Iraan ji'oota keessa yuraaniyeemii gabbisuu dandeessi - UN

Iraan ammallee j’oota muraasa keessatti boombii oomishuuf yuraaniyeemii gabbisuu dandeessi jedhan dureen UN sagantaa niwukilaraa hordofan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Utubaan Arsenaal baayyee hin faarfamne, Toomaas Paartee, eenyu?

    Tomaas Paartee

    Madda suuraa, BBC Sport

    Ibsa waa'ee suuraa, Toomaas Paartee bara 2025 Onkoloolessa keessa paawondii miiliyoona 45n Arsenaal seene

    aphataan sarara gidduu Arsenaal Toomaas Paartee lafee dugdaa kilabichaa ta'ee osoo jiruu garuu yeroo baayyee milkaa'ina kilabichaa keessatti hamma ifaaju hin faarfamu.

    Taphataa gameessi lammii Gaanaa kun erga bara 2020 Arsenaal seenee fooyya'iinsa kilabichaa keessatti qooda olaanaa gumaacheera.

    Wayita Arsenaaliif mallatteessu akkuma waadaa gale ''kilabicha bakka isaaf malutti deebisuu'' irratti wanti inni dubbate jecha qofaan hin hafne.

  2. Waancaan Kilaboota Addunyaa 'yaada badaa' kubbaa miillaa gufachiisu - Kiloop

    Leenjisaa Yargan Kiloop

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Yargan Kiloop wayita leenjisaa Liivarpuul turan ''taphattootarratti hojii baayyisuudha,'' jechuun dorgommii kilaboota addunyaa mormaa turan

    Leenjisaan duraanii Liivarpuul Yargan Kiloop dorgommiin Waancaa Kilaboota Addunyaa- Club World Cup jedhamu ''seenaa kubbaa miillaa keessatti yaada badaa'' hojiirra ooledha jechuun qeeqan.

    Sababni isaa ammoo taphattoota sodaa fi yaaddoo akkasumas muddama keessa galcha jedhan.

  3. 'Gaazaatti namoonni 81 guyyaa tokkotti ajjeefaman'

    Haleellaa booda

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Suuraalee fi viidiyoon BBCn dhugaa ta'uu mirkaneesse wayita namoonni harkaan lafa qotuun rifeensa baasan mul'isu.

    Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hoogganamu, haleellaa Israa'eliin guyyaa tokkotti jiraattonni Gaazaa yoo xiqqaate 81 ajjeefamuu fi 400 kan caalan miidhaamuu ibse.

    Hojjettoonni hospitaala Al-Shifa fi namoonni ijaan argan miidiyaaleetti akka himanitti haleellaa naannawa istaadiyemiitti yeroo tokko raawwateen daa'imman dabalatee yoo xiqqaate namonni 11 ajjeefamaniiru.

  4. Milkaa'inoota torbee kanaa Tiraamp ittiin dhaadatan afran

    Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Tiraamp waan yaadan milkeessuu dubbataniiru

    Qondaalli US kun gama hedduun sodaa, yaddoo, doorsisa fi muddama keessa turan.

    Garuu Tiraamp dhuma torbeerratti waan milkaa'an fakkaatu. Gara dhumaa kana inuma Waayit Haawus irraa ibsa kennuu heddummeessan.

    Ibsa isaanii kan qoosaa, dheekkamsa fi arrabsoo of keessaa qabu- kaan kofalchiisee kaan ammoo mufachiisu.

  5. Waliigaltee Kongoo- Ruwaandaarrattii shakkiin irratti ka'e

    Ruwaandaan hidhattoota M23 hin deeggarre jettee waakkatti

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ruwaandaan hidhattoota M23 hin deeggarre jettee waakkatti

    Dhihoo mootummaan Rippablika Dimookiraatawaa Kongoofi Ruwaandaa waliigaltee nagaa mallatteessaniiru.

    Waliigaltee kanarras akka gahamu Ameerikaan qooda jaarsummaa bahatteetti.

    Haa ta'u malee, waliigalteen kuni miira walmakaa uumeera.

    Pirezidantiin duraanii Kongoo, Joseef Kaabilaa, kuni ''waliigaltee daldalarraa hin jiru'' jechuun qeeqan.

    Bakka bu'oonni hidhattoota M23 marii kanarra argamuun isaaniis ifa miti.

    Waliigalteen gaafa Jimaataa mallattaa'e hidhattooti garagaraa baha Kongootti waraanan akka meeshaa hiikkatan hima.

    Haa ta'u malee, waa'een waliigaltee kanaa bal'inaan ifa hin taane.

