Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyoonni kaan Filisxeemiif beekamtii biyyummaa maaliif hin kennan?
Ibsa qindaa’aa gaafa Caamsaa 22,2024 baasaniin Ispeen,Noorweeyiifi Ayarlaand Fiilisxeemiif gaafa Caamsaa 28 beekamtii biyyummaa kennuuf karoorfachuu himan.
Hoggantoonni Fiilisxeem murtoo kana yoo simatan Dhaabbanni Bilisummaa Filisxeem (PLO) ‘’yeroo seen-qabeessa’’ ittiin jedhe.
Biyyooti Fiilisxeem biyya akka taatu deeggaran mariin nagaa Israa'el wajjin taasifamu irratti murtoon kuni jijjiirama fida jedhanii amanu.
Haa tahu malee Israa'el ambaasaaddaroota biyyoota kunneenii waan Hamaas gaafa Onkololeessa 7 raawwate waamtee akka agarsiistu dheekkamsaan dubbatte.
''Hamaas isa ajjeesaafi gudeedaa tureef Ispeen, Noorweeyiifi Ayarlaand warqee badhaasuu isaanii seenaan ni yaadataa,'' jedhan Ministarri Hajaa Alaa Israa'el, Israa'el Kaazi.
Israa'el biyyummaa Filisxeem hin fudhattu, mootummaan amma jiru Gaazaafi Weestibaanki keessatti biyya Filisxeem hundeessuu ni morma. Biyyi akkanaa uumamuun jiraachuu Israa'eliif yaaddoo dha jedha.
Eenyutu Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kenne?
Yoo xiqqaate biyyooti 140 tahan Filisxeemiif beekamtii biyya tahuu kennuufi, kunis Garee Arabaa UN, Dhaabbata Qindoomina Islaamaa fi miseensota warraaqsa Non-Aligned Movement dabalata.
Haa tahu malee Amaaerikaa, UK, Faransaay, Jarmaniifi Awustiraaliyaa dabalatee biyyooti baayyee Filisxeemiif beekamtii biyyummaa hin kennaniif.
Awustiraaliyaan ''furmaati biyya lamaa akka jiraatuuf,'' jecha Filisxeemiif beekamtii akka kennitu mallattoo agarsiisteetti.
Bitootessa darbe Ispeen, Noorweey, Ayarlaandiifi Islooveeniyaan yeroo korri hogganoota Gamtaa Awurooppaa taasifame ''yeroo haalli sirriin dhufu'' Filisxeemiif beekamti keennina jechuun moggaatti ibsa baasnii turan.
Ibsi kuni bahuun dura biyyota Awurooppaa sagal qofaatu biyya tahuu Filisxeem deeggaraa ture, baayyeen isaaniis murtoo kana bara 1988 yeroo qaama garee Sooviyeeti turanitti dabarsan.
Ibsi qindaa'aa biyyoota sadeen kanaa Manni Maree Nageenyaa UN miseensummaa guutuu dhaabbatichaa Filisxeem irratti baatii tokkoon dura sagalee kennuun booda dhagahame.
Michuun Israa'el yeroo dheeraa Ameerikaa wixinee manni marichaa dhiyeesse veto dhaan yeroo kuffistu, miseensonni 12 michoota Ameerikaa, Faransaay, Jaappaaniifi Kooriyaa Kibbaa dabalatee sagalee deeggarsaa yoo kennan, UK fi Siwiizarlaand sagalee kennuurra of qusataniiru.
Otoo manni marichaa wixinee Aljeeriyaan dhiyaate kanaan Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuun raggaaseera taheetii Kora Waliigalaa UN dhaan sagaleen kennamee deeggarsi lama sadaffaa otoo argamee Filisxeem miseensa guutuu taati turte.
Manni Maree Biyyota Gamtoomanii wixinee yaadaa dhiyaatu tokko kan dabarsu biyyoota miseensummaa dhaabbataa qaban Ameerikaa, UK, Faransaay, Raashiyaafi Chaayinaan yoo deeggarsa kennan qofaa dha.
Pirezidantiin Taayitaa Biyyaalessaa Filisxeem Mahammuud Abbaas isa US sagalee sagaleen kuffiste veto kennite ''naamuusaan ala'' yoo jedhan Israa'el immoo wixinee yaadaa dhiyaate waan salphinaa ittiin jetteetti.
Biyyooti gariin maaliif Filisxeemiif beekamtii biyyummaa hin kennan?
Biyyooti Filisxeemiin akka biyyaatti beekamtii hin kennineef baayyeen isaaniin Israa'el waliin marii murame gatii hin qabneefidha.
