Obbo Taayyee Danda'aa maaliif dhaddacharraa hafan?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Himatawwan sadii irratti banamee dhimmisaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa kan jiru Obbo Taayyee Danda'aa dhimma harkisaanii kaateenaan hidhamuu walqabatee dhaddachatti osoo hin dhiyaatin hafuu abukaatoonsaanii Obbo Abarraa Nigus BBCtti himan.

Manni Murtichaa ragaalee viidiyoofi sanadaa Abbaan Alangaa dhiyeesserratti himatamaan yaada barreeffamaa akka dhiyeessu har'atti beellamee akka ture kan himan abukaatichi, ragaalee jedhame qabatanii dhiyaachuu himu.

Haata'u malee, maamillisaanii Obbo Taayyee Danda'aa mana sirreessaa Abbaa Saamu'eel jedhamuun beekamutti argaman dhimma kaateenaan kan walqabate mana murtiitti akka hindhiyaanne himan.

Bakka bu'aan mana sirreessichaa dhaddachatti dhiyaatanii sababa Obbo Taayyeen dhaddachatti hindhiyaanneef ibsuusaaniis dubbatan.

Bakka bu'aan mana sirreessichaa "angawoota olaanoon 'Obbo Taayyee kaateenaan osoo itti hin kaayamiin [mana murtii' akka hin geessine' waan jedhamneef dhiisnee dhufneerra" jechuun mana murichaaf deebii kennuusaaniis himan.

Dabaluunis, Obbo Taayyeen kaateenaan hidhamanii akka dhiyaatan gaafatamuusaaniifi isaanis 'kaateenaan hidhamee hindhiyaadhu, sababnisaas kana dura kaateenaan hidhamee akkan hin dhiyaanne manni murtii waan ajajeef ajajicha kabajjanii kaateenaan osoo nan hidhin na dhiyeessaa' jechuun falmuusaanii himaniiru.

Haa ta'u malee, angawoonni mana sirreessichaa yoo hin hidhamne akka hafu ajaja kennuu isaaniitin dhaddachatti osoo hindhiyaatin hafuusaanii bakka bu'aan mana sirreessichaa himusaanii dubbatan.

Dhimmi kaateenaa bara 2016 keessa wayita himatawwan duraanii ilaalamaa turanitti mana murtiin ajajni itti kennamee kan ture akka ta'es abukaatichi yaadachiisaniiru.

"Bara 2016 Obbo Taayyeen alarjii kaateenaa qabu jechuun kanuma mirkaneessuun osoo hin hidhamin akka dhiyaatan ajaja kenneera" jedhan.

Yeroo dhiyoo immoo sababa alarjiin dabalataan namni tokko amala hamaa, miliquuf yookiin humna fayyadamuu, lola kaasuufi qaamolee nageenyaaf amala badaa hanga hin agarsiifnetti jechuun kaateenaa malee akka dhiyaatan ajajauusaa himan.

Manni Murtichaa dhaddacha ALI Mudde 23, 2018 taa'een Obbo Taayyeen amalli haaraan agarsiisaan waan hin jirreef kana booda kaateenaan hidhamanii gara mana murtii akka hin dhiyaanne jechuun ajaja kennuunsaa ni yaadatama.

"Ajaja mana murtii kabajuu dhabuun akka jiruudha kan hubanne. Sababnisaas kanaan dura hoggantoonni olaanoon (mana sirreessichaa) keessattuu ajaja dhumarratti kenname qaamaan argamuuni ajajicha kan fudhatan" kan jedhan Obbo Abarraan dhimma kana ilaalchisee iyyachuusaaniis himan.

"Ajajni Mana Murtii kabajamaa hinjiru waan ta'eef gama olaantummaa seeraatiin hiikaa mataasaa waan qabuuf angawoonni olaanoo dhaddachatti dhiyaatanii akka hubachiisan qofa osoo hintaanee hidhamanii akka dhiyaatan iyyannee ture garuu manni murtii yaada keenya hinfudhanne" jedhan.

Dhummarrattis manni murtichaa dhimma kaateenaan walqabatee ajajni mana murtichaa maalif kabajamuu akka dhabe qondaalli mana sirreessichaa dhaddachatti dhiyaatanii akka hubachiisaniif ajaja kennuusaa himaniiru.

Dabalataan Obbo Taayyeen beellama itti aanu Guraandhala 20, 2018'tti kaateenaan osoo hin hidhamin mana murtiitti akka dhiyaatan ajaja kennuusaas himaniiru.

Himatawwan sadeen

Aangoorraa kaafamanii erga hidhamanii booda himatawwan sadi kan irratti baname Obbo Taayyeen, himata lamaan bilisa jedhamanii isa tokkoon immoo hidhaan cimaa waggaa 7fi ji'a lama akkasumas birriin 5,000 irratti murtaa'uunsaa ni yaadatama.

Ji'oota muraasa durammoo gaafif deebii toora miidiyaa hawaasummaa 'Horn Conversation' jedhamu waliin taasisan ka'umsa gochuun himatawwan haaraa sadi irratti banamuusaa ni yaadatama.

Abbaan Alangaa jalqaba Obbo Taayyeen eeruun, himanni kunis Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 257 cabsaniiru kan jedhu himata tokkoffaa gochuun dhiyeesse ture.

Haa ta'u malee himata kana akka fooyyessu mana murtichaan ajajni kennamuusaatiin himaticha gara Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 238/1tti jijjiireera.

"Seerri yakkaa keewwanni fooyya'e kuni 'Heera mootummaa fi sirna heera mootummaan hundaa'e humnaan diiguu kan jedhu fi qabiyyee hedduu kan ofjalatti hamate" jechuun abukaatoon himatamaa BBC'tti himanii ture.

Himanni inni lammaffaan immoo Raayyaa Ittisaa ilaalchisee odeeffannoo sobaafi dogongorsiisaa ta'e dubbataniiru kan jedhudha.

Himanni kun 'Haleellaa Izzii Kaabaa (Raayyaa Ittisaa) irratti raawwatamefi dhimmoota biroo ilaalchisee odeeffannoo dogongorsiisaafi soba ta'e kennaniiru. Kunis miidiyaa hawaasaa 'Horn Conversation' jedhamuun tamsa'e' kan jedhu akka ta'e Obbo Abarraan himanii ture.

"Himanni sadaffaan immoo gaafif deebii 'Horn Conversation' waliin taasisanfi kutaalee sadiin tamsa'erratti sirna seeraan hundaa'erratti duula gochuun yakka mootummaa biyyattii sarbuu kan jedhudha" jedhan.

Himanni Obbo Taayyeerratti saaqame inni lammaffaan Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 337 kan ilaallatu yemmuu ta'u, himanni sadaffaan immoo keewwata 244 kan ilaallatu akka ta'es abukaatichi dubbachuunsaanii ni yaadatama.