    Lolli Kongoo keessaa barana hammaateen hidhattooti M23 jedhaman magaalaa naannoo Gomaa, Bukaavuu fi buufatawwan xiyyaaraa lama to'ataniiru.

    Ruwaandaan hidhattoota M23 keessaa hin qabu jetti. Ameerikaafi qorannoowwan UN garuu akka harka keessaa qabdu akeeku.

    Lola barana adeemaa tureen kumaatamni ajjeefamaniiru, lammiileen kuma dhibbaan lakkaa'aman immoo qe'ee dhiisanii baqataniiru.

    Biyya albuudaan badhaate Kongoo keessa waraanni waggoota dheeraaf taasifameera.

    Waliigalteen tibbanaa nagaa fida kan jedhan akkuma jiran, kan shakkanis jiru.

  6. Duuni waraana Israa'elif jechuun yeroo sirban dhagahamuun komii kaase

    Boob Vilaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Poolisiin dhimma kana qorataa akka jiru beeksiseera

    Sagantaa muuziqaa Gilaastanbarii raapparoonni Boob Viilaan waraana Israa’elif ‘’du’a’’ jechaa sirbuun tamsaasa BBC irratti kallattiin darbuu mootummaan UK ‘’cimsee balaaleeffate.’’

    Raapparoonni Belfaastitti hojii muuziqaa isaanii yeroo dhiheessan ‘’Filisxeem walaboomte’’ akkasumas ‘’IDF’f (waraana Israa’eliif du’a)’’ jedhanii yoo sirban dhagahameera.

    Dubbii himaan BBC, yaadonni tokko tokko ‘’kan naamusa cabsan’’ erga jedhan booda akeekkachisi kennamu dubbatan.

    Akkaatuma kanaanis, bakki akkana jedhanii sirban BBC iplayer irratti akka hin fe’amne beeksisaniiru.

    Poolisiin badiin raawwatuu isaa adda baasuuf qorannoo eegaluu isaa beeksiseera.

  7. Iraan ji'oota keessa yuraaniyeemii gabbisuu dandeessi - UN

    Hoogganaa Eejansii Anniisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) Raafaa’el Giroosii

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Aangawaan UN akka jedhanitti, buufatawwan Iraan barbadaa'aniiru jedhee namni dubbatuu danda'u hin jiru jedhan

    Iraan ammallee ''ji'oota keessatti'' boombii oomishuuf yuraaniyeemii gabbisuu dandeessi jedhan dureen UN sagantaa niwukilaraa hordofan.

    Hoogganaan Eejansii Anniisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA), Raafaa’el Giroosii, haleellaa US buufatawwan niwukilaraa Iraanirratti raawwatte miidhaa geessiseera jedhan.

    Haa ta’u malee, ‘’guututti hin barbadeessine’’ jechuun gaafa Sambataa dubbatan.

    Yaadni isaanii kuni isa Pirezidantiin US Donaald Tiraamp ‘’guutummaatti barbadaa’era’’ jedhan ni faallessa.

    ‘’Dhugaa dubbachuuf, waan hunduu manca’eera’’ jedhee namni dubbachuu danda'u hin jiru jedhan.

    Israa’el torban lama dura ture Iraan niwukilara ijaaruuf xumura geesseetti jechuun buufata waraanaafi niwukilaraa Iraan kan haleelte.

    Boodarra Ameerikaanis itti dabalamtee buufatawwan Fordoo, Nataanz fi Isfahaan jiran kan haleelte.

    Eegasii dhukaasa dhaabuuf waliigalamuun ibsameera.

  8. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Asumaan dhihoo Chaanaalii YouTube eegalleerra. Asumaan seenaa 'subscribe' tolchaa.

    Chaanaalii WhatsApp akkasumas fuula Facebook keenyas hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  9. Maddi rakkoo hanqina boba'aa tibbana magaalota Itoophiyaatti mul'atee maali?

    Hanqina boba'aa Itoohiyaatti mudate

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hanqina boba'aa Itoohiyaatti mudate

    Hanqina boba'aa itoophiyaa keessatti tibbana mudateen Finfinnee fi Adaamaa dabalatee magaalota biyyattii adda addaa keessatti konkolaattonni hiriira dhedheeraa guyyotaaf ture mul'achaa jira.

    Hiriirri boba'aa kuni irra caalaatti kan boba'a Naafxaa ta'uun ammoo konkolaatota deddeebisa Uummataa fi fe'iisaa dinagdee biyyaa sochoosan boba'a argachuuf guyyootaaf akka hiriiraniif kan dirqamsiise.

