Itoophiyaa fi Sudaan dhibdee isaanii mariin furuuf waliigaluun 'milkaa'ina guddaadha'

Madda suuraa, Abiy Ahimad Ali/Twitter
MM Abiy Ahimad hogganaa Sudaan Jeneraal Abdulfattaa al-Burhaan waliin Keeniyaatti wal arganii mari'achuu Tiwiitarii isaanii irratti barreessaniiru.
Hoggantoonni biyyoota lamaanii walgahii IGAD Kibxata Naayiroobiitti taa'ame irratti wal arganii addatti mari'atan.
Biyyoonni lamaan karaa nagaa waliin hojjechuuf waliigaluu kan himan MM Abiy, "wantoonni biyyoota lamaan walitti hidhan kan gargar isaan baasan ni caalu" jedhan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Marii kanaan Itoophiyaa fi Sudaan dhibdee daangaa jidduu isaanii jiru karaa nagaa mariin furuuf waliigaluu Ministirri Deetaa Haajaa Alaa Keeniyaa Aab Machaariyaa Kamaawu BBCtti himan.
Hogganoonni lamaan mariin dhibdee isaanii hiikuuf waliigaluun "milkaa'ina guddaadha" jedhan Aab Kamaawu.
"Sababni isaa hamma yoonaatti yeroo dheeraaf waliin dubbachuu dhabuusaanii qofaa miti, daangaa biyyoota lamaanirratti lolatu adeemaa ture. Amma miirri sun guutummaatti geeddaramuu argine.
"Marii karaa nagaatiin fala barbaaduuf fedha agarsiisuu isaanii argine," jedhan.
Walitti bu'iinsa torban dura waraana Sudaanifi milishaa Itoophiyaa jidduutti daangaa irratti uumame hordofee Sudaan Itoophiyaan loltoota torba na jalaa ajjeeste jechuun himattee turte.
Kana hordofees qubsumawwan Itoophiyaa daangaatti dhiyoo jiran meeshaalee gurguddaan haleelaa akka turte aanga'oonni Itoophiyaa naannawa sanii BBC'tti himaniiru.
Biyyoonni lamaan dhibdee lafa qonnaa al-Fashagaa daangaarra jiruu irratti qabaniin alatti dhimma hidha Haaromsaa irrattis waliigaltee hin qabani.
Hoggantoonni biyyoota miseensota IGAD yaaa’ii marroo 39f taa’an kanarratti dhimmoota nageenyaa Bahaa fi Gaanfa Afrikaa akkasumas dhimmoota waloo kaan irratti akka mari'ataniiru.
















