Wallaansa osoo onnee hin baqaqsiin taasifamu yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti gaggeeffame 'TAVR' beektuu?

Magaalaa Finfinnee keessatti dhukkubsattoonni onnee 15,000 tahan beellamni qabameefii yaalii argachuuf dabaree eeggataa akka jiran hakiimni wallaansa onnee Dr Tasfaayee Taliilaa BBCtti himan.

Tibbana Dr Tasfaayee Taliilaa fi hakiima yaala onnee kan tahan haati warraa isaanii Dr Obsineet Marid ispeeshaalistoota wallaansa onnee biyyoota adda addaa irraa Finfinnetti afeeruun tajaajila yaala onnee adda tahe kana dura Itoophiyaa keessatti kennamee hin beekne bifa milkaa'aa taheen hojjechuu BBCtti himan.

Akka addunyaatti dhibee onnee fi hidda dhiigaa waliin wal qabatan lubbuu namoota miliyoona 20 olii akka galaafatu dubbatu Dr Tasfaayeen.

Isaan ammoo irra caalaan isaanii biyyoota guddataa jiran keessatti akka tahe himan.

Itoophiyaa keessa ispeeshaalistoonni wallaansa baqaqsanii yaaluu onnee namoota shan akka hin caalle kan himan Dr Tasfaayeen, dhukkubsattoonni 15,000 kaffallachuu kan hin dadndeenyeefi tajaajilichuma argachuufiyyu waggootaaf kan dabaree eeggataa turanidha jedhan.

Hakiimonni jiran lakkoofsaan xiqqaa tahuu qofa osoo hin taane meeshaalee akka isaan Ameerikaatii fidanii yaalanii hin qaban jedhan.

Dr Tasfayee Taliilaa ispeeshalistii dhibee onnee yoo tahan, biyya Ameerikaa keessatti ogeessa wallaansa onnee beekamaadha. Haati warraa isaanii Dr Obsineet Maridis akkasuma ispeeshaalistii wallaansa dhibee onneeti.

Lameen isaanii dhaabbata 'Heart Attack Ethiopia' jedhu hundeessuun tajaajila wallaansa dhibee onnee Itoophiyaa keessatti hedduu hin argamneefi lubbuu namoota kumaatamaa galaafataa jiruuf furmaata tahaa jiru.

Warra abdii kutatan, maallaqa guddaa yaalaa dhaban, meeshaa teeknoloojii yaaliif tahu biyya keessaa dhabamee du'a eeggataniif fala guddaa tahaa jiru.

Dr Tasfaayee fi haati warraa isaanii Dr Obsineet gara Itoophiyaatti deddeebi'uun tajaajila yaala onnee tola-ooltummaan kennaa turaniiru.

Tajaajila tola-ooltummaa yaala dhibee onnee kana baasii mataa isaanii fi deeggarsa biyyoota alaarraa argataniin kan jalqaban yoo tahu, waggoota lama keessatti marsaa afuriif tajaajila kana kennaniiru.

Tibbana hakiimota biyyoota adda addaarraa afeeruun tajaajila tolaa yaala onnee kana Finfinneetti kennaa jiru.

Hakiimonni gara 33 tahan ergama wallaansa onnee marsaa arfaffaaf taasisan kanarratti hirmaachuuf kan argaman tahuu kan himan Dr Tasfaayeen, ogeessonni gara 300 tahan tajaajila kana tola Itoophiyaa keessatti kennuuf karaa dhaabbata hundeessan 'Ethiopia Heart Attack' galmaa'anii akka jiran himan.

Meeshaaleen wallaansa kanaaf oolan qaalii tahuu eeruun, marsaa arfaffaa kanarratti qofa meeshaalee doolaara miliyoona lamaa olii qabatanii akka gara Finfinnee dhufan BBCtti himan.

Tajaajila marsaa sadaffaa kana dura kennan irratti baasii gara doolaara miliyoona tokkoo tahu baasuun yaala akka kennan himan.

Waa'ee tajaajila yaala onnee osoo qaama dhukkubsataa hin baqaqsiin tibbana kennamu kun, Valvii onnee ykn balbala onnee dhiiga rabsuuf oolu yoo dhibame tajaajila baqaqsanii yaaluun akka suphamu himu Dr Tasfayeen.

Onneen akka balbalaa ykn valvii qaba. Onneen yeroo rukuttu dhiigni onnee irraa gara qaama kaaniitti akka rabsamuuf balballi onnee sun banamuu qaba. Onneen yoo dhibamte ammoo balballi ykn valviin kun banamuu dadhaba.

Yoo waan akkasii mudate tajaajila baqaqsanii yaaluun suphama jedhu. Tajaajilli amma yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti fidan ammoo osoo qaama dhukkubsataa hin baqaqsiin kan suphuu danda'udha.

Tajaajilli yaalii kun 'Transcatheter Aortic Valve Replacement' (TAVR) jedhama.

Osoo laphee nama dhukkubsatee hin baniin meeshaa teeknoloojii haaraa dhufe fayyadamuun osoo laphee nama dhukkubsatee hin baqaqsiin suphuu jechuudha jedhan.

Shiboo xiqqoo 'Catheter' jedhamu karaa miillaa galchuun gara onneetti erguun suphuu akka tahe himu Dr Tasfaayeen.

Tajaajilli kun namoota yoo tajaajila baqaqsanii yaaluu taasifatan balaa biraaf saaxilamuu danda'aniif kennama jedhan.

Garuu tajaajilli teekinoloojii kun baay'ee qaalii waan taheef Itoophiyaa keessa akka hin turre kan himan Dr Tasfaayeen gara biyya dhaloota isaanii fiduun dhukkubsattoota ittiin yaaluu isaaniif hedduu akka gammadan himan.

Teeknoloojii kun bara 2010 Ameerikaa keessatti hojiirra ooluu himan.

Haa tahu malee hedduu qaalii tahuu isaa irraa kan ka'e namoonni hedduu tajaajilicha argachaa hin turre jedhan.

Dr Tasfaayee fi haati warraa isaanii Dr Obsineet Marid Dhalattoota Itoophiyaa yoo tahan Ameerikaa keessa jiraatu. Lameenuu hakiimota ispeeshaalistii yaala onneeti.

Itoophiyaa keessatti namoota abdii kutatanii dhibee onnee kanaan tasa du'an dhaqabuuf kutannoon akka hojjechaa jiran himu.

Itoophiyaa keessa hospitaalonni yaala onnee ammayyaa'oo tahan hedduu hin jiran. Gara biyya alaa deemanii yaalamuuf ammoo baasii guddaa gaafata.

Kun ammoo dhibamtoota baay'ee balaa guddaaf saaxileera.