    Sababni isaa maali? Asii dubbisaa

  10. Ministirri Muummee Abiy artistotarraa maal barbaadu? Artistotni hoo?

    MM Ittophiyaa Abiy Ahimed artistoota waliin mari'tan

    Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa MM

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Ittophiyaa Abiy Ahimed artistoota waliin mari'tan

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii kutaalee hawaasaa hedduu waliin marii kan gaggeessan ta'uun ni beekama. Tibba kanas ogeeyyii damee adda addaa waliin mariyachaa bahan.

    Artistota waliinis yeroo tokko osoo hin taane yeroo lamaa sadii mariyataniiru.

    Tibba kanas artistootni damee adda addaarra jiran kutaalee biyyattiirraa walitti qabaman marii MM Abiy waliin gaggeeffamerraa qooda fudhataniiru.

    Marii tibba kanaa kan qopheesse mootummaa Federaalaa akka ta'e weellistuu Saaliyaa Saami BBCtti himteetti. Kaayyoon isaa maali? Guutuu isaa asii dubbisaa

  11. Taphataa kubba miilaa akka mootota Saawudiitti jiraatu, Roonaaldoo

    Roonaaldoon AL Naasir waliin kontiraata haaraa mallatteesse

    Madda suuraa, Telegraf

    Ibsa waa'ee suuraa, Roonaaldoon AL Naasir waliin kontiraata haaraa mallatteesse

    The Sun gabaasa baaseen waliigaltee Roonaaldoon Al Naasir waliin mallatteesse, miindaa waggaa Paawondii miliyoona 178 akka argatu isa gargaara.

    Roonaaldoon torbaniin miindaa paawondii miliyoona 3.4 argata. Taphattoonni cicimoon kileboota Ingilizii keessaa hedduun miindaa waggaa isaaniitu paawondii miliyoona 10 gadidha. Roonaaldoon miindaa ji'aan argatu ikan isaan waggaa tokkotti argatan ni caala. Guutuu isaa asii dubbisaa

  12. Iraan sirna awwaalcha hooggantoota waraanaf saayintistoota ajjeefamanii taasifte

  13. Ameerikaan ammallee Iraan haleeluu dandeessi-Tiraamp

    Doonaaldi Tiraampi, Iraan haleeluu akka malan himan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonaaldi Tiraampi, Iraan haleeluu akka malan himan

    Sa'aatii 6 dura

    Prezidaant Doonaald Tiraamp qoqqobbii Iraan irraa kaafamuuf karoorfame kuffisuun, Teehiraan Yuuraaniyeemii sadarkaa yaaddessaa ta'etti gabbisuu kan itti fuftu yoo ta'e irra deebin Iraan irratti boombii darbachuuf akka yaadan ibsaniiru.

    Traamp dubbii hogganaan olaanaan Iran Ali Khamani ''Iraan Ameerikaa adabdeetti, ''jedhaniif deebi kana kennan.

    Waraana guyyoota 12f Israa'el waliin ture booda Ameerikaan iddoowwan niwukilaraa Iraan boombiin haleelu hordofee Iraan buufata guddaa U.S. Qaxar keessatti argamu haleeltee turte. Gababasa guutuu asii argattu

  14. MM Israa'el Neetanyaahuun waraana Iraan mo'anneerra jedhan

    MM Israa'el Benjamin Neetanyahuu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Israa'el Benjamin Neetanyahuu

    Ji'a Caamsaa keessa waliigaltee dhukaasa dhaabuu bu'aa argamsiisuu malu yeroo didan namoonni hedduun kuni ''of ajjeesuu siyaasaati'' jedhanii ture.

    Tiraampi osoo kakuu galanii aangoo hin qabatiin karaa ergamaa addaa isaanii waliigaltee dhukaasa dhaabuu waraana Gaazaa irratti taasisaniin booji'amtoonni hedduu Hamaasiin gadhiifamanii ture.

    Bakka isaa ammoo lammiilee Filisxeem hedduu mana hidhaa israa'el keessaa gadhiifamaniiru.

    Isa booda suuta suuta dhukaasni guutummaan dhaabbatee loltoonni Israa'el Gaazaa keessaa bahu jedhamee ture. Garuu waliigaltichi cabeera.

    Neetanyahuun garuu siyaasa mataa isaaf jecha waraanichi akka dhaabbatu hin fedhu jedhu xiinxaltoonni siyaasaa.

