Sirna Gadaa Oromoo walakkaa jaarraaf qorachuun addunyaatti kan beeksisan Prof. Asmaroom Laggasaa eenyu?

Madda suuraa, BBC & OSA
Hayyuun umiriisaanii walakkaa ol Sirna Gadaa Oromoo qorachuun beeksisuurratti dabarsan Pirofeesar Asmaroom Laggaasaa hawaasa Oromoo birratti gadda uumera.
Pireezidantiin duraanii Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA), Ibraahiim Elemoo ''Abbaa qorannoo Sirna Gadaa Oromoo,'' jechuun Asmarooma Laggasaa ibsan.
Du'a isaanii dhagahuun gaddi itti dhagahamuu ibsuun ''…sabni Oromoo nama guddaa dhabe,'' jedhan.
Akka waldaa isaaniittis seenaan Oromoo akka beekamuuf nama ''karaa saaqe'' jedhanii akka ibsan himan.
Hanga Asmaroom Laggasaa namni ''seenaa Oromoo qorate hin jiru', jechuun dabaluunis qarooma killeeyyaa Sirna Gadaa isaan dura 'Gadaa' jechuun qorannoo maxxanse hin jiru jedhan.
Dahalataa Ertiraa ta'anis Sirna Gadaa Qorachuun kitaabotafi barruuwwan qorannoo addaa addaa barreessuun Sirni Gadaa akka beekamuuf gumaata guddaa akka godhantu himama.
Gumaata isaan qorannoo Sirna Gadaa irratti gaggeessuun gumaachaniif Yuunivarsiitii Finfinnee dabalatee dhaabbilee garaa garaa irraa badhaasa argataniiru.
Waggoota 50tti dhiyaatuuf qorannoo Sirna Gadaa irratti gaggeeessaniif dhaabbilee Oromoofi mootummaa naannoo Oromiyaa akkasumas Yuunivarsiitiin Finfinnee irraa badhaasa garaa garaa argataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yuunivarsiitiin Finfinnee bara 2018 Prof. Asmaroom doktireetii kabajaa yoo kennuuf, baruma sana pirezidaantii duraanii naannoo Oromiyaa kan ta'an Dr. Lammaa Magarsaa beekamtii kennaniiruuf.
"Yeroo Oromoon waa'ee isaa haasa'uun itti ulfaatutti Prof. Asmaroom sabichaaf oolmaa guddaa waan oolaniif yeroo hundumaa onnee uummata Oromoo keessa jiraatu,' jechuun jajanii turan Lammaa Magarsaa.
Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA) ammoo bara 2007tti "Badhaasa Umurii Gutuu" Prof. Asmaroomiif kennee ture.
Prof. Asmaroom qorannoowwan gaggeessaniin akkaataa itti addunyaan ilaalcha hawaasaafi siyaasa Afikaa hubatu, keessumattuu kan Oromoo akka jijjiiramu gochuu keessatti leegaasii hin dagatamne kaa'anii akka darbanis ibse Waldaan Qoranoo Oromoo.
Bara 1933tti Ertiraatti kan dhalatan Prof. Asmaroom, Sambata darbe, Amajjii 31, ganna 94tti umurii quufanii akka boqotan.
Addumatti kitaabasaanii Gada: Three Approaches to the Study of African Society jedhu sirni Gadaa Oromoo maal akka ta'e kan ittiin addunyaa beeksisan akka ta'eefi gumaata isaan qorannoo Oromoo keessatti qabaniif bara 2007tti Badhaasa Umurii Guutuu Waldaa Qorannoo Oromoo irraa argachuu beeksise waldichi ibsa baaseen.
Uummatni biyya keessaafi biyya alaa jiru kabaja isaaniif maluun ''faarsee'' geggeessuun irra jiraata jechuun dubbate Pireezidantiin duraanii Waldaa Qorannoo Oromoo, Ibraahiim Elemoo.
