Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sooriyaan dhukaasa dhaabuu labsituus walitti bu'iinsi hammaate

Pirezidantiin Sooriyaa ''dhukaasa dhaabuu atattamaa'' labsaniis kibba Sooriyaatti walitti bu'iinsi gosaa itti fufe. Torban tokko keessa namoonni 900 ol ajjeefamuun gabaafameera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasni kallattii xumurame.

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo xumurame.

    Nagaan bulaa.

  2. Yukireen Raashiyaa waliin marii marsaa biraa barbaaddi - Zeleniskii

    Yukireen marii nagaa haaraa Raashiyaa waliin taasisuuf yaada dhiheessuun marii ji'a darbe addaan cite deebinee jalqabuuf barbaanna jedhan pirezidantiin biyyattii Volodimiir Zeleniskii.

    Qondaalli nageenyaa olaanaan biyyaatti Rustaam Umeerov torbee dhufu gita isaanii Raashiyaa waliin akka wal argan gaafataniiru.

  3. Gaarreen Goolaan maaliif akkasiin falmisiisaa ta'e?

    Israa'el lola garee saba xiqqoo kan ta'an Diruuz kan kibba Sooriyaa fi loltoota Sunnii Bediwuun gidduutti godhame jidduu seenuun naannoo falmii guddaa qabu irratti xiyyeeffannoon akka kennamu taasise.

  4. ''Warri nutti duulan qabsoo Oromoo Kiiloo 4 baasee Soloolootti deebisuu barbaadudha''

    Warri mootummaatti duulan qabsoo Oromoo bosonatti deebisuu barbaadu jechuun Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa komatan.

    Obbo Shimallis Yaa'ii Caffee Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti adeemsifamaa jiruurratti haasaa taasisaniini kana kan jedhan.

  5. ''Of eeggannoo barbaachisaa gochuu qabna'' - Pirezidant Isaayyaas

    Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii barbaacha ulaa galaanaa Itoophiyaan itti jirtu busheessuun, gocha maal na dhibdeedha jechuun dubbatan.

    Pirezidantiin erga Ertiraan hundooftee qofaa isaanii bulchaa jiran kuni gaaffiifi deebii Televijinii Biyyaalessaa biyyattiif kennaniifi Sambata qilleensarra oolerratti kana kan dubbatan.

  6. Sooriyaan walitti bu'iinsa gosaa hammaate to'achuuf yaalaa jirti

    Pirezidantiin Sooriyaa ''dhukaasa dhaabuu atattamaa'' labsaniis kibba Sooriyaatti walitti bu'iinsi gosaa itti fufe.

    Gabaasonni akka jedhanitti, loltoonni Diruuz magaalaa Suweedaa keessaa humnoota Beduwiin magaalaa Suweedaa keessaa lolanii baasaniiru.

    Magaalota biroo bulchiinsa Suweedaa keessa walitti bu'iinsi itti fufeera jedhameera, BBC'n adda baafachuu baatus.

    Humnoonni mootummaa Sooriyaa jalqaba torban kana bobbaafaman hawaasa Diruuz irratti haleellaa banuun himatamaniiru.

    Torban tokko keessa namoonni 900 ol ajjeefamuun gabaafameera.

    Qaamoleen walitti bu'iinsa keessa jiran hundi badiin himatamu.

    Ministirri Dhimma Alaa US, Maarkoo Ruubiyoo, Sooriyaa keessa ''gudeeddiifi ajjeechaan namoota nagaa'' dhaabbachuu qaba jechuun gaafa Sambataa X gubbaa barreessaniiru.

    Dabalata:

  7. Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa gartuu Dr Tasfaayeef beekamtii kenne

    Gartuun ogeeyyii fayyaa Dr Tasfaayee Taliilaan durfamu wal’aansa onnee namoota 165’f taasisuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

    Gartuun ‘Heart Attack Ethiopia’ jedhamuun mogga’e silaa namoota 120’f wal’aansa gochuuf karoorse ture jechuun Ministirri Fayyaa Dr Maqdas Dhaabaa dinqisifataniiru.

    Gartuu kana dalageefis beekamtiin kennamuu ministeerichi beeksiseera.

    Wal’aansa gochuun ala ogeeyyii kaan leenjisuu isaaniis Dr Maqdas galata dhiheessaniiru.