    Lammiilee Israa'el 59% tahan waraanni Gaazaa akka dhaabbatu barbaadu. Ammoo Neetnyahuu irraa amantaa hin qaban jedha qorannoon Inistitiyuutii Dimokiraasii Israa'el keessaa piroofeser Heermaan gaggeessan.

    Ammas waraana Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuun dhaabbate mo'anneerra jedhan.

  15. Ilmi mootii yakka gudeeddii fi miidhaa saalaa dhaqabsiisuun shakkamuu poolisiin hime

    Maariyuuf Borgi Hoobii yakka gudeeddiin shakkamee qoratamaa jira

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Maariyuuf Borgi Hoobii yakka gudeeddiin shakkamee qoratamaa jira

    Ilmi mootii Noorweeyi dubartoota sadii gudeeduun 23 irra miidhaa saalaa geessisuun shakkameera jedhe pooliin biyyattii.

    Maariyuuf Borgi Hoobii, ilma mootii fuulduraa Noorwey kan tahe, bara darbe qofa yeroo adda addaa sadii poolisiin to'atame.

    Inni ji'a Hagayyaa, Fulbaanaa fi Sadaasaa keessa ture.

    Qorannoo ji'oota kudhanii booda poolisiin Noorweeyi bu'aa qorannoo isaa dabarsee abbaa alangaaf kenneera. Isaan himata irratti banuu akka danda'an poolisiin ibse.

    Abukaatoon isaa garuu maamillikoo himata kana cimsee ilaalaa jira. Garuu yakka gudeeddii kana keessaa harka akka hin qabne himeera jedhe.

  16. Ashamaa! Tamsaasa kallattiitti deebineerra

    Odeessaalee biyya keessaa fi alaa gurguddoo asii argattu.

    Oolmaa gaarii

  17. Gondaritti guyyaa tokkotti konkolaachiftoonni 16 hidhattootan ajjeefaman

    Magaalaa Gendewhaa

    Madda suuraa, Komunikeesjhinii Gondar Lixaa

    Naannoo Amaaraa Gondar Lixaatti haleellaa hidhattootni konkolaachiftoonni xaa'oo geejjibsiisa turan irratti bananiin yoo xiqqaata namootni 16 ajjeefamuu fi kanneen lakkoofsi isaanii ammaf adda hin baafamne butamuu isaanii bulchiinsi naannoo fi waldaan konkolaachiftootaa beeksisan

    Bulchiinsi naanichaas haleellaa ta'e jdhamee rawwatamee fi namoonni ajjeefaman keessaa harki caalaan konkolaachiftoota konkolaataa fe’umsaa kan xaa’oo Jibuutii irraa geejjibanii fi humnoota nageenyaatiin eeggamaa turan ta'uu erera.

    "Karaan kun bakka yeroo baayyee konkolaachiftoota butaman, ajjeechaa fi saamichi itti raawwatamu dha, kan jedhe Waldaa Konkolaachiftoota humnootni hidhatan gurmaa'ina olaanaan" konkolaachiftoota irratti xiyyeeffachaa jiraachu hime

    Akka Waldichi ibsetti haleellaa wixata darbee kana qofaan lakkoofsi namoota ajjeefamanii 21 tti kan siqu ta'uufi kaan ammoo ukkaamfamanii fudhatamuu ragaa qabaacchuu ibse

    Bulchiinsi godinichaa ammoo bsa baaseen konkolaachiftoonni ajjeefaman 16 jedhe. Hidhattootni haleellaa kana duuba jiru jedhaman hidhattoota Qimaantiti jedhe bulchiinsi godinichaa

    BBC'n garuu hidhattoota Qemant jedhaman kanneen ajjeechaa kana raawwachuun himataan irraa odeeffannoo hin argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne.

  18. Manni Murtii Olaanaa US, murtoo lammummaa mirga dhalootaa Tiraamp akka hin danqamne murteesse

    Doonaaldi Tiraampi mirga lammuummaa dhalootaan argamu irratti murtoo mana murtii olaanaa raajeffatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonaaldi Tiraampi mirga lammuummaa dhalootaan argamu irratti murtoo mana murtii olaanaa raajeffatan

    Manni Murtii Olaanaa US, dhaddacha har'a ooleen dhimma falmisiisaa tahuun yeroo dheeraaf kan ture dhimma mirga lammuummaa dhalootaan argamuu irratti murtoo kenne.

    Manni Murtii gadi aanu aangoo murtoo pirezidaantichaa daangessuu akka hin qabanne dabarse.

