Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namticha waggaa 17 namatti dubbachuufi waggaa 22'f konkolaata oofuu dhiisuu murteesseen wal bara
Joon Firaansis lammii Ameerikaa bara 1946tti dhalate yoo ta'u, murtoo jireenya isaa irratti jijjiirama fiduufi namootaaf bitaa ta'e tokko raawwate.
Murte kanas kan taasise umurii dargaggumaa irra yeroo jirutti ture. Innis namootatti dubbachuu dhaabuuf murteesse.
Kanaanis waggaa 17'f (bara 1973- 1990tti) osoo takkaa hin dubbatin erga tureen booda, deebiise haasa'uu eegale.
Akkasumas waggoota 22'f (bara 1972- a1994)tti mmoo konkolaataa osoo hin oofiin malaan adeemaa ture. Murtee kanas raawwachuuf kan kaka'e waan hubate tokkoo irraa ka'uun ture.
Bara 1971'tti guyyaa tokkoo qarqara galaanaa Saan Firaansiiskootti taankariiwwan bobba'aa fe'an lama walitti bu'uun, boba’aan gaaloonii hedduu lakkaa’amu bishaniitti lola’e.
“Oduu tana miidiyarratti dhaga’e, dhugaa jirtu hubachuuf gara sana deeme. Achiitti namoota qarqara galaanaarratti walitti qabamuun qulqulleessa turan arge.
“Namoonni kunneen bishaan keessa seenuun, allaattiiwwanii fi qurxummiiwwan dabalatee bineeldoota galaana boba’aadhaan tortorse qabatanii bahan.”
Kana arguun Firaansis baay’ee rifate. Dhimma kanarratti hojjachuun jijirama fiduuf barbaachisaa jedhees murteesse.
“Kana booda gonkumaa ani deebi’ee konkolaataa akkan hin oofne murteesse.” Barrisaa yeroo namoonni bara 1970 yeroo itti Kaalifoorniyaa keessatti namni hunduu konkolaata oofu ture. Kanaaf murteensaa kun tarkaanfii ija jabinaa ture.
Haata'u maleeJoon qofaatu miilaan adeemaa ture. “Sababa boba’aan bishaniitti dhanga'aleen wal qabatees namoota hedduu miidhe. Kanaafuu, konkolaata oofuu haa dhiifnu jedhanii turan. Akka yaadakootti namoonni hunduu miilaan deema silaa, jedhee ture.
''Haata'u malee gaafa ani miilaan deemuu eegale, maal hojjechaa jirta? maraatee jirta! homaa hin jijjiraman,” naan jechaa turan jedha.
“Haatikoos, mata jabeessa naan jechaa turte, garuu miilaan deemuu koo ittuma fufee. Utuu deemus jijjirama arge, gammachuu natti dhaga’amte, iddoo jiraadhu jaalachuun eegale. Konkolaata malee magaala seenuun waan hundumaa bitachuu danda’e.”
Konkolaata oofuu dhiisuunsaa wal falmisiisa taate. “Namni tokkoo jijjirama fiduu hin dadna’u jechuun namoonni naan falmaa turan.”
Konkolaachistoonni gochisaa kun kan isaan mufachiisuu fi miirri hamaan akka isaanitti dhagaʼamu taasisuu jechuun qeeqaa turan. Inis garuu murtoosaa kanaaf falmataa ture.
Haata'u malee namoonni isa dhagahu diduun konkolaataa saanii oofuun itti fuufnan. Kanaafuu akka ofuma saatiin dubbachaa akka ture itti dhaga’ame.
Callisuu akka kennaa hawaasaati
Jala-bultii guyyaa dhalootasaatti ture Joon bara 1973tti kana booda dubbachu dhiisuuf kan murteesse.
Kanaanis akka waan kennaa hawaasa isaatti ilaale. Sababiibsaas ofii isaatiin dubbachu dhiisuun, waan namoonni kaan dubbatan dhaggeeffachuuf akka carraatti ilaale waan tureefiidha.
Yaada kanas kitaaba "The Hobbit" jedhamu tokko dubbisuun achirraa argatee ture.
Kanaafuu ofiisaatiin namootaan wal falmuu dhiisuu fi dubbachuu dhiisuf murteesse.
Sababiin isaas yoo dubbate namni yaadaasaa dhaga’u waan hin jirreef jecha amma dhubbachu dhaabee callisun yaada nama isa dhagahu argateef yaaluuf murteesse. Kanas jalqaba guyyaa tokko qofaaf yaadee ture.
“Borumtaasaa ganama yeroon irribaa ka’u kaasee nan callisee. Sa’aatii 24 namaan hin dubbadhu jedheen waadaa ofii gale. Duraan nama dhageeffachaa akka hin turiinan hubadhe. Amma gab jedhee waan hunda dhageeffachuun barachuun eegale.”