    Qindeessaan gartuu ogeeyyii fayyaa Dr Tasfaayee Taliilaa milkaa’inni kuni kan walooti jechuun ministeericha, hospitaalotaafi ogeeyyii kaan galateeffaniiru.

    Gartuun ‘Heart Attack Ethiopia’ jedhamu ogeeyyii fayyaa tola ooltummaan US, Kanaadaafi Hindiirraa walitti dhufan dhihoo wal'aansa taasisan.

    Dr Tasfaayeefi haati warraa isaanii Dr Obsineet Marid kana durallee gara Itoophiyaa dhufanii tajaajila akkanaa dalaganiiru.

  8. Raashfoord Baarseloonaa seenuuf fiixeerra gahe

    Jifataan Maanchistar Yunaayitid Maarkas Raashfoord Baarseeloonaa seenuun abjuu isaati.

    Abjuun isaa kunis waan milkaa'uuf deemu fakkaata.

    Taphataan Maanchistar Yunaayitid keessa hin barbaadamtu jedhame kuni kilabii Ispeen seenuuf waliigalteerra gahuuf dhihaachuu gabaafameera.

    Leenjisaan haaraa Yunaayitid Ruuban Amoorimiin Raashfoord hin barbaanne.

    BBC Ispoort akka odeeffateetti Baarsaa waliin afaaniin waliigalameera. Haasaan waliigaltee eegalame ergisaan akka taphatudha.

    Garuu, filmaata achi seenuus kan dabalatedha. Raashfoord walakkaa bara dorgommii darbe ergisaan Astoon Viilaatti dabarse.

    Waa'ee Raashford kana beektuu?:

  9. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Odeessa biyya keessaafi alaa jiran jala jalaan isin biraan geenya.

    Isiniis miidiyaa hawaasummaa keenyaa; Facebook, WhatsApp fi YouTube'dhaan nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  10. Namicha jaalalaan gowwoomfame 'giiftii bareedina Faransaay fuudhuuf' km700 imale

    Namni lammii Beeljiyeem giiftii bareedinaa Faransaay itti heerumuuf akka waliigalteetti gowwoomfame tokko, haadha warraa isaa gara fuula duraa waliin wal arguuf imala km760 (maayilii 472) deemuun erga mana ishee qaqqabeen booda, miidhamaa gowwoomsitoota toora interneetii irraa ta'uu hubate.

    Namtichi maqaansaa Misheel kan umuriin ganna 76, mana Soofii Voozelaa'ud Faransaayitti argamu wayita qaqabetti, abbaan warraa moodeela kanaa waliin walitti bahan.

    Abbaa warraa Aadde Foofii Obbo Faabii'eniitti akka himetti, namoota gowwoomsitootaaf Yuuroo kuma 30 (Doolaara kuma 35) kaffalee torban hedduudhaaf dubartii jedhamte waliin hariiroo jaalalaa keessa akka ture itti fakkaate.

    "Ani nama gowwaadha" jedhe namichi, karaa dhufee dheeraa deebi'ee deemuuf wayita eegaluutti haadha warraa fi abbaa warraa gaa'elaa gowoomfamuun manasaanitti argame kanneeniin.

    Misheel balaan kun kan beekame viidiyoon wal arguu isaa kan carraa hin qabne hiriyoonni gaa'elaa kana waliin taasise Faabien toora interneetii irratti erga qoodamee booda.

    Waan Misheel qaqqabe kun kan beekame erga waraabbiin viidiyoon haadhaafi abbaa warraa Faransaayiin wal arguu abbaan warrichaa toora interneetiirratti qoodamee booda ture.

    Torban hedduudhaaf, namni lammiin Beeljiyeem kan haatii manaasaa jalaa erga duutee waggaa afur ta'e kun, dubartii Aadde Soofii Vouzelaud, kan dorgommii bareedinaa bara 2007tti Miis Faransaay ta'uun sadarkaa tokkoffaa baatedha jedheen amane waliin WhatsApp irratti wal qunnamaa ture.

    Innis mana haadha warra fi abbaa warraa lammii Faransaay, Seent- Juleen kan Paariis irraa kibbatti km 420 fagaatuutti argame.

    Adooleessa 9 akkuma qe'ee jaraa gaheen abbaan warraa Soofii itti gadi yoo bahutti, namni abdiin guutame kun: "Ani abbaa warraa Sofii Vouzelaud gara fuula duraati" jedhe. Abbaarn warraa duubartiitti ammoo: "Eeyyee, ani ammoo abba warraashee kan ammaati," jechuun deebiiseef.