    Kana jechuun manneen murtii gadi aanu ejjennoo Tiraampi Ameerikaa keessatti lammummaan dhalootaan argamu akka dhaabbatu qaban akka ragga'uuf kan gargaarudha. Murtoon mana murtii olaanaa kun ammaaf Tiraampi aangoo isaanii fayyadamuun murtoo dabarsan akka hojiirra oolchaniif kan haala mijeessuufiidha.

    Tiraampi injifannoo guddaa, dinqisiisaa fi seena qabeessa jechuun murtoo abbootii seeraa mana murtii olaanaa dinqisiifataniiru.

    Bulchiinsi isaanii murtoo mana murtii olaanaa kanaan ''gammdeera'' jedhan.

    Walabummaa olaantummaa seeraa fi aangoo siyaasaa akkasumas heera biyyaaf guyyaa injifannooti'' jedhan.

    Akkaataa murtoo kanaan namni tokko Ameerikaa keessatti dhalateef qofa kallattummaan lammummaa hin argatu.

    Yoo xiqqaate namoonni miliyoona 1.2 tahan murtoo kanaan akka miidhaman qorannoon gidduugalli qorannoo Pew hojjette agarsiisa,

  19. Dhimmi lammummaa mirga dhalootaa Manni murtii Ameerikaatti murtii eeggataa jiru

    Abbootiin murtii ajaja lammummaa mirga dhalootaa Tiraamp dhorkuu danda'uu?

    Manni murtii olaanaa U.S. dhimma murteessaa mirga dhalootan wal qabatu kan ajajni pirezidaantiin Ameerikaa akka biyyaatti hojiirra akka hin oolle dhorkuu danda’uu fi dhiisuu isaa gidduu kana murtii aragata.

    Dhimmi kun kan madde Pirezidaanti Doonaald Tiraamp lammummaa mirga dhalootaa dhaabuuf ajaja dabarsuu hordofee yoo ta'u, manneen murtii gad aanaa hedduu keessatti dhorkamaniiru.

    Bulchiinsi Traamp abbootiin murtii aangoo isaanii irra darbaniiru jechuun falmaa kan ture yoo ta'u, kaan garuu ajajni dhorkaa kun ''jeequmsi'' akka hin uumamneef barbaachisaadha jedhu.

    Waashingitanitti Abbaan Murtii Mana Murtii Aanaa Ameerikaa Joon Koughenour ajajni hojii raawwachiiftuu Tiraamp ''ifaan ifatti heera mootummaa kan faallessu'' jedhan.

    Ministeerri Haqaa Tiraamp deebii kennuudhaan dhimmichi ajaja yeroof dhorkamuu ''tarkaanfii addaa'' akka hin mirkaneessine ibsuun dhimmicha Mana Murtii Olaanaatti ol'iyyannoo dhiyeesse.

    Lammummaan mirga dhalootaa namoonni daangaa Ameerikaa keessatti dhalatan hundi lammiilee Ameerikaa fi kutaa biyya keessa jiraatanii ta'u kan jedhu yoo ta'u, almiin bulchiinsi Traamp ammoo daa'imman lammiilee Ameerikaa irraa hin taane kanneen seeraan ala US keessa jiran akka hin dabalamne falma.

  20. Bulchiinsi Yeroo Tigraay hojirra oolmaa waligaltee Piritooriyaa irratti MM Abiyyi waliin mari’achuufi

    Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Letenaal Jeneraal Taaddasaa Warrada

    Madda suuraa, FBC

    Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Letenaal Jeneraal Taaddasaa Warrada, Ministira Muummee Abiyyi Ahimad waliin dhimmoota buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an taasisuu fi naannolee Tigraay “humnoota weerartootaan qabaman” jedhan bilisa baasuu irratti dursa kennuun akka mari’atan beeksisan.

    Rakkoolee irra deddeebiin naannicha mudatan waaraan furuuf mootummaa federaalaa waliin marii siyaasaa akka taasifamu waamicha goonas jedhan.

    Namoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’an gara qe’eetti akka deebi’anii fi daangaa naannichaa eeguuf mootummaa federaalaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun akka isa barbaachisu bulchiinsi yeroo kun eerera

    Garuu mariin kun yoom akka gaggeeffamu hin ibsamne

    Pirezidanaatichi kana kan dubbtan mariin jila Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Itoophiyaa argamu gidduutti taasifame haala yeroo naannoo Tigraay fi hojiirra oolmaa Waliigaltee Nagaa Piriitooriyaa irratti kan xiyyeeffachuun taa'e irratti akka ta'e odeeffannoon waajjiricha irra ba'e kan mul'isu.

    Pirezidaantichi Waliigaltee Nagaa Piriitoriyaa hojiirra ooluu irratti qaawatu jira jedheera