Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaan Itoophiyaa warshaalee sukkaaraa saddeet gurguruuf
Mootummaan Itoophiyaa warshaalee naannoolee biyyatti garaa garaatti haaraa ijaaraman abbootii qabeenyaa fi biyya alaatti gurguruu akka barbaadu beeksise.
Caalbaasii Ministeerri Maallaqaa baaserratti abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa akka irratti hirmaatan waamichi dhiyaateefi jira.
Warshaaleen sukkaaraa mootummaan caalbaasiif dhiyeesse, Arjoo Dhidheessaa, Kasam , Xaanaa Balas, Tandaahoo, Oomoo Kurraaz 1ffaa, 2ffaa, fi 3ffaadha.
Ministeerri Maallaqaa caalbaasii kana kan baase dorgommii damee oomisha sukkaaraa irratti jiru cimsuufi dhiyeessii sukkaraa biyya keessaa guddisuuf ta’uu beeksise.
Itoophiyaan waggaatti sukkaara toonii miliyoona 1.35 kan oomishtu yoo tahu, fedhii biyya keessaa %60 tahu haguuga.
Mootummaan warshaalee kanneen gara abbootii qabeenyaa dhuunfaatti deebisuun sukkaara alaa galchu xiqqeessuu barbaada. Biyyattiin hanqina sharafa alaan rakkataas jirti.
Ragaan UN Comtrade irraa argame akka agarsiisutti, bara 2020 Itoophiyaan sukkaara alaa galchuuf doolaara miliyoona 347 baasteetti.
Haaluma wal fakkaatuun mootummaan Itoophiyaa damee telekoomii biyyattii gariin gurguruuf caalbaasii baasuun ji'a Bitootessaa keessa garuu akka adeemsicha addaan kute ibse.
Ministeerichi akka ibsetti Itoophiyaan fedhii biyya keessaa guutuuf biyyoota alaarra sukkaara ni galchiti.
Washaaleen saddeet kunneen qabeenyummaan isaaanii gara dhuunfati yoo dabarfame oomisha sukkaaraa guddisa jedhe Ministeerichi.
Oomishni sukkaaraa yoo guddate galii qonnaan bultoonni shonkoraa oomishamanii fooyyeessa jedhamee abdatama.
Kana malees, dhaabbileen biyya keessaafi alaa oomisha sukkaaraarratti hirmaachuun sharafa maallaqa biyya alaa akka argamsiisu Ministeerri Maallaqaa himeera.
Iddoowwan warshaaleen haaraa ijaaraman kunneen iddoowwan oomisha shonkoraaf mijatoo fi bu’uuraaleen misoomaa guutamuufi ibse.
Waggaa afur dura paartiin biyya bulchaa jiru warshaalee sukkaaraa mootummaa harkaa jiranii fi ijaarsarra turan guutummatti ykn gartokkeen gara abbootii qabeenyaa dhuunfaatti akka dabarsu murteessuun ni yaadatama.
Haaluma kanaan walfakkaatuun, ijaarsarra kan ture daandiin baaburaa, paarkiiwwan indastirii, hoteelonnifi dhaabbileen ijaarsaa gara garaa guutummaatti ynk gartokkeen dhaabbilee dhuunfaatti akka dabarfaman murtaa’uu isaatu yaadatama.