Arjantiinaan barbaacha doonii baddee dhaabde

Madda suuraa, Reuters
Humni Galaanaa Arjentiinaa yaalii gurmuu doonii 44 kan torbaan lamaan dura baddee lubbuun argachuuf taasisuu akka dhaabee beeksiise.
"Yaalii danda'amu hundi taasifamu illeen, doonii bishaa keessa deemtuu sana argachuun hindanda'amne,'' dubbii himaa humna bishaa galaanaa Inriiquwe Baalbii Kamisa dubbatan.
Dooniin ARA Saan Ju'aan jedhamuun beekamtuus, kan yeroo jalqabaatiif waajjira waliin quunnamtii taasifte guyyaa Roobii Sadaasa 15 ture.
Erga dhiheenya lafa doonittiin dhumara turteetti dho'iinsi dhagahamuunsaa shakkamee as lubbuun jiraattoota argachuuf abdiin hirateera.
Humni galaanaa murtee kana maaliif taasisee?
Barbaachi doonittii ''lakkoofsa guyyoota itti gurmuu baraaruuf kaa'ameen dhachaan oliin dheereffameera,'' jedhaniiru Kaapteen Baalbiin.
Jechi isaa kunis kan guyyoota doonii itti bishaan keesssa turuu ni dandeessi jedhame tilmaamamee jechuudha.

Madda suuraa, EPA
Kaapteen Baalbii akka jedhanitti, carraa miseensoota gurmu maal akka ta'e mirkanneessuun dadhabamu illeen, ''naannawan barbaachii itti taasifameetti cabaan doonii omtuu argamu hindandeenye'' jedhaniiru.
Innis ''fuulli geedarameera,'' duulli barbaachaa dooniiwwan hedduu fi bidiiruuwwan hirmaachisee, ammaan tana qarqara galaana lafa itti akka dooniin ARA Saan Ju'aan itti baduun amanameetti cacabaa eegaa jiruu.
Dooniittii maaltuu mudatee?
Donitiin ergama irraa gara Ushuwayii deebii'aa turte. Wayita 'gargar cituun elektiriikaa' dhagahameetti dhiheenya qarqara Kiibba Ameerikaa turte. Akka komaandara humna galaanaa Gabreel Gaaleeziitti, doonittiin bishaaniin olitti bahuun turee akka ''rakkinni elektirikaa' mudatee kan gabaafamee ture.
Isaan boodas ergama isaanii gabaabsuun gara bu'uura humna galaanaa Maar del Plaataatti atatamaan akka deebii'aniif ajajni kennameef ture.
Quunnamtiin humni galaanaa biyyattii doonitti walin taasisee kan dhumaas Sadaasaa 15 gara 07:30 (10:30GMT) ta'a. Wayita sanattis gurmuun miseensootaa hundi nagaa ta'usaanii kaapiteenichi irra deedeebiin mirkaneesse jira.
Erga doonitiin baddeen guyyoota saddeetiin boodas, dhaabbanni yaalii Nikulaaraa Veenaatti bu'uura taasifate tokkos erga isaanii qunnamtii yaasiisaniin sa'aatiiwwan muraasaan booda sagalee dhagahu beeksisee.
Humni galaanaa Arjantiinaa sagaleen dho'iinsaa jiraachu qabaata ture jedha.

Guyyaa Kibxataa Kaapiteen Baalbiin karaa wayita dontiin bishaan jala galtuutti akka qilleensi lafa irraa galuuf gargaaruun bishaan doonii keessatti galusaa riiportarootatti himaniiru.
Bishaan soogiddaa tirii baatirii keessa galuun akka baatiriin hojii dhaabuu fi waljalaan akka boba'u sababa ta'eera jedhaniiru.
Firoonni Miseensoota Gurmuu maal jedhu laata?
Dho'iinsa doonittii mudachuusaa oduun dhagahamuunsaa firoota miseensoota gurmuu Maar del Plaataatti walgahanitti kan himame torban darbe ture. Isaanis ariifi bo'iichaan deebii kennan.
Maatiin misensootaa muraasaatiis nu soobuun abdii nuu kenne jechuun komataniiru.
Kaana ammoo motummaatti qubasanii qabuu, hirinnii maallaqaa fi humna waraanaa keessatti malaamaltummaan baayyachuunsaa walitti eda'amuun doonitiin akka nagaa hin taane gumaacheera jedhu.

Madda suuraa, Reuters
The submarine, with its 44 crew, set off under the command of Pedro Martín Fernández.
Miseensoonni dooniichaa 43 hundi dhiiroota yoo ta'an, takkittiin Eliana María Krawczyk qofatu dubartiidha. Dubartiin umurii 35 tunis Arjantiinaatti qondaala dubartii jalqabaa doonii bishaan jalaa keessa tajaajiltuudha.
Kanneen hafa ammoo oggeessoota damee sanaa muxannoo fi umurii garaa garaa qabaniidha.

Injinarri doonittii, Hernán Rodríguez, ARA Saan Ju'aan waliin waggoota 11f hojachaa ture.
Ergamtoonni barbaachaa addunyaas namoota 4,000 biyyoota baayyeerraa hirmaachisanii ture.
Pirezidaantiin Arjantiinaa Maayurikoo Maakri badiinsa doonii kana irratti qorannaan akka gaggeefamuuf ajajaniiru.












