Maatiwu Saalviniiniin doonii godaaantota ittiin baraaramaniitti daandii cufaniiru

Godaantota baraarfaman

Madda suuraa, SOS MEDITERRANEE

Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbati tola ooltuu SOS Meditaraaniyaa suuraa godaantota baraarfamii maxxanse

Ministirri dhimma keessaa Xaaliyaanii doonii godaantota 629 baattu gara buufataatti hin galle dhurkunsaanii godaantota naannoo Meditaraaniyaanitti takaaleera.

Hoogganaa liigii Faar Saayit jedhamuu kan tahan Maatiwuu doonii kana Maaltaan simachuu qabdis jedhaniiru.

Maaltaan gamasheetiin godaantota kana kan baraare dhaabbata tola ooltuu Jarman SOS Meeditaraanii jedhamu waan taheef to'annoo Xaaliyaanii jala galuu qabu jetti.

Godaantota Kaaba Afrikaa irraa gara Awurooppaatti qaxxaamuraniif Xaaliyaaniin balbala ijoo dha.

Liigiin Maatiwufaa filannoo waliigalaa dhiyeenya taasifameen dhimma godaantotaa irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatan waadaa galanii turan.

Dhaabbati tola ooltuu SOS Mediteraanii doonii Akuwaaris bulchu akka jedhetti, doonittin Wiirtuu Baraara Imala Galaanaa Xaaliyaaniin Maaltaarraa maayila 27,Xaaliyaanii irraa immoo maayila 35 fagaattee akka turtu ajajmteetti

Akka dhaabbtichaatti dooniin godaantota kana baraaruuf gara handaara galaana Liibiyaatti al ja'a deddeebite.

Dubbii-himaan dhaabbatichaa Rooyitarsitti akka himanitti '' Kaayyoon keenyi godaantota 629 buufata nagaan isaanii eegamuttii geessuu dha.Gariin isaanii kaleessa galagala baraarfaman'' jedhaniiru

Xaaliyaannitti bakka bu'aan baqattotaa Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii godaantotaafi baqattota hatattamaan,nagaan doonii jiran irraa akka qubsamaniif waamicha taasisaniiru.

Nama godaantotaan daldalu
Ibsa waa'ee suuraa, Nama godaantotaan daldalu

Doonii keessa eenyu fa'itu ture?

Godaantoti baayyee handaara galaana Liibiyaa irraa kan baraarfaman dha

Karaa kanarra godaantota biyyota Sahaaraan gadi seeraan alaa Awurooppaa galuuf yaalantu keessa jira.

Kana duras Kana duras humni galaanaa Xaaliyaaniin namoota 400 baraaree ture.

Namoota baraarfaman keessaa 123 dargaggota yoo tahan, 11 ijoollee xixiqqoofi dubartoota ulfaa torba dha jedha dhaabbati tola ooltuu Meeditaraaniyaa.

Dargaggooti kun umurii 13 hanga 17 tahan biyyoota Eritiraa,Gaanaa,Naayijeriyaafi Sudaan deeman akka tahan gaazexeessaan doonicha irratti argamte Aneelisee Boorgeees dubbatteetti

Doonii Akuwaaris godaantota baraartu

Madda suuraa, SOS MEDITERRANEE

Ibsa waa'ee suuraa, Dooniin Akuwaaris g akka ajajamtetti gara kaabaa deemaa turte

Warreen mootummaa qeeqan akka jedhaniiti godaantota deebisuun waan hin taaneefi sanyummaa kan kakaasufi waan namummaa siyaasatti geessu dhan jedhu

Waliigaltee mootummaa Xaaliyaaniifi Liibiyaa gidduu taasifame namoota baayyee karaatti kan hanbise yoo ta'u ,Xaaliyaanii garuu hamma yoonaa godaantoti 13,500 tahan seeraan galmaahaniiru jetti.