Raashiyaan dipiloomaatota Ameerikaa 60 ari'uun haaloo baate

Madda suuraa, EPA
Raashiyaan dipiloomaatota Ameerikaa 60 ari'uun akkasumas qoonsilaa Ameerikaa magaalaa Seent Piteersbeerg kan cufte, basaasaa Raashiyaa duraanii UK keessatti summaa'uu isaan wal qabatee basaasa tarkaanfii Ameerikaan fudhatte ija bahuuf ta'uun beekameera.
Biyyoota biroo dipiloomaatota Raashiyaa ari'atan irrattis tarkaanfiin ''walgitu'' akka fudhatamu ministirri dantaa alaa Raashiyaa beeksisaniiru.
Baasaan Raashiyaa duraaniifi intalli isaa kibba Ingilaand keessatti summii narvii miidhuun summaa'uu isaanii keessaa Raashiyaan harka qabdi shakkii jedhuun ture biyyootni akka UK dipiloomaatota Raashiyaa ari'uu kan eegalan.
Dipiloomaatii Ameerikaa biyyasheetii ari'uun tarkaanfiin Raashiyaan fudhatte ''kan hin eegamiinidha'' jechuun Waayit hawuus beeksiseera.
Kun ''walitti dhufeenya Ameerikaa - Raashiyaa daran kan miidhuudha,'' jechuunis ibsa isaanii keessatti dubbataniiru.
Sarjeey Iskiriipaal fi intalli isaanii Yuuliyaan, Bitoottessa 4, magaalaa Saalisbuurii keessatti teessuma irratti of wallaalanii argamuu isaaniin walqabate miidhaa qaqabeef mootummaan Ingilizii Raashiyaa himachuun ishee ni yaadatama.

Madda suuraa, EPA/ Yulia Skripal/Facebook
Gochaa Saalisbuurii keessatti raawwate keessa harki koo hin jiru jechuun Raashiyaan battaluma sana waakkateetti.
Iskiriipaal amayyuu baay'ee dhukkubsataa jiraatanis haala gadheerra akka hin jirre dubbatama. Intalli isaaniis itti fooyya'a akka jiru dubbatama.
Biyyoonni 20 ol ta'an Ingilizii tumsuun jila dipiloomaatota Raashiyaa biyya isaanii keessa ari'ataniiru.
Kanneen keessaas, jalqaba torban kanaarra dipiloomaatota 60 ari'uun qoonsilaa RaashiyaanSi'aatiil keessa qabdu kan cufte Ameerikaan ishee tokko.












