Pirezidantiin Masrii waliigaltee Itoophiyaa fi Somaaliyaa'' itti dhiheenyaan hordofaan jira'' jedhan

Pirezidantiin Masrii Abduul Fattaah Al-Siisiin waliigaltee Soomaliyaa fi Itoophiyaa jidduutti taasisamee ''itti dhiheenyaan hordofaa akka jiran'' dubbatan.

Al-Siisin kana kan dubbatan haasaa pirezidantii Faransaay Emaanu'el Maakroon waliin taasisan akka ta'e maddi oduu Anaaduluu gabaaseera.

Pirezidantiin Masrii kun waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliyaa jaarsumaa Tarkiitiin taasisan eeruudhaan ''waliigaltichi Gaanfa Afriikaatti nageenyaa fi tasgabbii fiduu akka danda'u abdii akka qaban'' waajjiirrisaanii gabaaseera.

Pirezidant Al-siisiin gitasaanii Faransaay, Pirezidant Emaanu'el waliin guyyaa kaleessaa Muddee 28, 2024 bilbilaan dhimmoota waliitti dhufeenya waloo fi waa'ee Gaanfa Afriikaa, akkasumas dhimma Gaazaa fi Sooriyaa mari'achuun gabaafameera.

Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheeh Mohaammad torbanoota muraasaan dura ture kan Tarkii Ankaaraatti waliigaltee waliin mallatteessan.

Al-siisiin waliigalteen kunis Gaanfa Afriikaatti ''tasgabbii fiduu'' akka danda'u abdachuun ''seera idil-addunyaa hordofee ta'u akka danda'u'' amantaa akka qaban ibsuusaanii Anaaduluun gabaaseera.

Pirezidantichi ''tasgabbiin Gaanfa Afriikaa fi faayiidaan biyyaaleessaa Masrii waliin hidhata qaban'' jechuunsaanii gabaafameera.

Al- Siisiin ''Somaaliyaadhaaf deeggarsa gochuuf hojjataa jiraachuu'' kaasuudhaan, deeggarsi kunis kan ''walitti dhufeenya waloo ykn kan karaa ergama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afriikaatiin'' akka ta'e cimsanii dubbatan.

Pirezidantiin Faransaay Emaanu'el Maakroo torban darbe keessaa Finfinnee dhaquun Ministira Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad waliin marii taasisuun isaanii ni yaadatama.

Waggaa haaraa barai 2025tti humni nagaa eegsisuu Ergama Tasgabbii fi Deeggarsa Somaaliyaa- Gamtaa Afrikaa (AUSSOM) ni bobbaafama jedhamee eegama.

Humni nagaa eegsisuu ATMIS yeroo ammaa Somaaliyaa keessatti bobbaafame loltoota Itoophiyaa, Keeniyaa, Yugaandaa, Burundii fi Jibuutii irraa kan ijaarame ture.

Humni nagaa eegsisuu haleellaa garee hidhattoota Al-Shabaab ittisuun mootummaa Somaaliyaa cimsuurratti kan xiyyeefate ture.

Somaaliyaan ergama itti aanuuf loltoota biyya kamtu AUSSOM keessatti akka bobbaafamu filachuuf itti gaafatamummaa qabdi.

Itoophiyaan ergama kana irratti hirmaachuu fi dhiisuu ishee hanga ammaatti hin beekamne.

Itoophiyaan waliigaltee biyyoota lamaanii Somaaliyaa waliin qabduun loltoota gara kuma sadii ATMIS jalatti bobbaastee jirti.

Waliigaltee Itoophiyaa fi Somaaliilaand jidduutti Amajjii 1, 2024 taasifame hordofee hariiroon Somaliyaa fi Itoophiyaa laafuun gara waldhabddetti ce'an.

Haata'u malee, walakkeessa baatii Muddee keessa biyyoonni lamaan waliigaltee Ankaaraa kan mallatteessan ta'uun isaa pirezidaantii Turkii Reseep Taayyip Erdogaan beeksisanii ture .

Ministirri haajaa alaa Masrii guyyoota muraasa dura Masriin waraana ishee qaama humna nagaa eegsisuu haaraa (AUSSOM) ta'uun akka bobbaaftu dubbate jechuun ni yaadatama.

Akka Waliigaltee Ankaaraatti, Muummichi Ministeeraa Abiy Ahimad fi pirezdaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad mallatteessaniin; "Soomaaliyaan wareegama loltoonni Itoophiyaa Ergama Gamtaa Afrikaa jalatti biyya ishee keessatti gumaachaniif beekamtii kenniti."

Kana malees, waliigaltichi biyyoonni lamaan Itoophiyaan walabummaa daangaa Somaaliyaa kabajuun, barbaachisummaa akkataa ulaa galaana argattu irratti akka hojjatan wal hubachuun isaanii ibsameera.