Dargaggeessa du'a miliqee kaanitti abdii hore

Beelli bara 1977 Kaaba Itoophiyaa kan akka Tigraayiifi Wallootti mudate godaannisa dhiiseeti darbe. Mootummaan Dargii yeroos qubsumni fala ta'uu danda'a jechuun bakka lafti jiidhaan argamutti geessuu murteesse.

Naannoo Allaamaaxaa ganda Lolaa jedhamu jiraataa kan turan abbaafi harmeen Abbabaa Aaddee Fantaahun, daa'ima isaanii dhiisanii bakka gabaa dhaqanitti mootummaan helikoptaraan fudhatee Wallaggatti geesse. Warra isaa kan dhabe Abbabaan, akkoo isaa waliin jiraachuu yoo eegalu umuriin isaa jaha ture.

Osoo hin turiin garuu ilmi warra isaa dhabe beelaan dhukkubsachuu eegale. Waan godhan kan dhaban akkoon ilma xiqqaa harka isaanitti rakkataa ture, dhaabbata gargaarsa Kaatolikiitti kennan.

Hojjeettonni dhaabbatichaas kun waan du'e jechuun reeffa owwaalchaaf tarreeffaman bira ka'an. Namoonni kana arganis dhoksuun, ilma qarqara du'aa gahe jedhame akkootti deebisan.

Akkoon yoona hin gammanne. ''Maaliif fiddan? Ijakoo duratti maaliif du'a?'' jedhan jaruma Kaatolikitti deebiisan. Ilma du'e jedhan ol kaa'an kan itti deebifame jarri dhaabbata gargaarsaas rifaatuun fudhatan. Erga kununsa fayyaa argateen boodas akkootti deebisan.

Yoo of baru maal jedheerre?

Ilmi xiqqaan warri biraa badan gaafa ofi baraa deemu, warraa gaafachuu eegale. Akkoonis ''gabaa dhaqan, hin deebii'uu'' jedhanii sossobu. Booda garuu abdii kanaan jiraachuu hin feene.

Isaan dhiise Allaamaaxaatti qajeele kadhachaa daandiirra jiraachuu eegale. Mootummaan yeroosi warra isaa bakka kaanitti geesse, ammas ijoollee warra malee daandiirra jiraatan sassaabee qubsumatti geesse.

Haa ta'u malee, yeroos Abbabaan Lixa Itoophiyaatti imaluu dhiise Finfinneetti bu'e. Garuu, achiis jireenyi isaaf hin taane; haftee namaa nyaachuu, jimaa qama'uufi tamboo xuuxuu barate.

Guyyaa guutuu kadhaarra oole halkan bakka arge bula. Yeroosi waa'ee ofiis yaadu eegale. Bakka warri isaa biraa badan baruuf osoo yaaluu Afaan Tigree dubbachuun isaa achIi dhufuu isaa isa yaadachiise.

Mootummaan Dargii yoo kufe kan ammaa aangoo qabatu ijoolleen magaalaa Finfinnee keessa turan qe'ee guddisa daa'imman Maqaleetti qophaa'e keessa akka seenan ta'e.

Abbabaan dhaabbata gargaarsaa Les Prins (Tasfaa) keessatti ramadamuus qe'ee hin oolu, keessaa ba'ee jooraa oola ture. Mana barumsaa kanas umurii 13'tti kan seene yoo ta'u, magaalaa Wuqroo, Maqaleefi Finfinneettis barateera.

Innis ta'e warri isaa lubbuun jiraachuu quba walii hin qaban. Bara yunvarsiitii inni baratu beeksisa iyyaafannaa nama Abbabaa jedhamuu kan Tigraayirraa bade raadiyootti dhagahe.

Barbaacha eegaleenis obboleessaa xalayaan erge. Boodarras warra iyyaafachuuf gara Naqamtee imale. Warri wal argiin turan, garuu wal baruu hin dandeenye ture.

''Hundi keenya fajajne dhaabanne. Harmeen koo na agarte yaadaan baduun booda gaggabde.''

Barumsa yunvarsiitii isaa kan itti fufe Abbabaan, eebba booda dhaabbata daa'immaan dhiiga isaanii keessaa faayirasii HIV qaban gargaaru keessatti mindeeffame.

Daa'imman hedduu vaayrasii kanaan hubaman gargaarsa barbaacha yoo Tigraayirraa gara Finfinnee deeman waan argeef, kaka'umsa isaatiin kunuunsa daa'imman maqaa Lolaa jedhuun bara 2001 dhaabbata gargaarsaa Maqaleetti hundeesse.

Abbabaan kaleessa qe'ee du'aa gahee deebi'e har'a daa'imman duuni jarjarsu bira dhaabateera. Dhaabbanni hundeessees Tigraay keessa kan duraati.

Daa'immaan 20 warra dhaban guddisuun alatti, kan guyyaa dhaabbatichatti gargaarsa argatanii mana saaniitti galan walumaa gala daa'imman 56 gargaaraa jira.

Duraan kiraa manaatiif ji'aan qarshii kuma kudhan kan kanfalu yoo ta'u, amma garuu bulchiinsi magaalaa Maqalee naannoo Dabra-Gannati jedhamutti lafa kaare meetira 5,000 kenneefii mana ijaareera.

Abbabaa Fantaahuun bultii kan dhaabate yoo ta'u, warri isaa har'as Wallagga jiraatu. Inni garuu, ijoollee guddisu waliin bakka itti hijatu Maqalee jiraataa jira.