beeksiseera.
Manni maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii gabaasa torban kana baaseen, gareen Ertiraa fi Somaaliyaa hordofu akka ibsuttti, biyyoonni ollaa maqaan isaanii hin dhahamne lama Ertiraan Al-Shabaab deeggarti jedhanii himachuun ragaa dhiyeessanis gareen kuni garuu mirkaneessuu akka hin dandeenye beeksiseera.
Haa ta'u malee, ''kaampiin waraanaa biyyoota Arabaa gamtoomani dhiyeenya magaalaa Asabitti hundaa'e meeshaa waraanaa waan guuraa jiruu fi mootummaa Ertiraa waliin waan waliin hojjetuuf qoqqoobbii meeshaa waraanaa Ertiraa irratti ka'ame ture ni faallessa jedheera gareen to'anno taasisu kuni.''
Gareen kuni Ertiraan Al-Shabaabiif deeggarsa taasisaa jirti isa jedhame yeroo 4ffaaf qoratuus ragaa homaa argachuu akka hin dandeenye beeksiseera.
Dabalataanis, meeshaa waraanaa Ertiraa seenuufi Ertiraadhaa bahu ragaa agarsiisuu akka hin arganne kan ibse.
Ertiraan Jibuutii keessa nageenyi akka dhibu gareewwan hidhatan akka deeggartu gabaasa dhiyeesse keessa ibseera. Gabaasicha keessatti gareewwan mootumma Ertiraa irraa deeggarsa argatu jedhamani ibsaman keessaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Benishaangul, Ginbot 7 fi sochii dimookraasawaa ummata Tigraay (Afaan Tigreen Damhit jedhamu) akkasumas dhaaba Jibuutii mormu 'Front for the Restoration of Unity and Democracy (FRUD-Arme)' eeramaniiru.
Itoophiyaan gama ishiitin gareewwan mootummaa Ertiraa morman kan hidhataniifi hin hidhatin akka deeggartu ni beekama.
Rakkoon galoo galaana Edanitit uumame biyyoota gaanfa Afrikaa irratti dhiibbaa kan uume yoo ta'u sababa kanaanis rakkoo Ertiraa fi Jibuuti gidduutti uumame tasgabbeessuuf akka taajjabaatti daangaa biyyoota lamaan gidduu kan seenani turan loltoonni Qataar bahuuf dirqamaniiru.
Ammas taanaan naannoo Raas Dumeeraa jedhamuufi biyyoota lamaan waldhabsiisutti loltuun socho'aa akka jiruufi Jibuutiin loltoota Ertiraadhaan jalaa booji'aman akka jiran ibsituus ragaa akka hin arganne gabaasni kuni dabale ibseera.
Gareen dhimma Ertiraa qorate kuni Ertiraan Alshabaab deeggaruu ishiif ragaan waan hin argamneef ''dhimmi qoqqobbii biyyoota lamaa qofa qofaan akka ilaalamu'' dhaamsa dabarseera.
Gabaasni kuni, '' Ertiraa keessatti bulchiinsi qabeenya uumamaa haala gaarii hin taaneen bulaa jiraachuu ibsuun gabaasa mirga namoomaa mootummoota gamtoomanin humna namaa haala hin taaneen fayyadameera jedhame dhaabbanni albuudaa Navsuun jedhamu bakka albuudaa Bishaa jedhamu qofaa irraa dolaara miiliyoona 43.3 akka galfate ibseera.''
Gareen Ertiraa fi Somaaliyaa bara 2009 manni maree nageenyaa mootummoota gamtoomani qoqqoobbii waraanaa 1907 jedhamuun beekamu to'achuuf kan hundaa'e ta'uun isaa ni yaadatama.












