Haleellaan qolannaa Yukireen dheeraa fi hamaa ta'u mala- Janaraala US

Yukireen haleellaan qolannaa humnoota Raashiyaa irratti gaggeessaa jirtu cimaa fi baayyee balaafamaa ta’u akka danda’u qondaalli waraanaa Ameerikaa tokko dubbatan.

Janaraal Maayiik Miilii, adeemsi haleellaa qolannaa Yukireen amma gaggeessaa jirtuu, faallaa yaadameen harkifataa ta’aa jiraachu himanii, haata’u malee humnootiin Yukireen wal jalaan suuta gara fuulduraatti dhiibbataa jiraachu kaasan.

‘‘Haleellaan qolannaa suuta adeemaa jira. Kun ammoo amaluma waraanaati,’’ jedhan Janaraal Maayiik Miiliin.

Torban darbe keessa pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zelensiikiin, haleellaan qolannaa waraanni isaanii taasisan kan harkifate ta’u amanunsaanii ni yaadatama.

Waraana Ameerikaatti itaamaajoor shumii waloo kan ta’an Jenaral Maayiik Miiliin, Jimaata kaleessaa hirmaattoota kilabii Pireesii Biyyaaleessaa keessatti Waashingitaniitti waliitti qabamanitti akka himaniitti, haleellaan deebiisanii qolachuu Yukireen ‘‘rakkisaa waan ta’eef naannoolee fandjiin keessatti awwaalamaniitti ta’e jedhamee suuta adeemaa jira,’’ jedhan.

Safiisni deebiisanii qolachuu haala eegamuun ol harkifataa ta’unsaa baayyee akka isaan hin ajaa’ibsiifne Janaraalli kun ni kaasu.

‘‘Waraanni waraqaarratti karoorfamuufi kan hojiirra olfamu adda addummaa qaba. Waraanaa dhugaatiin namoonni ni du’u,’’ jedhan.

“Namoonni qaamaan addawwan waraanaarratti hiriiruun lolaa jiru. Kanaanis fanjiiwwan olaanoodhaan kan miidhamu kutaalee qama namootaati. Kana yoo jennuus waraanichi cimaa ta’u akka danda’uufi torbanoota ykn baatiiwwan fudhachu akka danda’u agarsiisa. Kanaafuu kan yeroo dheeraa fudhatuufi kan dhiiga baayyee lolaasu ta’a. Kana ilaalchisees eenyumti keenyaa burjaajii qabaachuun nurra hin jiraatu,’’ jedhan Janaraal Maayiik.

Loltoonni Yukireen haleellaa gaggeessaa kan jiran, ‘‘dirreewwan fanjiin keessa awwaalameen gara dahoowwaniitti,’’ jechuudhaan, ‘‘kana jechuunis, loltoonni kan waraanaa jiran lubbusaanii oolfachuufiidha,’’ jedhan.

Itti dabaluunis Ameerikaan Yukireeniif gochuu kan dandeessuu hunda kennaa jiraachu ibsaniiru.

Janaraal Maayiik Miiliin qondaala waraanaa Ameerikaa olaanaa ta’un alatti, gorsaa waraanaa Pirezidantii Baayidani, Barreessaa Olaanaa mana Maree Nageenya Biyyaaleessaa fi Raayyaa Ittisaa Ameerikaatti.

Haaluma walfakkaatunis, Ajajaa Olaanaan Waraana Yukireen, Vaalarii Zaalushiniin, duulli haleellaa qollannaa kan harkiifate, sababii hir’ina dandeettii dhukaasuu meeshaalee waraanaa jajjabootiin ta’u dubbatan.

Ajajaan waraanaa kunis af-gaaffii Waashingitan Poost Jimaata maxxane waliin taasisaniin, Jeettiiwwan waraanaa ammayyaadhaa kaasee hanga rasaasaa madfiitti, waadaan warri liixaa meeshaa waraanaa kennuuf galan harkifataa ta’un adbii isaan kutachiisuu ibsan.

‘‘Fedhiin keenya addnuyaa yaaddoo irra buusuu waan hin taaneef, jettiiwwan waraanaa 120 ni hin barbaachisu. Jeettiiwwan muraasni qofti nu gahu,’’ jedhan.

Gama biraatiin ammoo, ittigaafatamaan Dhaabbata Tika Ameerikaa- CIA,Wiiliiyaam Barinse dowwannaa dhiheenya ibsaniin gara Yukireeniitti imaluudhaan pirezidanti Zelenskii fi qondaaltoota nageenyaa Yukireen waliin mari’ataniiru.

Itti gaafatamaan CIA kunis, waa’ee haleellaa qolannaa Yukireen Raashiyaa irratti gaggeessaa jirtu irratti kan mari’atan yoo ta’u, Ameerikaan Yukireeniif odeeffannoowwan tikaa qooduu akka itti fuftu mirkaneessaniiru.