Kooriyaan Kaabaafi Ameerikaan walga'ii Singaapporiif qophaa'aa jiru

Madda suuraa, Reuters/Getty Images
Miidiyaan Mootummaa Kooriyaa Kaabaa akka gabaasetti Piyoongiyaangi michummaa haaraa Ameerkaa waliin uumuuf fedhii agarsiisteetti.
Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong_Uun fi Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi haasaa seena qabeessa wajjin taasisuuf guyyaan utuma lakkaawamuu tokkotti galeera.
Yaadi michummaa haaraa cimsuu piyoongiyaangi irraa dhagahame kun waldiddaa waggoota kurna hedduuf Ameerkaa waliin qaban kan jijjiiruudha..
Pirezidaanti Tiraampi walga'ii akkaan eegamaa ture kanarratti yaadaan gammadoo akka ta'an dubbatan.
Yaa'ii seenaa hooggantoota biyyoota lameenii keessatti isa jalqabaa ta'e kanarratti hirmaachuf ,hooggantoonni lameen Dilbata kaleessaa Singaappoor galaniiru.
Pirezidaant Tiraampi haala walii galaa walga'ichaa ilaalchisuun yaada tuwiitara irratti barreessaniin ''qilleensi gammachuu'' Eeshiyaa keessaa qillleensa'aa jira jedhan.
Walga'iin kun dhimmoota ijoo kan akka hojii niwukilaraa Kooriyaa Kaabaa dhaabsisuurratti xiyyeeffatanirraa eegala jedhanii abdatu Pirezidaanti Tiraampi.
Kooriyaan Kaabaa maal jetti?
Pirezidaanti Tiraampi waliin mari'achuuf gara Singaappoor imalani kan jiran Kim Joongi_uun , yaada Miidiyaa Biyyasaaniif kennaniin ''Fedhii jijjiiramaa gadaa kana keessa mul'achaa jiru milkeessuuf jecha michummaa haaraa ni uumna ''jedhan.
Dhimmoota daangaa Kooriyoota lameenii meeshaalee waraanaa irraa bilisa gochuurratti yaadota bilchaatoo fi furmaata ta'an dhiyeessuuf qophii akka ta'anis dubbataniiru.

Madda suuraa, Singapore/MOCI
Biyyoonni lameen maal fedhu?
Dhimmi ijoon marii kanaa Kooriyaa Kaabaa meeshaalee niwukilaa irraa walaba taasisuudha. Ameerikaan kooriyaa kaabaaf yaada kana dhiyeessitiif, Kooriyaan Kaabaa garuu yeroo dheeraaf ricnciuu malee deebii quubsaa fi waan fedhii ishee ifatti dubbachuu hin dandeenye.
Obbo Kiim diinagdee biyyasaanii cimsuudha ajandaasaa jalqabaa. Haala kanaan qoqqbbii jalaa of baasuu fi hawaasa idil addunyaa waliin hojjechuu fedhu. Gaaffii guddaan garuu hariiroo akkamii akka uumuu barbaaduu fi waadaa seenee itti cichee hojiirra oolchu qabaa kan jedhuudha.
Ameerkaan ammas taanaan walga'iin kun kan waan hunda xumuruu miti jetti. Pirezidaanti Tiraampi walga'ii kanaan ''haala walii baruu'' fi ''jalqabbii hojii keenyaati'' ittiin jedhan.












