Filannoon irra deebii Keenyaa bakka lamatti qoodeera

Madda suuraa, Getty Images
Keenyiaanooti filannoo irra deebii mormii irraa bilisa hinoliin har'a ogganaa isaanii filataa olanuun wayita ammaa kanattis lakkoofsi sagalee eegaleera.
Walita'insii paartilee mormitootaa NASAn irratti qooda hinfudhadhu kan jedhe filannoon pireezidantummaa irra deebii har'aa, fialattoonni sagalee kennaa kan olan haara eegumsa nagaa cimaan ture.
Naannoolee bakka deegartoonni ogganaan Paartii morimituu Raayilaa Odiingaa itti baayyatanitti lakkoofsi filattootaa baayyee xiqqaa yoo ta'u, buufanni filannoo Kisumuu ammoo osoo hinsaaqamiin oleera.
Karaa gama biraatiin ammoo, Pireezidaanti Uhuuruu Keeniyaataan erga filataniin booda lammiileen bahuun akka ogganaa isaanii filataniif waamicha taasisaniiru.
Naannoolee deegartoonni pireezidaantichaa itti argamanittis, lakkoofsi sagalee kennitootaa olaanaa ta'usaanii hubatameera.
Magaalaa Naayiroobii naannawa Kibeeraa jedhamutti fi Mombaasaafi Kisumuutti deegartoonni Raayiilaa Odiingaa poolisoota waliin walitti bu'aniiru.

Komishiiniin Filannoo Keenyaa filannoo Hagayya 8 gaggeefamee tureen Pireezidaantii Uhuuruun mo'ataniiru jechuun labsuu illeen, manni murtii waliigalaa bu'aa isaa haquun filannoon irra deebiin akka gaggeefamu erga taasifameen booda komishinichi balaaleefannaafi miidhaa olaanaaf saaxilamee ture.
Raayilaa Odingaas komishinichi filannoo amanamaa ta'ee gaggeessuuf fooyyee'iinsa barbaachisu hintaasifne jechuun fulannoon irra deebii achi akka siquufa gaafatanii turan.
Manni murtii Keenyaa filannichi akka achi buutamuuf gaafatamu illeen abbootii seeraa osoo hinguutiin waan hafaniif murtee osoo hinkennamnii hafeera.
Buufataalee filannoon itti gaggeefameetti lakkoofsi sagalee kan eegaleera. Buufataalee filannoo sababii dhabiinsa tasigabbiiittiin filannoon itti hingaggeefamneetti ammoo, Onkololeessa 28 filannoon akka gaggeefamu ibsameera.