''Filisxeem akka biyya taatee hundooftuuf waan jecharra hin darbine tahus, Ameerikaan mariin Israa'eliifi Filisxeem gidduutti akka adeemsifamu barbaaddi kunimmoo abjuu hiree ofiin of bulchuu lammiilee Filisxeem dhugoomurraa ittisa,'' jedhan Mana Barumsaa Diinagdee Landanitti siyaasa Baha Gidduugaleessaa kan qoratu Faawaaz Gaarjees.
Mariin nagaa bara1990 keessa kan jalqabe yoo tahu kayyoonsaa furmaata biyyoota lameeniin Israa'eliifi Filisxeem biyyoota walabaa wal cina jiraatan gochuu ture.
Haa tahu malee mariin nagaa kuni bara 2000 keessa qabbanaa'aa dhufe, bara 2014 dura mariin Israa'elii fi Fiilisxeem Waashingitanitti taasifame milkaa'ina malee xumurame.
Daangaa fi egeree biyyummaa Filisxeem dabalatee haalli Yeruusaaleem akkasumas dhimmi kooluugaltoota Filisxeem waraana 1948-49- Israa'el akka biyyaatti hundeeffamuu hordofsiiseen booda otoo hin furamiin hafe.
Israa'el miseensummaa Filisxeem UN keessaa qabdu ni mormiti.
UN'tti ambaasaaddarri Israa'el Gilaad Erdaan haasaa Ebla darbe, haasaadhumti biyyummaa Filisxeem, ''shororkeessa duguggaa sanyii warreen taasisaniif mo'icha,'' jechuun haleellaa Onkololeessa 7 booda, Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuun Hamaasiin hamma badhaasuuti jechuu AFP'n gabaaseera.
Biyyooti Israa'el wajjin hariiroo kabaja qabu tursuu barbaadan Filisxeemiif beekamtii kennuun michuu isaanii akka dheekkamsiisu beekuu qabu.
Deeggartoota Israa'el dabalatee biyyooti gariin Filisxeem ulaagaalee ijoo Konveenshinii Monteeviidiyoo bara 1933 hin guuttu jedhu, innis- uummata dhaabbataan iddoo tokko jiraatu, daangaa murtaa'aa, mootummaa fi humna biyyoota kaan wajjin hariiroo uumuu fa'i dha.
Kaan immoo biyyootaaf beekamtii kennuurratti hiikkaa laaffataa tahe filatu
Filisxeem UN keessaa beekamtii akkamii qabdi?
Lammiileen Fiilisxeem UN keessatti sadarkaa miseensummaa guutuu hin taane kan hirmaannaa taajjabdummaa kennu qabu.
Bara 2011, miseensa guutuu UN tahuuf iyyata galfattee kan turte tahus Manni Maree Nageenyaa waan hin dabarsineef sagalee kenninsaaf hin dhiyaanne.
Haatahu malee 2012 Korri Waliigalaa sadarkaa lammiilee Filisxeem kana fooyyessuun iddoo amma isheen UN keessaa qabdu akka argattuuf- kora keessatti eeyyama hirmaanna marii argachuu danda'an, tahus sagalee kennuu hin danda'an.
Murtoon bara 2012 kuni Weesti Baandii fi Gaazaa keessatti fudhatama argatus US fi Israa'el garuu qeeqanii turan. Ergasii dhaddacha ijoo UN dabalatee lammiileen Fiilisxeem dhaabota idil-addunyaatti makamuuf hiree argatan.
''Lammiileen Fiilisxeem UN keessatti miseensummaa guutuu yoo argatan dhiibbaa dippiloomaasii caalaa akka qabaatan dandeessisa. Kunis wixinee yaadaa kallattiin Kora Waliigalaaf dhiyeessuu(kan sadarkaa amma qabaniin gochuu hin dandeenye kennaaf) boodarras Mana Maree Nagenyaa keessatti teessoo dhaabbataa argatu,'' jedhu Institiyuutii Baha Gidduugalaa Waashingitanitti argamuufi sagantaa Fiilisxeem Isaraa'el irratti hojjetu keessatti hogganaa olaanaa kan tahan Kaaliid Elgiindii.
''Garuu kuni hundi furmaata biyya lamaa hin fidu-inni weerarri Israa'el gaafa dhaabbatu dhugooma,'' jedha.
Haa tahu malee Yunivarsiitii Qorannoo Afrikaa Landan(SOAS) tti piroofeesara kan tahan Jiilbart Akaakar, ''Abbaan Taayitaa Biyyaalessaa Fiilisxeem miseensa guutuu UN tahuun garaagarummaan fidu hin jiru,'' jedhu.
''Miseensummaa guutuu UN argachuun mallattoodhuma injifannoo tahe hafa: beekamtii asoosamaa, ''biyya Filisxeem'' jedhamtuufi dhugaa qabatamaa''Abbaan Taayitaa Filisxeem'' amma jiru kan bulchiinsa Filisxeem bara 1967 booda guutummaan Israa'el irratti hirkatu dha,'' jedhan.