Laawuroon Arsenaqal Chelsii ni mo'ata; Maanchister Yunaatidis ni hinjifata jechuun tolmaameera

Madda suuraa, Alex Livesey
Akka tilmaama Laawurootti osoo ta'ee yeroo ammaa kana Maanchister Yunaayitid Maanchester Siitiidhaan qabxii tokko caalee argama ture. Dhugaan jiru garuu Siitiin Maacheedhaan qabxii 15niin caalee argama.
Taphoonni Piriimer Liigiin Ingiliiz tibba ayyaana waggaa kanas itti fufee jira. Wixata galgala tapha Maanchester dirree Evertenirratti qorama. Arsenaal ammoo Chelsii keessumsiisa.
Wixata
Biraayiten Boornimaawoz waliin
Biraayitenis ta'e Boornimaawox taphoota torban darbe taasisaniin qabxii gaarii galmeessisaniiru. Biraayten Niiwuukasiil waliin walqixa ba'ee Boornimaawoz ammoo everteniin mo'ateera.
Biraayiten dirreesaa irratti goolii hedduu lakkoofisuu muuxannoo qabaachuu baatullee morkataasaa qabxii gachiisiisuu ni danda'a.
Tilmaama Laawuroo፡ 1 - 1
Barnilee Liiverpuul waliin

Madda suuraa, BBC Sport
Warri Liiverpuul carraa goolii uumuun isaanii dabalaa dhufeera. Kutiiniyoo, Firmiiniyoo, Saalaahfi Maaneen dandeettii isaan yeroo kana irra jiran gammachiisaadha. Ta'us garuu humni toora ittisaa isaanii amansiisaa miti.
Warri Barnilee taphoota 10 dirreesaaniirratti taasisan keessa goolii 10 qofa lakkoofisuu kan danda'an. Ani Liiverpuul ni mo'ata jedheen tilmaama.
Tilmaama Laawuroo፡ 0 - 2
Leesiisteer Haaydesfiiildi waliin
Warri Leesiister dorgommii Liiverpuul waliin taasisaniin morkatoo cimoo turan. Kiloodii Puuyel erga kilabicha qabatanii dorgomaa gaarii ta'aa dhufaniiru.
Warreen Haayideersifiildi gama biraan si'a sadii walitti aansuudhaan walqixa ba'aniiru. Ta'us garuu sigigaachuurraa ofkalanii sadarkaa 11ffaa irra taa'aniiru.
Tilmaama Laawuroo፡ 2 - 0
Istook Niiwuukasiil waliin
Tapha Sanbata darbeen Chelsiin Istook Siitiitiin 5-0 haleelee ture. Maark Hiyuuz warra Istook tapha Cheslii sanaaf taphattoota muuxannoo hin qabne ture kan hiriirse.
Niiwuukasil haalli amma itti jiran gammachiisaa miti. Tapha Muddee keessa taasisan toorba keessaa qabxii afur duwwaa argachuu danda'an.
Tilmaama Laawuroo፡ 2 - 1
Everteen Yunaaytin waliin

Madda suuraa, BBC Sport
Saam Alardaayis erga kilabicha qabatanii Everteen yeroo jalqabaaf kan mo'ame, kunis dirree Boornimaawozitti ture. Alaardaayis garee itti muddisiisuu itti danda'a. Cheslii waliin kan argines kanuma ture.
Yunaayitid taphoota sadan walitti aanan walqixaan xumureera. Raashfoordi ta[hoota hedduurra turuusaatiin dadhabbiirra jira kan jedhan Moriinoon Lukaakuufi Ibraan miidhamarraa waan jiraniif dargaggoo Ingiliiz kana akka hiriirsan ni eegama. Tapha kas mo'ichaan akka xumuran nan tilmaama.
Tilmaamaa Laawuroo፡ 0 - 2
Kibxata
Saawuuzhaampiteen Kiriistaal Palaas waliin
Saawuuzhaampiteen yeroo Yunaayitid waliin walqixa ba'anitti haala gaariirra jiru. Warri Paalaas ammoo carraa Siitii mo'uu danda'an balleessanii walqixaan xumuraniiru.
Ta'us garuu tapha kanaan Saawuuzhaampiteen ni mo'amu jedheen tilmaama.
Tilmaama Laawuroo፡ 1 - 0
Siwaansii Tootinhaam waliin

Madda suuraa, BBC Sport
Kaarloos Karhaal leenjisaa Siwaansii ta'an erga jalqabanii tapha jalqabaatiin mo'icha argataniiru. Inniyyu dirreesaanii ala.
Taphataan sarara duraa Tootinhaam Harii Keen goolii sadii (hatiriikii) lakkoofsisuu yoo danda'a waggoota 71 keessatti Liigicha keessatti taphoota walitti aanan sadiitiin taphataa hatiriikii hojjete ta'a.
Tilmaama Laawuroo፡ 0 - 3
Westihaam westibiroom waliin
Westihaam bara Deeviid Moyees kanatti jijjiirama fiduu danda'eera. Westibiroomis erga Alaan Paardiwuun qacaree mo'achuu baatullee jijjiirama taphaa agarsiiseera.
Tilmaama Laawuroo፡ 1 - 1
Maanchester Siitii Waatifoordi waliin

Madda suuraa, BBC Sport
Paalaasiin mo'amuurraa xiqqoof ofkalanillee waarreen Siittii bara dorgommii kana osoo hin mo'amiin xumuruu hin danda'an jedheen yaada. Gaardiyoolaanis tapha Shaampiyoonsi Liigii walakkeessa Bitootessa keessa jiruuf jecha taphattoota duraa boqochiisuu akka danda'an nan tilmaama.
Siitiin kilabii tokkoon akka mo'amu amanulleen Waatfoordi akka hin taane garuu sirriittan beeka.
Tilmaama Laawuroo፡ 4 - 0
Roobii
Arsenaal Chelsii waliin

Madda suuraa, BBC Sport
Bara dorgommii darbe keessatti Arsenaal taphoota Chelsii waliin taasise keessatti akka Cheelsiin waancaa fudhatu gochuu keessatti ga'ee taphatee ture. Arsenaal Chelsiitiin 3 - 0 erga dhukkee irraa kaasee booda Konteen erga hiriira taphattootaa jijjiiree taphoonni turan 13 walitti aansuun akka mo'atu isa taasiseera.
Arsenaal yeroo dirreesaa irratti taphatu ga'umsa gaarii agarsiisa. Anis tapha kan ni mo'atu jedheen tilmamaama.
Tilmaama Laawuroo፡ 2 - 1












