Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filisxeem beekamtii biyyummaa argachuurraa hangam fagoo jirti?
Dararaafi rakkoon Gaazaatti hammaachaa wayita jiru, Weesti Baankiitti muddamni yeroo cimetti hireen Filisxeemotaa biyya walabaa ta'uu yeroo kamuu caala achi fagaachaa waan jiru fakkaachuu mala.
Biyyootni Awurooppaa baayyeen biyyi Filisxeem jiraachuuf beekamtii kennuun dhiibbaa uumaa jiraatanis, fedhiin isaanii kun ammallee danqaa guddaan of duratti kan isaan eeggatu ta'uu ni beeku.
Torban darbe Ispeen, Ayerlaandiifi Noorweey Filisxeemiifi beekamtii kennuu ibsuun isaanii biyyoota Awurooppaa biroo akka UK, Faransaayifi Jarman tarkaanfii walfakkaataa akka fudhatan dhiibbaa kan uumuudha.
Dippiloomaatiin biyya Arabaa tokko dhiibbaan inni uumu guddaa ta'uu ibsa.
''Mootummaan Israa'el dhagahuu diduun isaa biyyoota Awurooppaa mufachiisaa jiraachuu agarsiisa. Biyyootni Gamtaa Awurooppaa daandii qajeelaa akka filatan dhiibbaa uuma.''
Israa'el garuu adeemsi kun Hamaasii fi shororkeessummaa jajjabeessa jechuun mariin dhimma kana furuuf godhamu akka danqamu godhaa jetti.
Ammatti biyyootni addunyaa 139 ta'an biyya Filisxeemiif beekamtii kennaniiru.
Caamsaa 10 isa darbe ammoo biyyoota miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ta'an 193 keessaa 143 Filisxeem miseensa dhaabbatichaa akka taatu kan deeggaran ta'uu ibsaniiru.
Filisxeem ammatti dhaabbaticha keessatti biyya eeggattuu taatee teessoo qabaattus sagalee kennuu hin dandeessu.
Haata'u malee Liigii Arabaa keessatti akkasumas Dhaabbata Walta'insa Islaamaa keessaatti biyya jedhamtee miseensa taatee jirti.
Biyyootni Awurooppaa ammatti Filisxeemiif beekamtii kennan biyyoota akka Hangarii, Poolaand, Romaaniyaa, Cheek Rippaabliiki, Isloovaakiyaa, Bulgaariyaa, Siwiidiniifi Saayipirees labsii isa bara 1988f beekamtii kennan.
Biyyootni Awurooppaa gariiniifi US biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kan kennan dhibdee Gidduugala Bahaatiif furmaata waaraa kan fidu yoo ta'e akka ta'e ibsaniiru.
Furmaatni waaraan isaan haasa'an kun ''two-state solution'' kan jedhamu yoo ta'u Israa'eliifi Filisxeem biyya walabaa ta'anii daangaa ofii akka qabaatan kan godhuudha.
Warri Awurooppaa fi US yoom Filisxeemiif beekamtii biyyummaa akka kennan irratti ejjennoo walirraa addaa qabu.
Ayerlaand, Ispeeniifi Noorwaay beekamtii kennuu kan amma ifoomsan yaada furmaataa biyya walabaa lama ijaaruun dhufu jalqabasiisuuf akka ta'e dubbataniiru.
Dhibdee Gidduugala Bahaa kanaaf furmaatni waaraan kan dhufu qaamoleen lamaanuu furmaata siyaasaarra yoo gahan qofa akka ta'e ibsaniiru.
Biyyootni kunniin hawaasa Filisxeemiifi deeggartoota Filisxeem ta'an hedduu waan qabaniif dhiibbaa isaan akka Filsixeemiin deeggaran irra gahuufis deebii kennuu fedhu.
Waggoota darban keessa biyyootni Lixaa Filisxeemiif beekamtii kan kennan waliigalteen nagaa erga raawwatee booda akka badhaasaatti akka ta'u ejjennoo qabatanii turan.
Haata'u malee ejjennoon kun yeroo dhiyoo as jijjiirameera. Ministirri Haajaa Alaa UK Loordi Kameruun fi biyyootni Lixaa biroon biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuun dhiyoo jira, sana gochuun fala furmaataaf si'eessituu ta'a jechaa jiru.
Guraandhala darbe Pireezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon ''Filisxeemiif beekamtii kennuun Faransaayiif safuu miti'' jedhaniiru.
Jalqaba ji'a kanaatti ammoo yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti Filisxeem miseensa dhaabbatichaa akka taatu wixinee dhiyaate deeggarteetti.
US dhimma kana addatti michootashee warra Awurooppaa waliin mariyatteetti.
Haata'u malee adeemsi raawwii imaammata kanaa akkam akka ta'u qabatamaan ilaaluu barbaaddi.
Amma muggutii inni guddaan biyyootni ammalle beekamtii hin kennineef yoom bahanii kennuuf: Yeroo mariin nagaa Israa'eliifi Filisxeem gidduutti gaggeeffamu, Yeroo Israa'eliifi Saawdi Arabiyaan hariiro dippiloomasii isaanii sirreessan, yeroo Israa'el tarkaanfii fudhachuu dadhabdu, moo yeroo warri Filisxeem tarkaanfii wayii fudhatan.
Dhimmi beekamtii kennuu kun bu'aa dippiloomasii guddaa argachuuf kan hojiirra oolu godhamee qabamee jira.
''Warra Lixaaf kaardii murteessaa ittiin taphataniidha'' jedha qondaalli warra Lixaa tokko. Dabaluunis ''akkasumaan gatuu hin barbaannu'' jedhan.
Daangaan biyyoota lamaanii kam ta'a? Magaalaan guddoo eessa ta'a? Biyyootni lamaan dursanii wanti gochuu qaban maali?
Kunniin gaaffilee jajjaboo barkurneewwaniif deebii hin arganneedha- deebii gahaayyuu hin arganne.
Erga torban darbee garuu biyyoota Awurooppaa gariin birattis yaadni biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuu fudhatama argachaa jira.
Deeggartootni adeemsa kanatti ni gammadu, warri morman ni gaddu.
Haalli Filisxeemonni keessa jiran garuu badaa waan jijjiiramu miti.