Jaappaan: Mormii akka addunyaatti karaa adda ta'e gaggeeffame

Konkolaachistoonni baasii Jaappaan Magaalaa Okayaamaa keessa jiran mormiirra jiru; mormichi garuu mormii karaa hojii keessatti kanaan dura mullatee beekuun miti.

Ammallee konkolaachistooni kun hojii isaanii hojjechaa jiru, namoota deddeebisaa jiru.

Garuu hojii ijoo isaani ta'e hojjechaa hin jiran. Yeroo kaffaltii osoo hin fudhatiin hojjechaa jiran kanatti kubbaaniyaa walfakkaatan isaaniin dorgoman keessatti hojii isaanii kanaaf wabii barbaadu.

Tooftaan isaanii kan gaafachiisu ta'uu danda'a - hojjetoota gumurukii jireenya isaaniif jecha hojjetan danquun mala bu'a qabeessa miti.

Akka oduun marsariitii Oduu Jaappaan jedhutti, tola namoota deddeebisuun akka kubaaniyaan kun yeroo dorgommii kana keessa maamiltoota imaltootaa waliin hariiroo gaarii qabaatu dandeesiseera.

Baroota keessatti mormiin karaa adda ta'een gaggeeffaman keessaa kan gadii kaasuun ni danda'ama.

Waamicha Tiyaatira Giriik duriirraa

Fedha saal-qunnamtiif jiru dhorkuun meeshaa dubartoonni ittiin mormii isaanii mullisuuf itti gargaaraman ture. Kun bara tiyaatira nama kofalchiisu kan Aristoofaanesfaa ;Lysistrata' keessa ture.

Bara rakkisaa Waraana 'Peloponnesian' keessa dubartoonni Ateensi dhimma kana ofitti fudhachuun dhiirota waliin saal-qunnamtii diduun akka isaan dirqamanii maree nagaa fudhatan taasisaa turan.

Leymah Gbowee - 2011

Madda suuraa, Vital voices

Ibsa waa'ee suuraa, Leymah Gbowee hojiishee walwaraansa Laayibeeriyaa keessa ture dhaabsisuuf hojjetteen badhaasa Nagaa kan Noobelii argatteetti

Hojiisheen hojjette bara ammayoome kana keessattillee nagaa buusisuuf tarkaanfii walfakkaatu guutummaa adduyaarratti fudhachuuf kan kakaasu ture.

Hojii Leymah Gbowee bara 2003'tti hojjette kun walwaraansa Laabeeriyaa keessa ture dhaabsisuuf fakkeenyummaa adda ta'e agarsiiseera. Walitti bu'insa ture dhaabuu qofaa osoo hin taane, hojiin ishee kun akka isheen badhaasa Nagaa kan Noobelii akka argattu ishee taasiseera.

Waggoota dheeraaf taphni qillee dhibuu

Stanley Cup play-offs 2018

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 2005 keessa tapha qillee cabbiin dhibee kan kabajame hin turre

Guutummaan tapha Qillee Cabbii waggaa guutuu dhowwamuu yaaduun rakkisaadha; kun garuu bara 2004-05 keessa Ameerikaa Kaabaatti mudatee ture.

Mormiin tapha kana dhaabuus walii galtee NHL waldaa taphattootaa gidduutti ture haraasuuf gargaaree ture.

Mormii Dumboo

Mormii hojjetootaa

Madda suuraa, BRIDGEMAN IMAGES

Bara 941, warri Disney keessatti animeeshinii hojjetan sababii miindaatiif mormii taasisaniin beekamtii yuuniyeenii argatan.

Dumbo

Madda suuraa, Disney

Ibsa waa'ee suuraa, Omishni Dumboo addaan citee ture

Mormiin kun omishni Dumboo karaa animeeshiniitiin qophaa'u akka torbeewwn shaniif dhaabbatu taasiseera. I

Bosten keessatti seerri cabuu

Poolisoonni magaalaa Maasaachuseeti Ameerikaa keessa jiran Waraana addunyaa Tokkoffaan booda sababii qaala'insa jireenyaatiin miindaan isaanii gatii waan dhabeef bara 1919 gurmaa'uun mormii ulee poolisii gatuun gaggeessan.

Yeroo hedduun isaanii mormiirra turan sanattis, magaalattiin alkan hedduutiif seeramaleessummaan rakkoo keessa galte. Biyyattiinis nagaa deebisuudhaaf poolisoota kanaaf waamicha dhiyeessan.

Hunduu gaggeessaa isaaniif ba'anii morman

Namoonni kumaan lakkaa'aman gaggeessaa isaanii ari'ame akka debisaniif ba'anii yeroo itti mormanitti
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni kumaan lakkaa'aman gaggeessaa isaanii ari'ame akka debisaniif ba'anii yeroo itti mormanitti

Maasaachuseeti keessatti mormiin karaa aaddaa ta'e kan biroon gaggeeffameera. Dhumni isaa garuu gammachuu ture.

Mormiin kun garuu kaffaltaa ykn haala hojii waliin wal hin qabat.

Hojjetoonni Bakka Gabaa Giroosarii Baaskeetii waan tokko hojjechuu barbaadan - dursaa isaanii dhimma yakka maatii waliin walqabate bara 2014 keessa hojiirraa ari'ame akka deebiyu barbaadan.

Mormiin walitti fufuun waqtii gannaa keessa itti fufe, yeroo kana keessa kubbaaniyyaan sun guyyaatti galii $10m (£7.3m) dhabaa ture.