Mankuusaa daa'immanii godaantota Israa'eel

catering for babies

Madda suuraa, AFP

Godaantotni Afriikaa kuma 37 tahan Israa'eel keessaa garatti goran osoo hin bariin jiru, yeroo hammamiif akka biyyattii keessa turanis hin beekan.

Mootummaan akka isaan biyyattii gadhiisanii bahan barbaada, haa ta'u malee karoorrisaa jalqabaa gar tokkoosaanii baasuuf qopheeffate mana murtii biyyichaan akka dhaabbatu taheera.

Godaantonni kunneen biyyattii keessa ari'amna sodaa jedhuun sa'aatii dheera waan hojjetaniif, kanneen daa'imman qaban mankuusa daa'immanii seeraan alaa ta'e keessa daa'imman isaanii tursiisu.

Gabaastuun 'BBC Newsday' Noomiyaa Iqbal godaantota waliin wal arguuf bakkicha deemte waan agarte akkanaan seenesiti.

Presentational grey line

Apaartaamaa xiqqoo fi dhiphoon kibba Teel Aviiv wantoota kannen of keessaa qabdi. Kutaalee sadii, mana fincaanii tokko, raadiyoo sirba Ameerikaa taphachaa Jirtuu, dubartii lammii Naayijeeriyaa nyaata xuwwee tokko keessaa sochoostu, dubartii biraa cinashee teesse sanduuqa tarree galeeru ilaaltuu fi daa'imman 20 tahantu manicha keessa jira.

Foddaan manichaa banaadha garuu ijoollonni dhiiraas tahe dubartootni achi keessa jiran akka gadi bahaniif hin eeyyamamuuf..

Manni cufamee jiru sun akka mana keessa turan isaan taasiseera.

Warri hangafoonni akkuma achi geenyeen harka bal'isuun nutti fiiganii baga nagaana dhuftan ''shaalom'' nun jedhan.

Miirrisaanii daangaa hin qabne sun akka namootaan daawwatamanii hin beekne agarsiisa.

Dubartiin alawaada keessa turte isaan callisiisuufi xiyyeeffannoo kennuufiin hojii guddaa dha nun jette.

Apaartaamaan kun mankuusaawwan dhiphoo 90 eeyyama malee daa'imman Afriikaa godaantota tahan gatii rakasaan keessa tursiisan qaba.

Hanga odeeffannoosaa hin baasnettiifi eessa akka tahe hin himnettii, akkasumas yeroo seennus suuraa hin fudhannee fi sagalee hin waraabnetti daawwachuu akka dandeenyu nuuf eeyyamameera.

Bara 2015 daa'imman shan maal na dhibdeen ykn kunuunsa gahaa dhabuun iddoo turtii daa'immanii beekamtii hin qabne keessatti du'aniiru.

The Israeli government wants to deport thousands of migrants

Madda suuraa, EPA

Godaantotni baay'een giddugala Teel Aviivitti wal gahan kunneen, kaan miilaan Sudaanii fi Eertiraa irraa bara 2006 hanga 2012'tti achi galan.

Baay'eensaanii abdii kooluugaltummaa arganna jedhu qabu ture.

Lammiileen Sudaan fi Eeritiraa kuma 15 tahan iyyatanii namoota 12 qofaatu hanga ammaatti fudhatama argate.

Gareen mirga namoomaa Aminestii Internaashinal, Gamtaan Awurooppaa birqabaan bara 2016 iyyata lammiilee Eeritiraa 92% fudhatera jedha.

Amma Israa'el akka isaan bahan barbaadaa jirti.

Ji'a Amajjii keessa namoota fedha mataasaniin hanga xumura Bitootesaatti biyyattii gadhiisanii bahaniif paawondi 3500 fi tikeetii xiyyaaraa qopheessitee turte.

Namootni fedha mataa isaaniin hin bane hidhamuu fi murtoo dhufu hundaa akka fudhatanis himamee ture.

''Nuyi godaantota seeraan alaa carraa hojii barbaacha as dhufan irratti tarkaanfii fudhanna '' jedhan ministirri muummichi Israa'eel Benyaamin Neetaanyaahuu.

''Israa'eel ammas namoota baqattoota dhugaa tahaniif iddoo dahoo taatee itti fufti, namoota seeraan alaa immoo of keessaa baasti'' jedhan.

Karoorri mootumaa akka turu taasifamus ammayyuu Neetaanyaahuun akka bahan barbaada.

Presentational grey line

Maatiin daa'imman isaanii mankuusa kana keessa tursiisan wayita dhufanii ijoollotasaanii fudhatan haalichi akka isaan yaadesse himu.

Haati lammumaanshee Eeritiraa irraa taate tokko daa'imashee ji'a jahaa fudhachuu yommuu dhuftu mucaanshee callistee iddoo ciisichaa keessa xuuxxoo gogaa qabattee jirti.

Haati maqaanshee Feven jedhamtu ammo namoota daa'ima eegan waliin dubbachuu hin dandeessu sababa afaan garaagaraa dubbataniif.

Yeroo dheeraa taheera jette mucaashee homaa hin dubbanne yommuu fudhatee baatu, maallaqa argachuuf jecha qulqulleeseen jiraadha filannoo biraa waan hin qabneef dedeebi'ees nan ilaala jette.

Thousands turned out to protest at the Israeli government's plans

Madda suuraa, EPA

Namootni kuma 25 naannoo marfata Raabiin Teel Aviiv keesati waliiti qabamuun murtoo mootummaa mormaa turan.

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii wixinee lammilee Afriikaa hedduu gara Awurooppaatti erguuf gargaaru qopheessee ture, kaaniif iddoo jireenyaa Israa'el keessaa qopheessuf.

Netaaniyaahuun garuu dhorka seeraa fi dhiibbaan idil-addunyaa akkuma jirutti tahee carraa qabnu hundumaa fayyadamuun hojirra oolchuu qabna jechaa jira.

Kunimmoo haadholii hedduun daa'immansaanii bakka turtii daa'immanii beekamtii hin qabne keessa akka tursiisan dirqisiisee jira