Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kantiibaan Dirree Dhawaa duudhaa jaalalaafi waliin jireenyaa magaalattii dagaagsuun himamu Obbo Kadir Jawaar eenyu?
Magaalaa jaalalaa jedhamuun kan beekamtu Dirree Dhawaan rakkoo siyaas-diinagdee walxaxaa ta'e keessa galtee turte.
Magaalaan ulaa seensa baha biyyattii taate kun, bara 2018 wayita jijjiiramni siyaasaa biyyattii keessatti eegalu rakkoo bu'uura sabummaa fi amantii qabu keessa seenuun sodaa hamaa keessa galtee turte.
Dhiheenya kana garuu rakkoon magaalattii akka kanaan duraa ijoo dubbii ta'ee dhagahamaa hin jiru.
Haata'u malee magaalattiin yeroo ammaa haala akkamii keessa jirti.
Kantiibaa magaalattii rakkoo magaalattii tasgabbeessuu keessatti ga'ee guddaa gumaachuun maqaansaanii ka'u, waan amma magaalattiin itti jirtuu fi waa'ee seenaa dhuunfaa isaaniirratti dubbisneerra.
Gaaffii fi deebii Obbo Kadir Jawaar waliin taasifne akkanaan qixeessineerra.
BBC: Magaalaan Dirree Dhawaa duudhaa jaalalaa fi waliin jireenyaan beekamtu, aadaa, amantii fi duudhaa saboota adda addaa keessummeessuun beekamtu jeequmsaan goolamaa turuunshee yaadanno yeroo dhihooti. Yeroo ammaa maqaan magaalattii akka duraa jeequmsaan ka’aa hin jiru. Magaalaan keessan rakkooshee furattemoo akkanumaan callisa filatte? Amma maaltu jira?
Obbo Kadir: Waggoota sadan, afran darban haalli ture yeroo jijjiiramaas waan ta’eef namuu carraa kanatti fayyadamee humnasaa ilaallchuuf garee hundeeffatee ture. Keessattuu gareen finxaaleyyii jeequmsa uumaa turan. Olaantummaa seeraa kabachiisuurrattis gama poolisiin, gama bulchiinsaanis rakkootu ture.
Waliin haasa’anii rakkoon furuun sadarkaa ulfaataarra ga’ee ture, namuu faallaa walii ture. Ammaan tana garuu gama bulchiinsaanis, poolisiin magaalattiis rifoormii gochuun olaantummaa seeraa kabachiisuurratti hojjenneerra. Amma hawaasi gammachuu qaba. Duudhaan durii sun deebi’eera. Amma jijjiirama guddaatu jira.
BBC: Kanaafuu amma rakkoon magaalaa Dirree Dhawaa keessatti ka’aa ture guutummaatti furameera jechuu dandeenyaa?
Obbo Kadir: Amma rakkoon takka hin jiru. Ergan aangootti dhufee waggaa sadi ta’eera. Amma nagaa fi jaalala qofa. Egaa nageenyi kun akka itti fufu ammoo hojjechaa jirra. Hawaasi kanuma kaleessa jaalalaan waliin jiraachaa tureedha. Nutillee hawaasuma waliin waan hojjenneef milkoofne. Abbootii amantaa, abbootii gadaa, jaarsolii biyyaa fi ugaazota jiran hunda waliin hojjenna.
BBC: Dhimmoota magaalattii keessatti madda waldhibdee turan keessaa amantii fi sabummaan isaan ijoodha. Isin saboota magaalattii keessa jiraatan keessaa saba Oromoo fi amantii magaalattii keessatti hordoftoota hedduu qaban keessaa amantii Islaamaa irraa dhufuun keessan rakkoo kana furuuf qormaata isinitti hin taanee? Akkamiin milkooftan?
Obbo Kadir: Duraanis hawaasa garaagaraa, sabaa fi sab-lammoota hedduu waliinin guddadhe. Oromoo tahuun koos rakkoo hin uumne. Oromoon sirna Gadaa isaa keessatti saboota biroo haammachuun beekama malee ofirraa hin dhiibu. Saba duudhaa kana qaburraa uumamuun kiyyas na fayyade waan ta’eef baayyeen ittiin boona.
Amantaan kiyyas Islaama. Amantaan hundinuu nama namummaasaan kabajuu fi tajaajiluu gorsa. Anis xiqqeenyumarraa duudhaa amantaa kana barachaa guddadhe. Eenyummaan kiyya kun akkan nama hunda ija walqixaan kabajuu fi tajaajilu na gargaare malee rakkoo hin uumne.
Wanni Rabbiin achi nu kaa’eefis hawaasa akka tajaajilluufi malee kun amantaa kiyya, kun ammoo qomoo kiyya jettee tokko ofitti qabaa, kaan qoollifataa hin deemtu. Amantaa fi sabummaan rakkoo uumtee hin beektu. Wanni nu rakkisaa ture hoogganoonni nu dura turan aadaa fi qilleensa hawaasa magaalattii qixa sirriin beekuu dhabuudha.
Nuti hawaasa kana keessaa waan baaneef, hawaasichi maal akka barbaadu sirriitti beekna. Uummatichi kabajumaa fi jaalala fedha, rakkinasaa dhaggeeffachuu sirraa barbaada. Namootumatu siyaasaaf jecha walitti buusaa ture malee uummanni Dirree Dhawaa warra nama hubatuu fi nama jaallatu.