    Sana booda Aadde Soofiin, kan umuriin ganna 38, akka inni gowwoomfame ibsuuf yaalteefi lamaaniin akka gara buufata poolisii dhaqee himannaa dhiyeessuuf isa gaafatan. Haata'u malee, miidhamaan kun poolisiitti haa iyyatuu haa dhiisuu ifa miti.

    Kunis taatee hanna jaalalaati. Hanni jaalalaa jechuun namni tokko gowwoomfamee yakkamaa walitti dhufeenya dhugaa keessa akka jiru erga amansiifameen booda maallaqa ergisusuudha.

  11. Seedaa Mutaa: Tiyaatira nam-tokkee Afaan Oromoon kan jalqabaa jedhame maal irratti xiyyeeffata?

    Tiyaatirri namtokkee (One Man) kan Afaan Oromootiin isa jalqabaati jedhame Finfinneetti eebbaaf qophaa'eera.

    Tiyaatira mata-duree 'Seedaa Mutaa' jedhu kana kan barreesse mana Barnoota Taatummaa Abbaa Lataatti barsiisaa kan ta'e dargaggoo Yidneqaachoo Warquuti.

    Yidneqaachoon waa'ee tiyaatira nam-tokkee qopheesse kana ilaalchisuun gaaffiifi deebii BBC waliin taasiseen, gosti tiyaatiraa nam-tokkee kun gosoota tiyaatiraa kaanirra dhamaatii kan qabudha jedha.

    "Tiyaatirri nam-tokkoo jalqabaa hanga dhumaatti taatummaa nama tokkootiin hojjetamee xumurama. Namni tokkichi kun gahee nama hedduu ofumaa bahata. Ni gaafata, ofumaa deebisa" jechuun ibsa.

    "Kanaaf tiyaatira kaanirra ulfaataadha. Sababni isaas turtii sa'aatii tokkoo fi walakkaa kana namni tokkichi yoo hojjetu akka nuffisiisaa hin taane gochuu nama gaafata" jechuun hojiichi attam cimaa akka ta'e ibsa.

  12. Walitti bu'iinsa hamaa gareen walqooduun kibbatti lubbuu galaafateen booda pirezidantiin Sooriyaa dhukaasa dhaabuu labse

    Pirezidantiin Sooriyaa “walitti bu’iinsa hamaa gareen walqooduun kibba biyyattiitti torban tokkoof deemaa turee lubbuu baayyee galaafateen booda dhaabuu yaaluuf “hatattamaan dhukaasa dhaabuu” labse.

    Gosa Bedowutin fi hawaasa Diruuz gidduutti wal qooduun lolli hamaa qewween daandiiwwan magaalaa Suweeyidaarratti gaggeeffamaa tureera. Gamni lamaanuus namni akka jalaa ajjeefame wal himataniiru.

    Viidiyoowwan nama rifaasisani reeffi namootaa daandiirratti gatamee mul’ata.

    “Yeroon kun haala hundi keenya keessa jirru kana dandamachuudhaaf tokkummaa cimaafi guutummaatti wal tumsuu barbaachisa,” jedhe pirezidantiin Yeroo Ce’umsaa Sooriyaa Ahmad al-Saraa.

  13. Namoonni 30 wallaansa gogaa fuulaa susuntuuru balleessu fudhataniin summiin miidhaman

    Ingiliz keessatti torban dabre gogaa fuulaa susuntuure balleessuudhaaf wallaansa miidhaginaa qoricha sobaa Botox jedhamu fakkeeffamee kennameen namoonni 30 ol summiin miidhamuun himame.

    Wallaansa Botox jedhamu fuula susuntuuree sirreessuuf kennamu keessatti qabiyyeen kennamu sirrii ta'uu yoo baateefi hangi kennamu of eeggannoon hin madaalamu taanaan warra fayyadamanirratti miidhaa summii rakkoo fayyaafidu ykn hanga lubbuuf yaaddessuutti qaqqabuu danda'a.

    Dhaabbanni Fayyaafi Nageenyaa Yunaayitid Kingidam (UKHSA) akka beeksisetti, torbanoota ja'an darban kutaalee biyya Ingiliz gara garaa keessatti qabiyyeen mi'a miidhaginaa hayyama hin argatiin jiru kun namoota 38 ta'aniif kennamee booda balaan miidhaa summii isaan mudateera.

