Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obbo Battee Urgeessaafi gaazexeessaan lammii Faransaay to'annoo jala oolan
Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Battee Urgeessaafi gaazexeessaan marsariitii Africa Intelligence jedhamun beekamu, Antuwaan Gaalindoon, "Shaneefi Faannoo wajjin tahuun hokkora kakaasuuf socho'uun" jedhamuun himatamanii to'annoo jala oolan.
Gaazexeessaan lammii faransaay tika mootummaa itoophiyaatiin to'atame kunis "hatattamaan akka hiikamu" jaarmiyaan mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ gaafate
Addi Bilisummaa Oromoo - ABO'n gamasaatiin, dhaabbilee dhimmi hidhaa kanaa isaan ilaallata jedhu hundatti beeksisuu hime.
Obbo Batteefi gaazexeessaan lammii Faransaay Antuwaan "miseensota tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyoolessaa uffata siviilii uffataniin to'atamusaanii," abukaatoon gaazexeesichaa BBCn dubbise himan.
Namoonni lamaan kun torban dabre gaafa Kamisaa magaalaa Finfinnee hoteela Sky Light'tti to'atamuu isaanii abukaatoon gaazexeessaa kanaa maqaan kiyya hin himinaa jedhan BBCtti himan.
Ittigaafatamaan sab-qunnamtii ABO kan ta'an Obbo Lammii Gammachuu gamasaanittiin, miseensi dhaabasaanii hoteelichatti humnoota nageenyaan to'atamuu mirkaneessuun, waa'ee gaazexeessaa wajjin hidhamee jedhame garuu akka quba hin qabne BBCtti himan.
Marsariitii dhimmoota Afrikaarratti hojjetu Africa Intelligence'f kan hojjetu gaazexeessaa Antoine, torban lama dura yaa'ii Gamtaa Afrikaa gabaasuufi "gaggeessitoota siyaasaa garagaraa wajjin gaaffiifi deebii gochuuf" gara Finfinnee imaluu abukaatoonsaa himan.
Abukaatoon kun dabaluun yaa'ii kana gabaasuuf Gamtaa Afriikaa (AU) irraa heeyyama argachuu himan.
Gama kaaniin garuu "[Gaazexeessaan kun] qondaalota siyaasaa adda addaa haasofsiisuuf Abbaa Taayitaa Sabaa Himaalee Itoophiyaaf 'gaaffiifi deebii gochuuf waan taheef heeyyama naa kennaa' jechuun gaaffii dhiyeesseera. Gaaffiin kun fudhatamuu ykn dhabuu wanti beekame hinjiru," jedhan.
Dhaabbanni gaazexeessaa kanaa Africa Intelligence marsariitii isaarratti hidhaa Antuwaan ilaalchisuun ibsa gaafa Wiixataa baaseen, gaazexeessaa kana Abbaan taayitaa kun "ni beeka" jedheera.
Dabaluunis: "[Antuwaan] hojii biyyattii keessaa qabuuf anga'ootatti beeksiseera. [Itoophiyaa keessatti] akka gaazexeessaatti hojjechuuf viizaa isa dandeessisuus qaba ture," jedhan.
Gaazexeessaa Antuwaan "gaaffiif si barbaanna" jedhamee to'annoo jala erga oole booda, buufata poolisii naannawa Boolee Ruwaandaa jiru akka geeffame, boodarras qajeelcha poolisii kutaa magaalaa Boolee geeffamuu abukaatoon isaa kun ni himu.
Hidhaa gaazexeessaa kanarratti kan gaafanne itti gaafatamaan sab-qunnamtii Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee Komaadarri Ittaanaa Maarqoos Taaddasa, "dhimma biyyoolessaa irratti deebii kan kennu Poolisii Federaalaati" jechuun deebisan.
Poolisii Federaalaa irraa yaaliin deebii argachuuf taasisne hin milkoofne.
Gama kaaniin namoonni to'ataman lamaan kun gaafa Sambataa mana murtii magaalaa Finfinnee dhaddacha Boolee tokkoffaatti dhiyaachuu isaanii abukaatoon dubbisne kun nutti himan.
Ittigaafatamaan sab-qunnamtii ABO Obbo Lammii Gammachuus gamasaaniin, ofisarri dhimmoota siyaasaa paartii isaanii dhuma torbeerra mana murtiitti dhiyaachuu BBC'f mirkaneessaniiru.
Haatahu malee Obbo Battee wajjin gadi fageenyaan haasa'uu waan hin dandeenyeef, maaliin shakkamanii seera duratti akka dhiyaatan akka hin barres himan.
Poolisiin dhimma kana qoratan “Faannoo fi ABO Shanee wajjin walta’uun magaalaa Finfinneetti hokkora uumuuf wayita socho’an to’adhe” jechuun mana murtiitti himuu abukaatoon Antuwaan BBCtti himan.
Dabaluunis poolisiin dhimmicha qabate, qorannoof guyyoota 14 mana murti gaafachuus eeran.
Poolisiin guyyoota dabalataa sababni itti gaafateef, bilbila gaazexeessaa kanaa Ejensii Nageenya odeeffannoon (INSA) sakattaasisuuf, ashaaraa fudhachuufi “qaamoleen tumsan biroo yoo jiraatan” to’annoo jala oolchuuf kan jedhuun akka tahes barameera.
Abukaatoon kun shakkii poolisiin dhiyeesseef deebii “nami kun gaazexeessaadha. Hojii gaazexeessaa hojjechuun alatti hirmaannaa kamiyyuu hinqaban,” jechuun deebisuu isaanii himan.
Hariiroon Obbo Battee wajjin qabanis “guyyaan, bakka namuu itti walgahurra” akka tahe eeruun, mormiisaanii mana murtiitti dhiyeessuu nutti himan.
“Wanti shiradha jechisiisu hin turre” jechuunis himan.
Obbo Batteenis sochii poolisiin irratti dhiyeesse akka hinqabne mana murtiitti dubbachuus himan.
Dhimmoota jedhaman kana raawwachuuf mana hidhaa keessa turuun kan isaan hin barbaachifne, akkasumas ashaaraa fudhachuuf yeroo hangasii akka hin fudhanne eeruun, mirgi wabii akka eegamu gaafatan abukaatoon kun.
Manni murtiis qaamolee lamaaniin waan dhiyaate ilaaluun, guyyoota 14 gaafatame keessa jaha murteessuunsaa barameera.
Miidiyaa gaazexeessaa Antuwaan ka tahe Africa Intelligence, hidhaan hojjetaa isaanii "sirrii akka hintaane" eeruun, aanga’oonni biyyattii "hatattamaan akka hiikan" gaafateera.
Jaarmiyaan mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ gama isaatiin, gaazexeessaa Antuwaan "hatattamaa fi haalduree kamiinuu male" akka hiikamu gaafateera.