Dirooniiwwan gamoowwan magaalaa Mooskoo haleelan

Humni ittisaa Raashiyaa Mootummaan Yukireen Mooskoo irratti "dirooniin haleellaa shorrokeessummaa" baneera jechuun himate.

Humni ittisa qilleensaa Raashiyaa dirooniiwwan magaalaa Raashiyaatti dhiyaachaa turan baayyee dha'ee kuffisuu isaas aanga'oonni raashiyaa dubbataniiru.

Haleellaa dirooniin kanaanis gamoowwan baayyeen diigamaniiru garuu namni du'uun hin gabaafamne.

Taateen Mooskoo kun haleellaa magaalaa guddoo, Kiiv irratti guyyoota sadiif walitti aanuun gaggeeffamee lubbuu nama tokkoo galaafate hodofeeti.

Yukireen garuu Raashiyaa keessatti haleellaa banuu ishee ifatti hin ibsine.

Gulaalaan BBC Russia Istiiv Roosenberg yeroo dho'insi magaalaa guddoo Raashiyaa, Mooskoo keessatti dhaga'ametti foddaawwan mana isaa akka raafaman ibsa.

Gulaalaan BBC kun akka jedhutti, waraanni Yukireen kunn kanana dura "bakka magaalaa Mooskoorraa fagoo ta'etti waan gaggeeffamaa tureef jireenya namaaootaa kallattiin hn miine ture.

"[Amma garuu] waraanni kun akka waan dhiyaataa dhufeetti namatti dhaga'amaa dufeera," jechuun ibsa.

Kantiibaan magaalaa Mooskoo haleellaa diroonii magaalattii irratti raawwatamaniin miidhaan cimaan hin qaqqabne jedhe.

Sergee Sobiyaaniin Telegraam irratti akka himetti, manneen lama haleelamaniiru. "Gamoowwan baayyeerra ammoo miidhaan salphaan qaqqabeera. Jiraattonnis waan baqachiifamaniif "hanga ammaatti miidhaan jabaan hin qaqqabne".

Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen Kiiv irratti halkan sadiif walitti aansuun haleellaa qilleensarraa qaqqabsiisnaan gamoowwan ibiddaan qabataniiru, dhukaasni gurguddaanis dhagahameera.

Qondaaloti akka jedhanitti caccabaa lafarra jirutu ibidda qabate, humni qilleensaa Yukireen dirooniiwwan 20 tahan kan Raashiyaan itti darbataman fashaleesseera. Haleellaa miilanaan yoo xiqqaate namni tokko ajjeefameera.

Humni Qilleensaa Yukireen misaayeliifi dirooniiwwan halkan lamaan darban Kiivitti darbataman hunda fashaleessuu hime.

Naannichatti iddoowwan irratti qiyyaafataman keessaa tokko buufata humna qilleensaa biyyattiiti.

Gaafa Wiixataa qondaaloti lixa Kaahemliinstiik xiyyaaronni waraanaa shan manca'aniiru jedhan.

Buufata xiyyaaraatti daandiin xiyyaarri irraa ka'us suphamaa jiraachuu qondaaloti dubbataniiru, tahus odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Pireezidant Volodmiir Zelenskii Ameerikaan misaayela Paatriyoot jedhamu isaanii kennuu isheef galateeffateera.

Haasaa gaafa Wiixataa viidiyoo irratti taasiseen, ''misaaylota Raashiyaa akka lafaan dhahu %100,'' mirkana kenne.