Giiftiin erga du'anii booda UK’tti maal fa’itu jijjirama?

Dubartii daraaraa baattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Du’a Giiftii Elizaabeet II hordoofee hanga sirni awwaalchaa raawwatamuutti, tartiibiiwwan sirnoota raawwatamanii ifa kan taasifaman yoo ta’u, du’aatiin Giiftiittii jireenya guyyaa ummataa Yunaayitidi Kingdam irratti garuu jijjirama ni fida.

Sirni awwaalcha Giiftii Elzaabeet guyyoota 10 hanga 11 jidduutti Weestiministar Abbeetti raawwatama jedhamee eegama.

Guyyaan sirni awwaalchaa itti raawwatamu kunis tarii akka guyyaa ayyaanaatti lamsamu mala ta’a. Garuu ammo guyyaan sirni awwaalchaa itti raawwatamus Masaraa Baakiinghaamiin beeksiifama.

Qophiiwwan ni haqamuu?

Taba kubbaa miilaa Liigii Ingliziifi Liigii kubbaa Miilaa Kaaba Ayiriilaand dabalatee, qophiileen ispoortii guyyaa Jimaataatti karoorfamanii turan irra caalaan isaanii haqamaniiru.

Dorgommiiwwan fardaa hundi Abbaa Taayitaa Dorgommii Faradoo Biritishiin kan dhorkame yoo ta’u, guyyaa Jimaataatti taphni goolfiis hin jiraatu.

Karoorri mormiiwwan baabuuraafi poostaa hoo?

Gamtaan Baabuura, galaanaafi Geejiibaa (RMT) kabaja agarsiisuuf jecha mormiin hojii Fulbaana 15 fi 17 gaggeeffamuuf ture haqamu beeksiiseera.

Akkasumas mormiin poostaa guyyaa Jimaataa taasifamuuf ture Gamtaa Hojjattoota Komunikeeshiniitiin haqamuun gabaafame.

Tajaajilliiwwan yaadannoo awwaalchaan dura bakka biraa eessatti raawwatama?

Sirnni yaadannoo Giiftii Elizaabeet bakka Ministirri Mummee fi ministroonni gameeyyiin biraa argamaniitti, Kaateediraalii Qulqulluu Phaawuloosiitti Jimaata har'aa ani gaggeeffama.

Sababii Giiftiittiin Iskootilaanditti du’aniif jecha, reeffiisaanii Kaateediraalii Qulqulluu Gaaliis kan Idinburagiitti argamutti akka boqatu taasifama.

Isaan booda ammoo gara Landaniitti geeffamuun namoonni kumaatamaan lakkaa’amu Weestiministeer keessatti qaamaan argamuun reeffa giiftiittii akka gaggeessan taasifama.

Hanga boromtaa awwaalchaatti alaabaan gamoowwan mootummaa irratti wallakkaan gadiitti fannifama.

Kabaja Giiftii Elizaabeetiifis bilbiltuun sagalee Kaatediraalii Qulqulluu Phaawuloosii fi kan Masaraa Wiindisar ni dhageessifamu.

Kana malees tokkoo tokkoo waggoota jireenyaa Giiftii Elizaabeet yaadachuun madiifnii Paarkii Haayidi keessatti ala 96 ni dhokaafama.