Putiin hogganaa Ittaanaa waraanaa hojiirraa ari'ate

Janaraala Raashiyaa aangoorraa kaafame

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Janaraala waraanaa ittigaafatamaa loojestikii waraana Raashiyaa oppareshiinii Yukireen keessatti gaggeeffamuu hojiirraa ari'ate.

Janaraal Dimitirii Bulgaakoov, Ittaanaa Ministira Raayyaa Ittisa biyyattii yoo ta'an aangoosaanii irraa Sambata kaafamu Ministeerri Raayyaa Ittisa biyyattii fuula Telegraamii irratti beeksiiseera.

Ministeerichi ibsa isaa kanaan gaheessi umuriin waggaa 67 kun gahee haaraatti dabarfamuuf ''gadhiifamaniiru'' jedhe.

Namni kun magaalaa qarqara galaanaa Maaruupoolitti duula godhamu hoogganaa turan Koleeneel Janaraal Mikhaa'il Mizintsev'n bakka bu'uu jedhameera.

Janaraa Bulgaakoov bara 2008 irraa kaasee oppareeshiniiwwan loojeestikii waaraanaa hogganaa kan turan yoo ta'u, looltoonni Raashiyaa erga bara 2015tti Siiriyaa keessatti bobbaafamaniin boodas isaanitu dhiyyeessiif ittigaafatamaa turan.

Haata'u malee kanneen dhimmicha itti dhiheenyaan hordofan akka jedhaniitti, baatiiwwan muraasaa asi loltoonni Raashiyaa dhiyeessii gahaa dhabuun komii baayyee irratti kaasaa turan.

Baatiiwwan muraasa keessatti, Kiremiliin Koriyaa Kaabaa fi Iraan- miichoota ishee lamaan hafa irraa meeshaalee waraanaafi dhiyeessii dirooniitii bitachuuf dirqamuun himame.

Janaraal Bulgaakov hojiirraa kaafamuun kan dhagahames, looltoonni haaraan Raashiyaa meeshaa waraanaa ligidaa'aa hidhachuun miidiyaa hawaasaa irra erga naannawu eegaleen booda ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanneen Raashiyaa keessatti waraanicha deeggaranis hojiirraa hari'atamu janaraalichaatti kan gammadan yoo ta'u, Janaraal Mizintsev kan Maaruupool ugguruudhaan gahee ajajummaa baheera jedhamuun UKn qoqqophaan irra kaa'ame mudanuun kan simatamu fakkaata.

Janaraal Mizintsev kan amma Maaruupool keessatti ajjeechaa namoota hedduutiif Yukireenotaan himatamu, Siriyaa keessattis waraana Raashiyaa dursuun haleellaa sukkanneessaa boombii magaalaa Aleeppoo gaggeessuun himatama.

Waajjiri Dhimma Alaa UK tibba Bitooteessa keessa qoqqophaa gaheessa umuriin waggaa 60 kanarra keesseetti, Yukireeniifi Siriyaa keessatti ''ajjeechaawwan sukkanneessaa raawwachuun'' jechuun hiammattee turte.

Tarkaanfiin hoggannaa jijjiruu Raashiyaa kunis kan dhagahame erga Aab Putiin ofumaan sochii waraanaa ittigaafatamummaa fudhachuun janaaroota Yukireen keessatti argamaniif ofiisaatiin ajaja dabarsaa jira jedhu gabaasaaleen.

Qondaaltoonni Ameerikaa CNN'tti akka himaniitti, ''caasaan ajajaa rakkoo qabaachuun'' Mooskoo keessatti Putiin akka ofiin waranaa keessatti si'ominaan hirmaatu dirqisiise jedhan.