Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saantimoota warqii jaarraa 7ffaa keessa tajaajilaa turan dhaaba manaa keessaa argaman
Arkiyoolojistoonni Israa’el saantimoota warqee qulqulluurraa hojjataman 44 jaarraa 7ffaa keessa tajaajilarra oolan dhaaba ijaarsa iddoo kunuunsa naannoo uumamaa keessaa argaman.
Saantimoonni kunneen giraama 170 kan ulfaatan yoo ta’u, maallaqni kuufame kun iddoo Heermaan Istriim(Baaniyaas) jedhamutti bara 635 wayita muslimoonni biyyattii weeraran dhoksuuf awwaalame jedhamee yaadama.
Saantimoonni kunneen bulchiinsii Bizaantaayin naannichatti goolabamuu isaanii akeeku.
Bulchiinsi Bizaantaayin gartokkee bulchiinsa Roomaa waggootaa 1,000 caaluf ture.
Daarektarri qo'annoo saantima kana akka qotamee bafaamu taasisan Yohaav Lereer, ‘namni saantimoota kanaa waraana sodaatee dhofkate, guyyaa tokko deebi’e qabeenyasaa akka argatu abdata jennee tilmaamna,’’ jedhan.
‘’Taatullee qabeenyasaa deebi’ee argachuuf hin carroomne,’’ jedhan.
Saantimoota warqee kana malees, mannii jireenya magaalaa bara durii, ujummoon bishaanii, hambaa gamoo, saantimoota meetii durii fi meshaalee biroo heddu argamuu qondaaltonni Israa’el himaniiru.
Abbaa Taayitaa hambaalee Israa’elitti ogeessi maallaqa durii kan ta’an Dr Gabri’eelaa Bijoviskii, saantimoonni muraasni kan Imireer Focaas(602-610) yoo taan, irra caalan saantimoota kanaa kan Impereera isatti aanee bulche Heraakilus jedhamuti jedhan.
Heermaan Istriim(Baaniyaas) iddoo Iyyasuus mana sadagaa/waldaakoo dhagaarrattin ijaara jedhee itti dubbate ta’uutu warreen Kiristaanotaa biratti beekama.