Filannoo Keeniyaa: Sirni waadaa galuu Keeniyaattaa haala nageenyaa cimaan

Madda suuraa, AFP
Sirna waadaa galuu Pirezidaanti Keeniyaataa kan bara taayitaa saa yerooo lammaffaatiin dura haalli nageenyaa magaalaa gudditti, Naayiroobii baayyee cimee ture.
Ogganooti biyyootaa 20 fi ministiroonni angafooti sirnacha irratti ni argamu jedhamee eegama.
Ogganaa paartii mormituu, poolisiin dhorkuulleen Raayilaa Odiingaa kan filannoo pirezidaantummaa keessatti qooda fudhachuuf didee hiriira mormiitiif waameera.
Filannoon Pirezidaantummaa baatii Hagayyaa mana murtii Olaanaaatiin rakkinna qaba jechuun haqamuunsaa ni yaadatama.
Filannoon irra deebiin Onkoolooleessa 26 gaggeefameen Mr Keeniyaataan persantaa 98 mo'achusaanii barameera.
Sirna garaagarummaa guddaa irratti xiyyeefate
Sirni Kibxataa kunis istaadiyeemii Naayiroobiitti sa'aatii 4 (10:00 am) irratti eegale.
Qophisitoonnis keessummoonni gara kuma 60 ta'anii bakkichatti ni argamu jechuu kan eegan yoo ta'u, warra hindandeenyeef alatti haalli sirnicha itti argu danda'an iskiriinii guuddaan qophaa'eera.

Madda suuraa, EPA

Madda suuraa, AFP
Itti aanaan Pirezidaantii Keeniyaataa, Wiiliyaam Rutoos kakuu raawwataniiru.

Madda suuraa, AFP
Oggantoota biyyoota sirnicha irratti ni argamu jedhamanii eegaman keessaa, Minisitirri mumichaa Issiraa'eel Benjaameen Netaanyaahu, Pirezidaantii Yugaandaa Yooweerii Museveni, Ministra mummicha Itoopiyaa obbo Haayila maariam Dasaalanyi fi prezidaaantii Ruwaandaa Pool Kaagaame ni argamu.
Gamtaan paartii mormiituu Keeniyaa akka sirna waadaa galiinsaa irratti hinargamneef waamicha taasisuun, bakka isaa hiriira mormii akka gaggeesaniif gaafateera.
Poolisiin ammoo gamtichi hiriisa akka hingaggeesineef akeekachiseera.

Madda suuraa, EPA














