Keenyaanonni haala nageenyaa yaddessaa keessatti filannoof bahan

Haallli nageenyaa baay'ee yaaddessa ta'us, Keenyaanonni filannoo irra deebii paartiin mormitootaa guddichi keessaa bahe adeemsisaa jiru.
Marsaa lammaffaaf akka filamu kan fedhu Pireezidant Uhuuruun uummanni bahee akka filatuufi nagaafi tasgabbiin akka turu gaafatan.
Dursaan mormitootaa Raayilaa Odiingaan ofii filannicha keessaa of baasee, deeggartoonni isaas akka hin filanne waamicha taasise.
Filanno Hagayya 8 darbe adeemsifame irratti Uhuuruun injifachuun isaanii labsamee ture, haa ta'u garuu filannichi haqameera.
Buufataaleen filannoo Kamisa ganama sa'aa 12 irraa eegalee yoo banamu, poolisoonni kuma kurnaan lakkaa'aman nageenya warreen filatanii akka tiksan ramadamaniiru.
Jala bultii filannichaa irratti "abbootiin keenya Afriikaanonni mirga filachuu akka argataniif jecha du'an, waan isaan nu dhaalchisan kana gatuu hin qabnu" jechuun lammiileen akka filataniif waamicha dhiyeessan.

Madda suuraa, EPA
Komiishiniin Walabaa Filannoo fi Daangaalee (IEBC)'n Uhuuruun filannoo Hagayya 8 injifachuu isaanii erga labsee as, dubbiiwwan haleellaaf nama kakaasan komishiinicha irra gahaa turan.
Torbee darbe, qondaalli olaantuun komiishinichaa tokko gara Ameerikaatti baqattee jirti.
Baati Hagayyaa booda filannicha waliin wal qabatee namoonni 70 ajjeefamaniiru jiru.
Odiingaan guyyaan filannichaa akka dheeratu mana murtiif waamicha dhiyeessanii turan, haa ta'u malee abbootii murtii dhimmicha ilaalan torba keessaa kan dhaddacha sanarratti argaman lama qofa waan ta'aniif, murtiin hin kennamiin hafe.
Warra hafan keessaa tokko kan taate haati murtii Filoomeenaa Miwiluu, waardiyyaan ishee namoota hin beekamneen rasaasaan waan duraa rukutameef hafte.

Madda suuraa, Getty Images
Odiingaan filannoo Kamisaa hiriira mormii guddichaan adda kutuuf yaaduun, deeggartoota isaaniif waamicha godhanii jiru, garuu ammoo walitti bu'iinsa mudachuu malu hambisuuf naannawa buufata filannootti akka hin dhiyaannes waamicha godhaniiru.
Paartiin isaanii NASA'nis gara sochii fincilaatti jijjiiramuu isaa labsanii jiru.