  14. 'Ijoollee daldala saal-qunnamtiif bobbaasaa' kan ture Eppistiin waliin maqaansaa kan ka'e Tiraamp maqa-balleessiin barruu Wall Street himate

    Pirezidantiin US Donaald Tiraamp oduu Wall Street Joornaal nama yakka saal-qunnamtiin himatame Jeferii Eppistiin waliin kaasuun barreesseen 'maqaa na balleesseera' jechuun Barruu kanaafi abbaa qabeenyaa Ruuppart Murdookiin himannaa $10bn (£7.5bn) ittiin gaafate bane.

    Doonaald Tiraamp oduu Barruun kun baase maqaa kan isa balleesseefi seera kan cabseedha jechuun, kaardiin guyyaa dhalootaa maqaan Tiraamp irratti barreeffame bara 2003 keessa osoo Eppistiin yakka saal-qunnamtiin walqabateen hin himatamiin ergameef sobadha jedhe.

    Himannaan kun yeroo qajeelchi haqaa US dokumentiiwwan Eppistiin waliin walqabate cufamee jiru daanyaan [abbaan-miurtii] akka banuuf gaafatettidha.

  15. Gaggeessaan dhaabbata tekinoolojii US konsartiirratti dubartii yeroo hammatu mul'achuu hordofee hojiirraa dhorkame

    Dhaabbanni teeknooloojii beekamaa Ameerikaa tokko hoji-gaggeessaa olaanaa isaa konsartii irratti osoo dubartii hammatuu iskiriinii guddaarratti mul’ate hojiirraa dhorke.

    Dhaabbatichi tarkaanfii kana kan fudhate erga viidiyoon hojjetoonni isaa lama konsartii Coldplay jedhamurratti osoo wal hammatanii iskiriiniirratti mul’ate baayyee qoodameeti.

    Konsartii Istaadiyeemii Gillette, Foxborough, Massachusettis keessatti qophaa’erratti namoonni lama harka isaanii walitti marsanii iskiriiniirratti mul'atan.

    Kana hordofee, namoonni konsartiirra turan kuma hedduutti lakkaa’aman akka arganiif, jarri lamaan [hoji-gaggeessaafi dubartii tokko kan hojjettuu biraa dhaabbatichaa] taate iskiriiniirrratti mul’achuusaanii tasa arganii kaameraa jalaa dhokatan.

    Weellisaan Konsartii Coldplay Kiriis Maartiin ummata walitti qabamee turetti: "Jarri lamaan fedhii saalaa waliin qabaachaa jiruyyuti yookaan ammoo baayyee qaaneffatan,'" jedhe erga isaan argee.

    Gabaasni lamaan isaaniiyyuu hoji gaggeessitoota dhaabbata tekinooloojii ‘Astronomer’ ta'uun isaanii dhaga’mee booda toora interneetii irratti babal'ate.

    Jimaata galgala dhaabbatichi hoji gaggeessaan olaanaa isaa Andii Biiroon dirqamaan akka boqonnaaf baase ergaa X irratti baaseen mirkaneesse.

    Viidiyoon konsartii booda Roobii interneetiirratti bahe lamaan isaanii muuziqaa ture waliin akkuma wal hammatanii jiranitti yeroo socha’an erga xiqqooo agarsiiseen booda dafanii fuula dhokachuuf yaaluusaanii mul’ise.

    Viidiyoon jalqaba TikTok irratti maxxanfame namoota miliyoonaan lakkaa'amaniin daawwatameera. Sana booda waltajjiiwwan hunda irratti qoodama, gara memeetti jijjiiramee sagantaalee televijiinii irratti mata-duree qoosaa ta’e.

    Intarneetiin waa'ee hammachuu kanaa haasa'uun erga guutamee guyyaa lama booda, Astronomer ibsa dhimmicharratti baaseen qorannoo akka gaggeeffamu beeksisuun hoji-gaggeessicha hojiirraa dhorke.

  16. Hokkara Sooriyaa Kibbaatti dhalateen namoonni 600 ta'an ajjeefaman -Jaarmiyaa dhimmicha hordofu

    Pirezidaantiin Sooriyaa walitti bu’iinsa garee fi loltoota Beduunii fi Diruuz gidduutti kibba biyyattii keessatti geggeeffamaa jiru dhaabsisuuf humna haaraa akka bobbaasu ibseera.