“Haata'u malee guyyaa tokkoon kan dhaabbate hin taane, guyyaan guyyaan itti dabalaa adeeme.e waggoota 17f dubbachu dhaabe.”
Baroota sana keessattis Joon bareeffamaafi mallattoodhaan namootaan waliigala ture.
Maatii fi michoonnisaa hubachuu danda’anii?
“Gaafa jalqabaa jaalalleenkoo rakkoo itti hintaane, siriyyuu gammadde turte. Torbaan tokkoon booda garuu ishee dabalate yoom akka namaan dubbadhu gaaffachuu eegalan. Namoonni garii ammoo akka maraataatti na ilaalaa turan.”
“Callisuukoof garuu anatti miiraa gaariin natti dhaga’amee, anis waa barachuun eegale.”
“Torbanoota jalqabaa, yaada heddutti sammuukoo keessa ture. Yoom dubbachuun eegalaa kan jedhuufi yoo dubbadhe ammoo maalan jedha jedheen yaada ture. Kanaanis waggaa tokkoof akka hin dubbanne murteesse.
Miilaan deemuu fi callisuun itti fufee.
“Akkuma murteesseen, wanti hunduu gab jette, tasgabbiin natti dhaga’amte.”
Waggaa tokkoon booda, murtoosaa sanarra deebi’e ilaaluun, waggaa biratti dabarse, waggaan waggaa biraa dabaluun waggoota 17'f callise.
Bara kan hunda nama tokkoon hin dubbanne. Kaalifoorniyaa hanga Ooregan fi lafa onaa keessa miilaanan deema ture.
Osuma haala namatti hin dubbannee sana keessa jiru ammoo 'Land Managment' baratee digrii sadaffaa isaa xumure. “Gaafan yunivarsitii Kibba Ooreganitti galmaa’uuf deeme, barachuun fedha garuu akka hin dubbanne itti himuuf yaalaan ture.”
“Nama galmeessu dura ta’udhaan mataakoo gadi qabee, harkakoo akka kitaaba dubbisuu fakkessuun walitti qabe bane.”
Joon gocha kana yeroo baay’e irra deebi’un galmeesaa yunivarsiticha akka galuuf godhe.
“Barachuu feeta?” jedhe gaafate. Innis mataasaa oliif gadi raasuudhaan eeyyeen jedheen deebiiseef.
Dubbii kennuu eegaluu
Bara 1986 Joon digiriisaa lammaffaa xumuruun, qorannoo isaatis waraana, nagaa fi haala naannoo irratti geggeese.
Achinis karaan banamuuf eegale. Dhangala'aa boba’aa irratti akka gorsuu fi seerawwan akka barreessuuf Mootummaa US gaafatame. Dhaabbanni biyyoota gamtoomanni ambaasaaddara haala naannoo akka ta’u barbaadani turan.
“Waan baayʼee nama ajaaʼibsiisudha.” Maqaa sadii fi waggoota digdamaan booda Joon deebiisee dubbachuu eegaluuf murteesse: Amajjii 2,1990 irratti.
“Guyyaa Dachee idil-addunyaa (Earth Day) sababiin ani filadheef ammoo, haala naannoo kan yeroo dheeraaf akka aadaatti ilaalamaa ture - jijjiiraa haala qilleensaa, faalama boba’an dhufu, faalama qilleensaa dabalate wantoota bira irra dubbachuu barbaade.”
“Fakkenyaa namoota galaana gadii jiraatan utuu hin yaadatin bishaan faallesinna, isaanis ammoo deebi’anii bishaan kana qulqulleessan.”
Faalama qilleensaa, keessatuu faalama bishaanii ilaalchisee Joon addunyaa hubachiisuuf waggaa 17'f haasaa malee dabarse.
Yeroo dubbachuu eegale maaltu itti dhaga’ame?
“Washington DC'tti dubbachuu jalqabe, hoteelaa tokkotti sagantaa qopheese maatii fi hiriyyotakoo akka argamananii affeere.”
Miidiyaan akka National Geographic fi Los Angeles Times fa'is hirmatanii turan. “Meeshaa muuziqaa ‘Banjo’ jedhamu kan akka gitaara jiruun taphadhe, ‘baga nagaan dhuftan jedheen simadhe’. Haatikoo gammadee barcumashee irra ol utaaluun, “Halleeluyaa, Joon dubbateera,” jette.
“Sagalekoo waggaa baay’eef hin dhageenye turte. Gaafan dubbadhu sagaleekoo hhin qaabane turte, nama dubbatu kan biraa ilaaluuf of duuban mil’atte. Anis yeroo sana baay’een na’een kolfe, abbaankoo akkasumas na ilaalaa ture.”
Achiirraa ka’e garuu dubbachu eegaluun jireenyasaa kan duraatti deebi’e, konkolaataa fayyadamus garuu hanga ammas Joon miilaan deema.