''Oromoon leegaasii isaanii kan itti fufsiisuu qabu isarraa barachuudhaani,'' jechuunis dubbatan Obbo Ibraahiim.
Prof. Asmaroom kanaan dura BBC Afaan Oromoo waliin turtii taasisaniin, akaakileen isaanii Onesmoos Nasiib waliin Ertiraa, Mitsiwaatti baqatanii turuufi waa'ee Oromoo maatiisaanirraa akka baran himuun, maaliif waa'ee Oromoofi Sirna Gadaa Oromoorratti xiyyeeffachuun qorannoo akka taasisan dubbatanii ture.
Guutuunsaa bifa gaafii fi deebiin akka armaan gadiitti dhiyaata!
BBC: Pirofeesar Asmaroom eenyu?
Pirofeesar Asmaroom: Dhaladhee kanin guddadhe Eeertiraa Asmaraatti. Kanin baradhes achuma mana barumsaa 'evangelical church' jedhamutti.
Yeroos manni barnootaa Asmaraa keessa ture isa qofa. Inniyyuu hanga kutaa 4ffaatti qofa qaba.
Barnoonni kutaa afurii olii faranjiidhaaf malee hin barbaachisu jedhanii warri Xaaliyaanii dhoowwanii turan.
Eertiraan erga waraana Ingiliziin bara 1941tti bilisa baateen booda manneen barnootaa banaman.
Kanas ta'ee hanga kutaa 6ffaa qofatu Asmaraa jira waan ta'eef barattoonni Kiristaanaa gara Finfinneetti cehu, warri Islaama tahan ammo gara Kaartumii fi Kaayirootti deemu. Ani gara Finfineettin dhufe.
Ingiliiz maatii kiyya garee yuniyeenistii Eertiraa fi Itoophiyaa deeggartu jechuun biyyaa ari'an. Maatiin kiyyas gara Itoophiyaatti godaanan.
Abbaan kiyya obbolaa kiyya waliin Walloo Ambaassalitti galee lafa qonnaa fudhatee qonna eegale.
Animmoo kallatumaan Finfinnee galeen barumsa sadarkaa 2ffaa barachuu eegale.
Finfinneetti barumsi sadarkaa lammaffaa yeroo banamuttis, san booda yeroo yunivarsiitii kolleejjiin Finfinnee banames barattoota jalqabaa turre.
Digirii lammaffaa fi PhD Yunvarsiitii Harvardittin baradhe. Digirii lammaffaa wagga tokko keessattin xumure. Barnoota digirii sadaffaa garuu wagga sagal natti fudhate.
Sababnisaas qorannoo antiroopoolojii kiyya jireenya Oromoota Booranaa keessa jiraadhee hojii qabatamaa hojjechuun waan narra tureef waggaa dheeraa natti fudhate.
Qorannoo milkaa'ina qabus qoradhee ittiin milkaa'eera.
BBC: Sirna Gadaa qorachuu akkamiin eegaltan?
Pirofeesar Asmaroom: Akaakileen kiyya Onesmoos Nasiib waliin Mitsiwaatti baqatanii turan. Bulchiinsa Tarkii jalatti jechuudha.
Kanaaf waa'ee uummata Oromoo Onesmoosii fi hiriyoonnisaa akaakilee kiyya kanatti waan baayyee himaa turan.
Akaakileen kiyyammoo waan isaanirraa dhagahe kana yeroon ijoollee ture natti himaa ture.
Kanaaf gaafan qorannoo Antiroopoolojii yaadu jalqaba sammuu kiyyatti kan dhufe uummata Oromooti.
Jalqaba qorannoo barnootakoof sirna aadaa Eertiraa qorachuufin karoorfadhee ture. Bara 1961 tti jechuudha.
Yeroo sanatti ammo sochiin siyaasaa Eertiraa keessatti waan jalqabameef ministeerri barnootaa yeroo sanatti haala kamiinuu Eertiraatti akka qorattu siif hin heyyamnu naan jedhan.
