Icciitii lammii Keeniyaa 'nama ajjeesuu amaleeffatee' irratti-Gaaffilee shan

Poolisiin Keeniyaa shakkamaa dubartoota 42 ajjeese jedhe to'atee qorataa jira

Madda suuraa, AFP

Lammiin Keniyaa nama ajjeesuu amaleeffate jedhame to'atamuu hordofee aarii fi dhaakkemsi uummata biraa dhagahamaa jira. Uummanni poolisiin magaalittii gaaffiiwwan hedduu deebisuu qabu akka jiranis akeeke.

Poolisiin namni Kooliinsi Jumayisii Kalushaa jedhamuu fi ganna 33 tahe dubartoota 42 ajjeesuu amaneera jedhe.

Abukaatoon isaa garuu gaafa Kibxataa Kooliinsi akka malee dararamuun akka amanu taasifame jedhe.

Reeffi namoota sagalii ciccituun pilaastikaan maramee bakka balfi gatamu keessaa argamuun gaaffii hedduu dhimma kana irratti akka ka'u taasiseera.

Bakki isaa ammoo naannoo buufata poolisiitti dhiyoo jirudha.

1) Reeffi namootaa akkamiin buufata poolisii cinatti argame?

Namoota baay'een hubachuuf kan rakkatan reeffi namoota ajjeefamanii gatamanii buufata poolisii naannoo Mukuruu Kiwaa Injeengaa jedhamu irraa meetira 100 irratti yoo argamu akkamiin poolisiin baruu dadhabe kan jedhudha.

Hawwaasni naannichaas poolisiin dhimma kana qoratee bira gahuu dhabuu isaaf ''hanqina ogummaa fi maal na dhibdee'' tahuu eeruun qeequ.

Bakka bu'aan hogganaa poolisii Daagilaas Kaanjaa Dilbata darbe akka jedhanitti poolisoonni buufata poolisii Kiwaaree naannoo reeffi namootaa argamee to'annoo jala oolfamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Garuu akkamiin reeffi namoota hagasii yeroo achiiti gatamu baruu dadhabdan/ kan jedhu gaafatamuuf moo dhimma biraaf kan jedhu hin baramne.

Haa tahu malee, qabinsa mirga namoomaan poolisii irratti gaaffiin ka'us waan jiruuf ajjeechaa namoota kanneenii waliin poolisiin yoo hidhata qabaate kan jedhu adda baasuuf qorannoon jalqabaa eegaluuf akka jedhus dhagahameera.

Eeruun jalqaba kan dhufe uummata irratti. Maatii dubartii achi buuteen ishee dhabamee turee Joosefiin Owinoo keessaa yoo himan '' abjuukootti'' bakka jirtu arge bakka sirrii eere jette.

Durbii Joosefiin kan taate Diyaanaa Keyaa Citizen TVtti akka himtetti, maatiin ishee dargaggootaaf kaffaluun bakka balfaa sana keessa akka barbaadaniif godhan.

Kanumaan Jimaata darbe reeffi namoota sagalii cicitee pilaastkaan marame argamuu himte.

Daarikterri Qorannoo Yakkaa Mohaammad Amiin akkamiin baruu dadhabdan gaaffii jedhuuf ''nuyi namota abjuun hojjetan miti abjuuttis hin amannu'' jedhe.

2) Reeffi namoota kanneenii yeroo akkamii gatame?

Poolisiin akka jedhetti reeffi namootaa argame sadarkaa bososuu adda addaa irratti kan argamudha.

Kana jechuun kan ajjeefaman yeroo wal fakkaataa keessa akka hin taane agarsiisa jedhan.

Poolisiin akka jedhetti Obbo Kooliinsi Kalushaa waggoota lama keessatti yeroo adda addaatti ajjeechaa kana raawwachuu amane.

Gaaffiin jiru reeffi namoota kanneenii yeroo ajjeechaa kanaan namni shakkamaan raawwachuu hime keessa kan raawwate moo kan dhiyeenyaati kan jedhu irrattidha.

Hojii gaggeessaa olaanaa mirga namoomaa Hakii Afrikaa, Huseen Kaalid, BBCtti yoo himu, hojiin poolisii ''qaawaaa hedduu qaba'' jedhe.

3) Poolisiin akkamiin shakkamaa to'ate?

Waggaa lama keessatti shakkii tokkoyyuu osoo hin qabaatiin turee erga reeffi argamee poolisiin guyyoota sadii keessatti nama yakkichaan shakkame to'achuu hime.

Poolisiin mana jireenyaa shakkamaa Kalushaa jedhamu keessaa bilbila harkaa 10, laaptooppii, waraqaa eenyummaa fi uffata dubartootaa adda addaa arguu hime.

Manni jireenyaa nama kanaa ammoo bakka reeffi argametti dhiyoodha.

Bilbila miidhamtuu tokkoo eessa akka jiru teeknoloojii agarsiisu fayyadamuun akka to'annoo jala isa oolchan poolisiin himeera.

Abukaatoon isaa ammoo kun hammam dhugaadha jedhee gaafata.

4) Miidhamtootni eenyufaati?

Hanga ammaatti reeffi eenyummaa isaa adda baafame kan nama tokkooti. Shamarree gana 24 Roozeliin Ongoogoo.

Obboleessi ishee BBCtti akka himetti Waxabajji 28 hojii barbaacha manaa baatee achumaan hafte.

Uffata uffattee manaa baateen waan argamteef akkasumas maatiin ishee yeroo barbaaduuf beeksisaa turan haalatti rifeensa ishee sirreeffate waan himaniif, reeffi argame waan ishee fakkaateef maatiin waamamuu himame.

Nageenya dubartoota Keeniyaa irratti poolisiin maal jedha?

Reeffi namoota gidduu kana argamee ajjeechaa shamarree ganna 20 Amajji keessa raawwatee yaadachiiseera.

Reeffi ishee mummuramuun mana kireefatame xiqqoo keessaa argame. Hanga ammaa sababni maal akka tahee fi yakka kana eenyu akka raawwate hin barmne.

Dhimmi kun ajjeechaan dubartoota irra gahu akka dhaabbatuuf hanga hiriirri nagaa gaggeeffamuutti geesiseera.

Bara 2016 hanag 2023 qofa dubartootni 500 ol mana keessatti ajjeefamuu Aminestii Internaashinaal himeera.

Miidhaa dubartoota irra gahu dhaabsisuuf poolisiin maal gochaa jira kan jedhuuf dubbii himtuu kan taate Resilaa Onyaangoo poolisiin lubbuu fi qabeenya nama kamiiyyuu ni tiksa jette. Addatti miidhaa dubartoota irra gahu himuu baattus hojii poolisii gaaffiin irratti ka'uuf deebii kana laatte.