Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Afrikaa 2021: Gareen Itoophiyaa ramaddii keessaa darbuu dhabuun dorgommiin ala ta’e
Biyyi Baha Afrikaa Itoophiyaan waggoota saddeet booda Waancaa Afrikaatti deebituus ramaddii ishee keessaa darbuu dhabuun dorgommiin ala taate.
Walmorkii Kaameroonitti qophaa'en guyyaa Wiixataa tapha xumuraa ramaddii ishee kan taasiste Itoophiyaan Burkinafaasoo morkattee qixxee baatus marsaa aanuutti garuu hin dabarre.
Itoophiyaan Waancaa Afrikaa 33ffaa kana irratti Keep Verdeen 1fi 0'n mo'amuun, Kaamerooniin immoo 4fi 1'n injifatamte.
Warri Waaliyaa waggaa saddeet dura Afrikaa Kibbaatti sochii taasisanirraa foyyee xiqqoo mul'isaniins ammallee rakkoowwan ijoo garichi qabu hin furamne.
Itoophiyaan biyyoota tapha Waancaa Afrikaa jalqabaarratti hirmaatan keessaa tokkodha. Taatullee yeroo dheeraaf milkiin irraa fagaateera.
Tapha qixa itti bahan
Tapha kaleessaarratti daqiiqaa 25 gubbaa Siiriil Baayaalaa kubbaa adda isaan dhahee goolii isa jalqabaa lakkoofsise.
Boqonnaa booda Istiiv Yaagoon kubbaa harkaan waan tuqeef murteessaan peenaaliitii Itoophiyaaf kenne.
Peenaaliitii kanas Geetaanah Kabbada lakkoofsisuun taphni tokko qixxee akka tahu dandeessiseera.
Haa tahu malee, qabxiin kuni ramaddicha keessaa Itoophiyaa tapha kamiyyuu hin mo’anneef gahaa hin turre.
Sababa kanaan Itoophiyaan taphicha keessaa yoo baatu, Burkinafaasoon lammaffaa tahuun gara marsaa aanutti dabarteetti.
Ramaddii A kana keessa kan jirtu qopheessituun dorgommichaa Kaameroon qabxii torbaan biyya jalqabaa gara marsaa itti aanutti dabartedha.
Burkiinafaasoon Dilbata dhufu marsaa 16ffaa ramaddii ‘C’ keessatti Morokoo, Gaanaa yookiin Gaaboon waliin morkachuu dandeessi.
Burkiinafaasoo fi Keep Vard qabxii qixxee 4 fi goolii wal-fakkaataan xumuranillee walii waliin isaaniin yeroo wal morkatan Burkiinafaasoon waan mo'atteef gara marsaa aanutti dabarte.
Keep Verdeen biyya sadaffaa tahun darbuuf qabxii biyyoota kaan ramaddii biroo keessa jiranii eeguu qabdi.
Itoophiyaan maal barbaaddi turte?
Gareen Waaliyaa gara marsaa aanutti darbuuf tapha kaleessaa mo’achuun irraa eegama ture. Mo'uu qofa osoo hin taane galchii dabalataas barbaaddi.
Taphataan Astoonviilaa Bartiraand Tiraa’ooree Kooviid irraa fayyee gara dirreetti deebi’uun alatti Burkiinafaasoon garee sodaachisaa hin turre.
Inumaa gareen Itoophiyaa sochii cimaa taasise.
Tapha boqonnaa duraan kubbaawwan goolii tahan kan Geetaanah Kabbada fi Daawwaa Hoxxeesaan yaalaman eegduun goolii Burkiinafaasoo oolchaa tureera.
Taphataan Burkiinafaasoo Husaanee Baandee carraa gaarii argate itti fayyadamuu baatus Baayaalaan dogoggora taphattoonni ittisaafi goolii eegaa fayyadamuun goolii isa jalqabaa lakkoofsiseera.
Itoophiyaan goolii qixxee itti baate kan argatte murteessaan viidiyoo taatee taphichaa agarsiisu ilaalanii penaaliitii erga kennaniin booda dha.
Geetaanah Kabbada goolii kana galchuun Waancaa Afrikaa irratti goolii lammataa Waaliyaa dhaaf lakkoofsiseera.
Taphattoonni garee Itoophiyaa goolii lammataa lakkoofsisuuf yaalanillee hin dandeenye.
Itoophiyaan gara marsaa aanutti darbuuf yoo xiqqaate gooliiwwan dabalataa lakkoofsisuutu irra ture.