Mohaammad Saalaa xiyyeeffannaa guddaa Liigii Sa'uudii ta'uu hoogganaan liigichaa dubbatan

Jifataan Liiverpuul Mohammad Saalaa amma yeroo kamuu caalaa xiyyeeffannaa Liigii Sa'uudii (Saudi Pro League) ta'uu hoogganaan liigichaa Omaar Mugaarbeel ibsan.

Taphataan lammii Masirii yeroo ammaa umriin isaa waggaa 33 ta'e kun Kibxata darbe wayita gareen isaa tapha dorgommii Chaampiyoonsi Liigiif gara Intar Miilaan imalee 1 fi 0 dhaan injifate keessa hin turre.

Taateen erga kilabichaa fi leenjisaa kilabichaa Arnee Isloot faana waldhabuusaa ifatti ibsee booda mudate kun, hariiroo taphatichi Liiverpuul waliin qabu daran gaaffii keessa galcheera.

Tapha Piriimer Liigii Sambata darbe Liidsi waliin taphatan erga goolii 3 fi 3n xumuranii booda Mohammad Saalaa ga'umsa Liiverpuul hir'ataa jiruuf addatti qubi isatti qabamaa turuu dubbate.

Hariiroon Isloot waliin qabus guddoo laafuu ibse.

Leenjisaan Liiverpuul dubbii Saalaa kana haaleera, taphatichi ammallee gara kilabichaatti deebi'uun bu'aa buusa jedhee akka abdatus ibse. Mugaarbeel garuu kilaboonni Sa'uudii Arabiyaa taphataa kana mallatteessisuuf fedhii guddaa akka qaban dubbatan.

Kora Kubbaa Miillaa Addunyaa magaalaa Riyaaditti gaggeeffamerratti ''Mohammad Saalaa Liigii Sa'uudii keessatti akkaan simatama.

Garuu taphattoota waliin dubbachuuf itti gaafatamummaa kan qaban kilaboota,'' jedhan.

''Saalaan taphattoota kilaboonni gaafatan keessaa tokko akka ta'e sirriittan beeka.''

Ebla darbe kontiraata Liiverpuul waliin qabu waggaa lamaaf kan dheeresse Mohammad Saalaa, Amajjii dhufu Anfiildi gadhiisee akka ba'u gabaasonni ibsan jiru.

Mohammad Saalaa Liigii Sa'uudiin barbaadamuu erga eegalee tureera. Fulbaana 2023 Al-Ittihad paawondii miiliyoona 150 dhiheessee turus Liiverpuul garuu ni dide.

Haala kanaan hoogganaan liigichaa as ba'anii addatti wayita maqaa taphataa kanaa kaasan garuu kan jalqabaati.

Yeroo taphataan kun miirasaa baasee ibsatetti ta'uunsaa ammoo dhuguma hireen isaa Sa'uudii ta'uu akka danda'u namatti agarsiisa.

Garuu kilaboonni Sa'uudii hunda miti kan Mohammad Saalaa barbaadan. Dursaan Al-Kholood Ben Harburg taphatichi ga'umsa amansiisaarra akka hin jirree fi haala amma jiruun kilabicha akka hin madaalle dubbate.

Kanarra Riyaal Maadiriid irraa Viniishiyees Jr mallatteessisuu akka barbaadu yaada kenne.

''Namuu Mohammad Saalaan gara liigii kanaa akka dhufutti hubatee jira,'' jedhe Harburg.

''Umriinsaa waggaa 33, Liiverpuul keessatti guddaa kaffalamaaf, garuu ga'umsi isaa gadi bu'aadha. Namoonni beekamtii fi maqaasaa fayyadamuu akka barbaadan nan hubadha. Taphataan kun nama naannawa kanaati, garuu akka ilaalcha kootti liigii keenya nama madaalu miti. Isaa fi Viniishiyees keessaa Viniishiyeesin filadha.''

Taphataan duraanii Liiverpuul Istiivan Jeeraard, Mohammad Saalaa ''miiraan oofamuun'' Sambata darbe yaada kenne jedhe.

Jeeraard yaada kana kan kenne erga Mohammad Saalaa kilabichaan qoollifatamuu ykn gatamuu isaa ibsuun teessoo jijjiirraa irra kaa'amuusaatti akka hin gammanne himateeti.

Mohammad Saalaa erga bara 2017 Roomaa irraa Liiverpuul seenee kilabichaaf baayyee gumaache.

Liiverpuul waancaa Piriimer Liigii lama akka mo'atuuf gumaachi Saalaa olaanaa ture.

Bara 2019 kilabichi wayita waancaa Chaampiyoonsi Liigii nyaatu ga'umsi Saalaa guddaa ture.

Haata'u malee bara kana ga'umsi isaa sun hin jiru. Taphoota Piriimer Liigii 13 taphate irratti goolii afur qofa galche.

Gareensaa bara darbe waancaa liigichaa fudhate amma gadi bu'ee sadarkaa 10ffaarra jira.

Mohaammad Saalaa hariiroon leenjisaa Liiverpuul Arnee Isloot waliin qabu guutummaatti adda cituu fi kufaatii kilebichaa ''anatti qabachuun anaan balaarra na buusan'' jechuun dubbateera.

Liiverpuul keessatti namni isa arguu hin barbaanne jiraachuus himateera. Kun ammoo hariiroon kilabichaa fi leenjisaa kilabichaa waliin qabu daran akka laafaa deemu taasiseera.

Seenaa Liiverpuul keessatti Mohaammad Saalaa Iyaan Ruush kan goolii 346 qabu, Roojer Haant kan goolii 285 qabutti aanee taphataa sadaffaadha.

Saalaan Goolii 250 Liiverpuuliif lakkoofsiseera.

Luwis Diyaaziin kan gurgure Liiverpuul taphataa isa bakka bu'u cimaa hin arganne.

Ammoo Mohaammad saalaan ji'a Amajjii kanatti gara Sa'uudii Arabiyaa deemuu waan danda'uuf torban dhufu deeggartootatti nagaa dhaammachuu isaa hin hafu jedhamaa jira.