Bakka biraa garuu bakkan barbaade deemee akkan qorachuu danda'u naaf heeyyaman. Achii gara Ameerikaattin deebi'e.
Mana kitaabaa tokko seeneen cinqamee kitaabota waa'ee Afrikaa barreeffaman osoon barbaaduu dubartiin mana kitaabichaa hojjettu na argitee 'ati Itoophiyaarraayii kan dhufte?' jettee nagaafatte.
Eeyyeen jedheen, yeroo sana Eertiraan qama Itoophiyaa turte.
'Dhihootti kitaaba tokko waa'ee Itoophiyaa irratti kan maxxansiisne qabna siif haa kennuu?' jettee nagaafatte.
Tole jennaan kitaaba hayyuu Xaaliyaaniin barraa'e kan dhimma Oromoo irratti xiyyeefate naaf kennite.
Kitaabicha wayitan fuudhee dubbisu garmalee hawwataa ta'een argadhe. Gama tokkoon afaan Oromootiin gama kaaninimmoo Afaan Ingliffaan barreefame.
Sirna Gadaas of keessaa qaba ture kitaabichi. Sana booda inni jalqabeera animmoo qorannoo kana cimsee itti fufuun qaba jedheen murteesse.
Haala kanaanin waa'ee sirna Gadaa qorachuu eegale.
Waggoota lamaaf karaa Itoophiyaatin Boorana keessa taa'een qoradhe. Sana booda mootummaan Dargii aangoo waan qabateef deebi'uu hin dandeenye.
Gama Keeniyaatti ceheen waggoota sadii Oromoota Keeniyaa keessa jiraadhe.
Waliigala waggoota shaniifin hawaasa Booranaa keessa jiraadhee sirna Gadaa qoradhe.

BBC: Qorannoo waggota shaniin maal agartan?
Pirofeesar Asmaroom: Biyyooti baha Afrikaa baayyeen gurmaa'insa gulantaa umriin ijaarame qabu. Garuu sirna hawaasummaaf malee sirna siyaasaaf hin fayyadaman.
Sabni Oromoo garuu Gurmaa'insa umurii kana fudhatanii gara sirna siyaasaa guutuu ta'eetti jijjiiranii itti fayyadamu.
Kanaaf aangoo yeroo fudhatan waggoota saddeetiif qofa bulchu. Waggaan saddeettan suni dhumnaan garuu homtuu sababa dhiheessun hin jiru.
Yeroo sanatti warri gulantaa Gadaarra ture hunduu Gadaasaa xumure jechuudha.
Saniin alatti warri gulantaa Gadoomaarra ture hunduu gadhiisee namni tokko haala kamiinuu aangorran tura jedhee hin yaadu.
Kanaaf Oromoo biratti "aangoon umrii guutuuf" wanti jedhamu hin jiru.
Inumaa abbaan Gadaa bara aangoosaa xumuru Gadaan aangootti dhufu guyyaasaa kabajee akka aangoo irraa fudhatuuf itti watwaata.
Warri guyya lakkaa'an waan jiraniif guyyaa sanatti bakka itti baallii walii dabarsanitti gareen lamaanuu ni argama.
Dhahi lakkoofsa baraa Oromoos kanarraa kan maddedha.
Guyyaa aangoon itti darbu baruuf jecha Booranni dhaha Astiroonomii kan urjiin torbaa fi addeessi waliin bahan guyyaa fi ji'asaa tolchanii beeku.
Ilaaluudhaan qofa jechuudha. Animmoo dhaha isaanii kana qoradheen kaalandarri Booranni fayyadamu kuni mala saayinsawaa isa guddaa ta'uu addunyaan akka hubattu gochuu danda'eera.
BBC: Sirni Gadaa sirna bulchiinsa ammayyaa ta'uu danda'aa?
