Itoophiyaan waliigaltee Aljeersi hojiirra oolchuuf

Loltoota Itoophiyaa

Madda suuraa, Alamy

Koreen Hojii raawwachiiftuu ADWUI walgahii idliee isaa har'a eegaleen, wal diddaa Itoophiyaafi Ertiraa jidduu tureef furmaata waaraa kennuuf jecha waliigaltee Aljeersiifi urtee Komishiinii Daangaa akka fudhatuu ibseera.

Walididdaa ummattoota obboolota biyyota lameenii jidduu ture hiikuun nageenya walitti fufiinsa qabu uumuuf waamicha daabarseera.

Wal waraansi ALI bara 1990tti eegalee tures, walitti bu'insa daangaa biyyoota Afriikaa kamiyyuu caalaa kan gama lamaaniinu lubbuu namoota hedduu galaafate ta'u kan eere ibsichi, kanneen kumaatamaan lakkaa'amanis naannoo daangaatii buqqaafamaniiru.

Walumaagalattis, waggoota 20 darban keessa ummattoota gama lamaan irrayyu dhiibbaa dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa bal'aan gahusaas himeera.

Kanaafuu, walitti dhufeenyi biyyoota lamaan maal ta'u mala? jedhus gaaffii lammiilee Itoophiyaafi Ertiraa akkasumas kan hawasa addunyaa ta'ee tureera.

Wal waraansaaan boodas jaaarsummaa dhabbata motummoota gamtoomaniifi Gamtaa Afriikaatiin waliigalteen Aljeersi taasifamus, waggoottan 20 darbaniif nageenyis ta'e waraanni osoo hinta'iin turaniiru.

Itoophiyaafi Ertiraaa

Madda suuraa, EPRDF Official

Walitti dhufeenya biyyoota lamaanii bakka tureetti deebiisuuf yaaliiwwan garaa garaa taasifamaa turanis bu'a qabeessa hinture kan jedhu ibsichi, amma nageenya dhugaa fiduuf adeemsaafi ejjannoo kana duraatiin adda ta'ee barbaachisa jedheera. Motumooti lamaanu fedhiifi filannoo ummattoota isaaniif eddo kan hinkennine ta'u hinqabaatan.

Kana malees, anatu caalaa jechuun ummattoota lamaaniifu kan hinfayyadne kan jedhu ibsichi, qabannaa'uu rakkina siyaasaafi tasgabbii biyyoota gaanfa Afriikaafi naannawa isaaniif walitti dhufeenyi nagaa Itoophiyaafi Ertiraa furmaata ta'a jedheera.

Kana ta'u hafusaattis carraawwan biyyoota lameeniifi biyyoota Gaanfa Afriikaatiif faayyidaa hedduun nu darbaniirus jedheera.

Kanaafuu ummattoonni faayidaa qofaan osoo hintaanee karaa dhiigaatiin illeen walitti hidhama qaban lamaan kunis bu'aa ummattotaaf jecha motummaan itoophiyaa waliigaltee Aljeersiifi murtee komishinii daangaa gutummaa gutuutti fudhachuun hojiirra olchuuf kan murteesseefi hojiirra olmaasaatifiis murannoon kan hojatu ta'u ibsu barbaada jedheera ibsichi.

Kana malees Motummaan Ertiraas haal-duraa tokko malee ejjannoo walfakkaatu fudhachuun waamicha kana fudhatee walitti dhufeenyaafi nageenya ummattoota lamaan jiddu ture deebiisuun itti fufiinsa isaatiifis akka hojatu waamicha taasiseera.