Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baahirdaaritti loltoonni mootummaafi hidhattoonni Faannoo walitti bu'an
Magaalaa guddoo naannoo Amaaraa kan taate Baahirdaarifi naannoosheetti hidhattoota Faannoofi loltoota mootummaa gidduutti lolli guddaan eegaluu jiraattonni himan.
Jirattoonni magaalittii BBC'tti dubbatan, lolli kun Jimaata har'aa ganama meeshaalee gurguddaa dhukaasuun akka eegale himaniiru.
Mootummaan naannoo Amaaraa ammoo ibsa baaseen magaalaa Baahirdaariifi naannoosheetti hidhattoota ''lootee seentota'' ittiin jedhe mana manatti adamsee qulqulleessaa akka ture beeksiseera.
Oduun hidhattootni maagaalaa Baahirdaar seenan jedhu ''pirooppaagaandaadha'' kan jedha ibsi Kominikeeshinii naannichaan bahe.
Dabaluunis ''amma magaalaan Baahirdaariifi naannoonshee garee finxaaleyyii kanarra qulqullaa'eera'' jedhe.
Kutaalee naannoo Amaaraa adda addaa keessatti ji'ootaaf hidhattoonni Faannoo mootummaa federaalaa waliin walitti bu'aa akka turan gabaasuun keenya ni yaadatama.
Lolli kun darbee darbee magaalota gurguddoo akka Gondar uummanni hedduun keessa jiraatu keessatti gaggeefamaa kan ture ta'us, teessoo mootummaa nannichaa kan taate Baahirdaritti lolli gaggeefamuun hanga ammaa hin dhagaahamne ture.
Jiraataan magaalittii maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko ''ganama sa'aa 12:20 irraa eegalee lolatu ture. Sagalee dhukaasaa kilaashii gama lamaan walitti dhiyoo fakkaatu hanga sa'aa 1:40 fa'atti ture. Itti fufee garuu sagalee dhukaasaa meeshaalee gurguddaatu dhagaahamaa ture'' jedhan.
Jiraataa kan biraan ammoo magaalittii keessa iddoo Abbaay maadoo jedhamu guyyoota sadii dura irraa egalee walitti dhukaasuun akka ture, naannoo Ayyar Xeenaa jedhamutti ammoo ''halkan guutuu'' lolli akka ture dubbataniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti, dhaabbileen daldalaa, manneen hojiifi barnootaa magaalaa Baahirdaar cufamanii jiru. Daandii gubbaas sochiin idilee adda citeera.
Miidiyaaleefi rogeeyyiin hidhattoota Faannoo waliin hidhata qaban hidhattoonni magaalittii galuu gabaasu. Garuu BBC'n odeeffannoo kana ofiin mirkaneessuu hin dandeenye.
Kominikeeshiniin Naannoo Amaaraa ibsa Jimaata ganama baase kanaan kutaalee adda addaatti hidhattootni haleellaa bananiiru kan jedhu dhugaarra akan fagaateedha jechuun ''hidhattootni lubbuu ofii baraaruuf dhukaasaa jiru'' jedhe.
Dhuma torban darbee irraa kaasee kutaalee naannichaa garagaraa keessatti walitti bu'iinsi mootummaafi hidhattoota Faannoo jidduutti deebiisee eegaluu guyyoota dura jiraattoonni BBCn Amaariiffaa dubbise himanii ture.
Mar’aawii, Kibba Caacaa, Quwaariit, Kasalaa, Dagaa Daamooti, Antsokiyaa, Aanaa Gamzaa, gandoota Shawaa Roobiit, naannoo Laaliibalaa keessa walitti bu’insi jiraachuun madden BBC'tti himan.
Daandiin Dabra Birihaan irraa Dasee geessuu Sambata Guraandhala 24, 2024 irraa kaasee yeroo hin murtoofneef cufamuu komaandi poostiin Shawaa Kaabaa beeksiisee ture.
Naannoo Amaaraa keessatti mootummaafi hidhattoonni Faannoo walitti bu'uu kan eegalan caasaan humna addaa naannolee akka diigamu murtee bara darbe mootummaa federaalaatiin dabarfameen walqabateeti.
Murtee kanaan booda hidhattoonni addatti maqaa Faannoo jedhuun gurmaa'nii lola Tigraay irratti mootummaa cinaa hiriiruun lolaa turan miseensota humna adda waliin ta'uun mootummaarratti finciluu eegalan.
Ji'oota darban naannicha keessatti sochiin hidhattootaa babal'achaa dhufee yaaddessaa wayita ta'u hordofuun, mootummaan Federaalaa Labsii yeroo muddamaa jalqaba ji'oota jahaaf turu labsee. Torbanoota duras labsiin kun yeroo dabalataaf ji'a afuriif akka itti fufu paarlaamaa federaalaatiin mirkanaa'un ni yaadatama.