Magaalaan Fiichee gaarii fardarraa buuste

Fardarraa gaarii wayita buusan

Madda suuraa, Waajjira Komunikeeshinii Godina Shawaa Kaabaa

Magaalaan Fiichee tumaa gaarii fardarraa buusuuf tumte hojiirra oolchuu jalqabde.

Faradoon gaarii akka hin harkisne kan murteessite Bulchiinsi Magaalaa Fiichee, tumaa ji’oota afur dura labsite kaleessa ALI Bitootessa 12 bara 2016 hojiirra oolchuu eegalteerti.

Fardaan gaarii harkisuun gochaa safuufii duudhaa uummata Oromoon wal faallessu akka ta’e labsuun ture Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi jaarsoliin biyyaa Godina Shawaa Kaabaa qindeessummaa Waajjira Aadaaf Tuurizimii godinichaan ji’oota muraasa dura tumaa kana kan tuman.

Akkaataan faradoon gaarii harkisan magaalicha keessatti tajaajila itti kennan kabajaafii jaalala ummatichi faradoof qabuun faallaa akka ta’e kanaan dura BBC’n Waajjira aadaafi Tuurizimii magaalichaarraa odeeffatee ture.

Namni murtee kana cabsuun fardaan gaarii harkisee argamees birri 60,000 akka adabamu himamee ture.

Haaluma kanaan ALI Bitootessa 12 bara 2016 daandiiwwan magaalaa Fiichee gaarii fardaan harkifamurraa bilisa ta’aniiru.

Itti Gaafatamtuun Waajjira Aadaafii Tuurizimii Bulchiinsa Magaalaa Fiichee Aadde Birhaanee Darribee, “Akkaataa beellama keenya ‘gaarii fardarraa buusuu’ jedhu saniin hanga sa’aatii kanaatti gaariin tokkichi magaalaa Fiichee keessatti fe’amee hinbaane, fardi tokkichis gaarii hin harkisne” jechuun BBC’tti himan.

Haa ta’u malee, abbootiin qabeenyaa gaarii fardaan tajaajila geejiba meeshaa laachaa turan tarkaanfiin bulchiinsa magaalichaa jieenyasaaniirratti dhiibbaa geesisuu himaniiru.

'Rakkoof saaxilamneerra…'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Magaalaa Fiichee keessa faradoon gaarii harkisan 234 akka jiran ragaan Waajjira Aadaafii Tuurizimii magaalichaa agarsiisa.

Waggoota 13 darbaniif magaalaa Fiichee keessatti gaarii fardaa hojjechuun ijoolleesaanii afur akka guddisan kan himan Obbo Dassaalany Asfaaw, kunneen tarkaanfiin bulchiinsa magaalichaan fudhatame jiruu isaaniirratti dhiibbaa geesisuu himatan keessaa tokko.

Isaanis bulchiinsi magaalichaa farda gaarii ittiin harkisan harree yookiin gaangeen akka bakka buufatan filannoo dhiyeessufillee ammatti lamaaniinuu akka bakka hinbuufanne himu.

“Daandiin Fiichee gaarii harreef mijataa miti” kan jedhan Obbo Dassaalany, yaaddoo ‘gaangeen leenji’uu dhabuu dandeessi’ jedhu akka qabanis himu.

Kanaafis filannoon qaban hojii humnaa hojjechuu qofa akka ta’e dubbatan.

“Osoon humna qabaadhee hojii jijjiireen hojjedha ture. Garuu humna hinqabu. Filannoon ani qabu hojii guyyaa yoon argadhe hojjechuudha. Yoon hin arganne ijoolleenkoo rakkoodhaan dhumuu isaaniiti” jedhan.

Gama biraatiin waggoota 11 darbaniif gaarii fardaa hojjechaa turuu kan himan jiraataan magaalichaa maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan, isaaniis sababa hojiirra oolmaa tumaa kanaan rakkoof saaxilamuu himaniiru.

Gaariin harree bu’aa bahii magaalicha keessaaf mijataa akka hintaanes himan.

Gama biraatiin namoonni sadii gaarii isaanii gara gaarii harreetti jijjiirrachuun hojii jalqabuusaanii kan himan Aadde Birhaaneen, abbootiin qabeenyaa biroos harree bitachaa akka jiran odeeffannoo qabaachuu himaniiru.

Dabaluunis, abbootiin qabeenyaa kanaan dura fardaan tajaajila geejibaa laachaa turan hojiilee daldalaafi dhiyeessii tajaajila garagaraarratti bobba’uuf gurmaa’an akka jiranis himaniiru.

Dhimma daandiiwwan magaalichaa gaarii harreef mijatoo miti jedhu ilaalchisee yaadasaanii yemmuu kennanis, “wanti warri (harreedhaan) hojii jalqaban shaakalanii ilaalan harroonni lama bakka farda tokkoo bu’uu akka danda’anidha. Humni sun akkasiin dabaluun akka danda’u ilaallee jirra” jedhan.

“Bakka tokko tokkotti gaarri ni jira, bu’aa bahiin ni jira kan jedhuuf, tokkoffaa harroota lamaan bakka bu’uu akka danda’u warra hojjaterraa mirkaneeffanneerra” jedhan.

Kana malees gaangeedhaan bakka buufachuu akka danda’an filannoon akka dhiyaateefis himaniiru.

Dabalataan abbootiin qabeenyaa gaarii fardaa hojjechaa turan gurmaa’uun konkolaataa fe’umsa meeshaa akka bitataniif dursa kennuun deeggarsa gochaa jiraachuu himaniiru.

Gama biraatiin gidduu kanatti hawaasni akka hin rakkanneef abbootiin qabeenyaa konkolaataa abbaa miila sadii sababa ‘gaariin hinjiru’ jedhuun gatii osoo hindabaliin uummataaf tajaajila akka laataniif qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa akka jiranis himaniiru.

Fiicheefi farda…

Hojiin fardarratti hojjetan gaarii irraa buusuun qofa kan dhaabbatu akka hintaane kan himan Aadde Birhaneen, festivaala fardaa itti fufiinsaan qopheessuuf karoora akka qaban himaniiru.

Kana malees abbootiin qabeenyaa kanaan dura fardaan gaarii harkisaa turan faradoosaanii leenjisanii sagantaalee garagaraarratti bifa safuu eeggateen kaffaltiin tajaajila laachuu akka danda’an gochuuf akka hojjetanis himaniiru.

“Magaala kana keessatti yeroo gaa’elli fi gaddi jiru namni farda barbaada taanaan safuu fardaa kana eeganii kireeffachuu akka danda’aniif ni hojjenna” jedhan.

Kana malees Yunivarsiitiin Salaale sanyii Fardeen salaalee baay’isuurratti hojjechaa akka jiru eeruun, isaan waliin hojjechuuf karoora akka qabanis Aadde Birhaaneen himaniiru.