Pirofeesar Asmaroom: Sirritti hojjechuu danda'a. Kitaaba kiyya haaraa dhihootti bahuratti bal'inaan qopheesseera.
Hanga har'aatti sirnuma Gadaa beeksisuudha malee gara fuulduraatti akkamitti fooyyeesinee itti fayadamna kan jedhu hin barreesine ture.
Kitaabni haaraan kuni garuu 'Oromoon Itoophiyaa keessatti jaarraa 21ffaa kana keessa sirna Gadaatti fayyadamee akkamittiin mootummaa isaa ripabiliika dimookiraatawaa ta'e hundeeffachuu danda'a kan jedhu bal'inaan barreesseera.
Itoophiyaa keessatti Oromoon qofaa isaatti mootummaa ofiin of bulchu hundeefachuu ni danda'a.
Ani karoora mijataa ta'e kan sirna Gadaatiin deggarame qopheesseera.
Hayyoonni Oromoo irratti mari'atanii, wal-falmanii, fooyyessanii hojiirra oolchuu ni danda'u.
BBC: Sirni Gadaa maal fooyyessuu qaba?
Pirofeesar Asmaroom: Wanti lama fooyya'uu qaba. Tokkoffaan hirmaannaan dubartootaa fooyya'uu qaba. Isaan bal'inaan keessatti hirmaachuu qabu.
Lammaffaan sirnichi gulantaa umuriitiin osoo hin taane dhalootaan deema, dhalootaan yoo ta'e sanyiin nama tokkoo dhaloota sadiirra yoo gahu ijoolleessaa faana garaagarummaa umurii bal'aatu uumama.
Hanga wagga 50 gahuu danda'a jechuudha. Kanaaf gulantaa tokko keessa yeroo jiran garaagarummaa umuriitu jira jechuudha. Booranni hanqina kana 'Hiriyaa' dhaan guuta.
BBC: Waa'ee ummata Booranaa maal bartan?
Pirofeesar Asmaroom: Booranni uummata jaalalaati. Sijaallannaan siif du'a gaafa sijibbes hammasuma. Isaan biratti sobuun aadmaleedha.
Gaafa geerartuyyuu geerarsa bareechuuf waan hin goone itti dabaltee jennaan siqabu. Yoom kana goote jedhamtee gaafatamta.
'Lafaa kaatee 'diina hammanan ajjeese, leencan ajjeese…' jennaan dhugummaansaa ni qulqullaa'a. Hannis hin jiru.
Boorana keessatti wal ajjeesuun hin jiru. Booranni Boorana tasuma hin ajjeesu. Akkas ta'ee argamnaan sirna 'muuda mudaa muddii"tin addabbiinsaa hammaataadha.
Ajjeesuun hafee dhiiga buusuunuu hin heyyamamu. Akka Oromoo sabni seera kabaju hin jiru.
Itoophiyuma keessa yoo fudhatte saboonni biraa wal ajjeesu Booranni garuu kana hin raawwatu.
Keessa isaaniitti yakki hin raawwatamu. Diina wajjin yoo waraana jalqaban garuu ni ajjeesu.
BBC: Afaan Oromoo wallaaluun isin hin rakkisnee?
Pirofeesar Asmaroom: Afaan Oromoo osoo hin beekne qorannoo gaggeesuun hedduu ulfaata. Ani garuu sagalee waraabduu nan qaba.
Mucaan afaan naaf hiiku dargaggeessi cimaan Taarii Jaarsoo jedhamu baayyee na gargaare. Baayyee cimaadha.
Afaan Oromoo fi Amaaraa akka gaariitti danda'a waan ani jedhe hunda hiikee itti naaf hima.
Kan isaan deebisan ammoo hiikee anatti hima. Sagaleen gara lamaanituu ni waraabbama. Waan guyyaa waraabaa oollemmoo galgala barreefamatti jijjiiraa bulla.