    Waajjirri Pirezidaantii yeroo ce’umsaa Sooriyaa Ahmed al-Sharaa “qaamni hundi of qabuu akka qabaatan” gaafatee, Jimaata darbe naannoo magaalaa Suweyidaatti lolli akka haaraatti ka’e jiraachuun isaa gabaafameera.

    Erga hokkarri kun Wiixata darbe ka’ee as lubbuun namoota 700 ol darbuun gabaafameera.

    Loltoonni mootummaa naannoo sanatti bobbaafaman namoota nagaa Diruuz dararuu fi murtii malee ajjeechaa raawwachuudhaan himatu jiraattonni.

    Boodarra Israa’el Sooriyaa keessa bakkeewwan gara garaarratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuun akka loltoonni kutaa Suwweyifaa keessaa bahan gooteetti.

    Galma rukutee loltoonni kun bulchiinsa Suweedaa keessaa akka ba’an dirqisiisteetti. Jimaata Turkitti ambaasaaddarri Ameerikaa Israa’elii fi Sooriyaan dhukaasa dhaabuuf waliigaluu isaanii dubbataniiru.

  17. Biliyeenaroota Afrikaa afur qabeenyisaanii walakkaa qabeenya ardittii caalu

    Qabeenyi biliyeenaroota Afrikaa afur qofti giddu-galeessaan dolaara biliyoona 57.4 ta'a. Kun ammoo walakkaa qabeenya ummata Afrikaa miliyoona 750 ta'u ni caala.

    Kun waan nama ajaaibu ta'uu danda'a ykn waan dhugaa ta'u fakkaachuu dhiisuu mala. Garuu haqa Oxfam gabaasa isaa Adoolessa 2025 baaseen ifoomsedha.

    Qabeenyi guddaan harka nama muraasaa galuun kun ammoo bu'aa moodeela dinagdee walqixa hin taane warra sooressootaaf mijatuu, garuu tajaajilawwan ummata bal'aaf ta'uufi iyyummaa hir'isuuf gargaaru ilaalcha keessa osoo hin galchiin diriirfameeti.

    Oxfam gabaasa isaa kanaan sirni gibiraa garaa garummaa qabeenyaa guddaa mul'atu kana sirreessuufi tajaajila barnootaa, fayyaafi bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuuf oolu akka uumamuuf waamicha dhiyeesseera. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin galaa.

  18. Shakkamaan yakka waraanaa Liibiyaa ajaja ICCn Jarmanitti to'annoo jala oole

    Namichi Liibiyaa yakka waraanaa fi yakka namomaa raawwachuun shakkame tokko ajaja mana murtii yakkaa idil-addunyaa (ICC) baaseen Jarman keesatti to'annoo jala ooleera.

    Kaaled Mohaamed Alii El Hiishri, kan yeroo baayyee "Al-Buti" jedhamuun beekamu, magaalaa guddoo Tirippoliitti kan argamu gamoo mana hidhaa Mitiga kan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman itti hidhaman keessatti qondaaltota olaanoo keessaa tokko akka ture himama.

    Innis ajjeechaa, dararaa fi gudeeddii dabalatee yakkoota raawwachuu, ajaja kennuu ykn to'achuun shakkame.

    Gochi sukkanneessaan kunis bara 2015 irraa eegalee waggoota shanan keessatti kutaa to'annoo naannoo Tiriippoliitti argamu keessatti raawwatame jedhameera.

    Shakkamaan kunis himata kana irratti yaada kennuu isaa wanti beekamu hin jiru.

    Hogganaan biyyattii yeroo dheeraa Mu'aammar Gaadaafii aangoo irraa kaafamuun erga ajjeefamanii booda Liibiyaa wal waraana keessaatti galte. Erga yeroo sanaatii as yakka waraanaa fi yakka namooma irratti raawwatame jedhame waliin walqabatee ICC ajaja hidhaa 11 baaseera.

    Haalli kunis Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin Bitooteessa 2011tti, jalqaba mormii dhuma bara sanaa irratti deeggarsa humnoota Naatoon Gadaafiin aangoo irraa akka kaafamuuf sababa ta'e, mana murtii ICCtti kan dabarfamee ture.

    Manni Maree Nageenyaa rifaraalaa isaa keessatti "jequumsaafi namoota nagaa irratti humna fayyadamuu raawwatamu... ukkaamsa hiriirtota nagaa dabalatee sarbama mirga namoomaa hamaa fi sirnaawaa" balaaleffateera.