BBC: Yeroo baayyee pirotokoolii osoo hin eegin, eegumsa malee hawaasa keessa oolu kantiibaan kun. Kun aantummaa isaan uummataaf qaban mul’isa jechuun kan jajan akkuma jiran, pirotokoolii balleessan jechuun kan qeeqanis jiru. Obbo Kadir Jawaar kanarratti maal jedhu?
Hunduu akkaataa barbaachisummaa isaatti. Bakka pirotokoolii barbaachisutti nan eega, ammoo hawaasa kana wajjinan jiraadha. Aangoon yeroofi, booda hawaasumatti deebita. Hawaasi bakkuma sana jira. Har’a aangoo argadhe jedhee hawaasa yoon ofirraa daangesse, bor isumattin deebi’a.
Sirriidha, irra guddaa kan nama waliin wal-lolaa jirru ''pirotokoolii osoo hin eegin akkanumaan kophaa hawaasa keessa deemta'' kan jedhuudha. Hawaasi kun kanuma waliin guddanne, kanuma waliin hojjetaa turre, wanni haaraan hin jiru.
BBC: Oolmaa keessan guyyaa tokkoo nutti himaa, eessa, maal hojjetaa ooltu?
Obbo Kadir: Irra guddaa hawaasuma gidduun oola. Rakkoo hawaasaa fi tajaajila kennamaafii jiru qaamaan deemeen ilaala. Galgalas humna nageenyaa waliin socho’een jiruu fi jireenya hawaasaa ilaala. Rakkataa nan gaafadha, kanan gargaarus qaba.
Kanneen dhukkubsatanii hospitaala ciisanis nan daawwadha. Tajaajila kennamuuf nan hordofa. Soorata isaan nyaatan waliin nyaadheen ilaala. Yoo soorati mishaa ta’uu baate akka sirratuuf nan taasisa. Haala kana xiqqummaarraan qaba.
Kanaan ala torbee keessaa guyyaa sadi halkan kubbaa miillaan taphadha. Manattillee dhuunfaadhaan ispoortii nan hojjedha. Hawaasa bakka ispoortiitti ba’ee daawwatu waliinis nan argama. Bakka hawaasi kiyya hundatti argamuun koo isaaniif gammachuudha, anaaf ammoo hojii guddaa miti.
Kun hawaasa waliin waldhaggeefachuufillee baayyee fayyada. Hawaasa ofirraa qabdee eenyu waliin dalagda? Hawaasaan ala hojiin hojjetamu hin jiru.
BBC: Yeroo garii haala qondaalota mootummaa kaan irra adda ta’e isin irratti argina. Iftoomina, walaba taatanii yaada kennuu fi hawaasaaf banaa of gochuu. Seenaa dhuunfaa keessan dabalatee haala hojii keessaniin walqabatu miidiyaatti dubbachuuf iftoomina qabdu. Nama Dirree Dhawaa ta’uu keessantu kana fide moo muuxannoodha?
Obbo Kadir: An xiqqummaarraa hojii tola ooltummaa hojjechaan guddadhe. Ammas akkan hawaasa tajaajiluuf malee akka hawaasi na tajaajiluuf miti kanan aangoorra taa’e. Har’a waanan aangoorra taa’eef jedhee waanan itti guddadhe jijjiiruu hin danda’u, boris amalli kiyya kanuma.
Biirookiraasii cimaa uumuun amala kiraa sassaabdummaati. Hawaasi yoo na arges yoo na hin arginis tajaajiluun dirqama kiyya. Rabbi na arga. Asirratti amantiin kiyyas na ajaja. Hawaasaaf yoo ifa taate, yoo hariiroo mishaa qabaatte bor yoo buutu [aangoorraa] bakka feete, sammuu bilisaan jiraachuu dandeessa. Hawaasi nama simatee waliin jiraata malee hin balfu. Kanaafuu haalli kun irra caalaa abbaama fayyada.
BBC: Haala jiruu ijoollummaa fi barnoota keessanii nutti himaa!
Magaalaa Dirree Dhawaa ganda Laga Harreettin abbaa kiyya Obbo Jawaar Ibraahim fi haadha kiyya Aadde Nafiisaa Abdullaahii irraan dhaladhe, achumattin guddadhe.
Obbo Kadir: Barnoota kiyya jalqaba kan amantaanin eegale. Madrasaa Alii Abdaa jedhamuttin eegale. Itti aansuun mana barumsaa Laga Harreen seene, achittis pireezidantii kaawunsilii barattootaan ture.
Sadarkuma jalqabaa ammas Poolis Mareetittis baradheera. Achittis pireezidantii kaawunsilii barattootaan ture. Achirraa Diippoo, Saappiyaan irrattis barnoota sadarkaa lammaffaa (high school) wayitan baradhu akkasuma kaawunsilii barattootaa dursaan ture.
Bara 1997 barnoota kiyya kolleejjii xumure. Ergasiis hojiin kiyya tajaajiluma uummataarratti kan xiyyeeffatu ture. Hawaasa keessa gadi bu’ee hojii hedduu hojjedheera. Rakkoo dila keessa darbeetiin gamana dhufe.
BBC: Kantiibaa magaalaa Dirree Dhawaa ta’uu keessan dura aanga’aa mootummaa taatanii hojjettanniittuu?
Obbo Kadir: Araddaa, ganda irraa hanga biyyaalessaatti dura taa’aa daraggootaa akkasumas liigii dargaggootaa hogganeera. Hojiin kiyya xiqqeenyumarraa kan wal hidhataa dhufeedha. Gara caalu tajaajila hawaasaa irratti yeroo kiyya dabarsaa ture.