Guyyaa Herregaa Idil-addunyaa: Herrega kabajuun maaliif barbaachise?

Daa'ima gabatee gurraacha herreega qabu fuuldura dhaabbate

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Elias Mulugeta Hordofa
    • Gahee, BBC Afaan Oromoo, Naayiroobii

Herrega, shallaguu, ida'uu, baay'isuu, formulaa,... mataduree kanniin nami hedduu ni lagata yookis irraa baqata.

Namoonni damee barnootaa kana "akka rakkisaa fi ulfaataatti" ilaalu - rakkoon jiraatu malee, furmaanni waa jiraa?

Herregni (mathematics) seenaa dhala namaa keessa damee barnootaa kaan hawwatee fi kaanitti ammoo bitaa galedha.

Qarooma durii haga addunyaa jabana kanaatti, ogeeyyiin herregaa (mathematicians), hubannoo nu naannoo keenyaaf qabnurratti gahee olaanaa bahan.

Jarri kun lakkoofsota, formulaa fi shallaga fa'i akkaan gadi fageenyaan beeku/xiinxalu.

Bitootessi 14 Guyyaa Herregaa Idiladdunyaa (International Day of Mathematics) jedhamuun yaadatamee oola.

Guyyaan kun Guyyaa Paay (Pi Day) jedhamuunis kan beekamu ogguu tahu, amma durallee biyyoota hedduutti kabajamaa ture. Maaliif jennaan, konstaantiin herreegaa π (paay) gatiinsaa 3.14 jedhee ka'a.

Kanaaf ji'i Bitootessaa dhaha Girigooriyaaniin ji'a sadaffaa ennaa tahu, guyyaanis 14 kanaaf filatame jechuudha.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti jaarmiyaan Barnoota, Saayinsii fi Aadaa - UNESCO, guyyaan Paay, Guyyaa Herreegaa Idiladdunyaa ta'ee akka kabajamu yaa'ii 2019tti taa'een murteesse.

Waggaa waggaan Bitootessa 14 biyyoota addunyaa mara keessa, barattootaa fi qaamoleen hawaasaa garagaraa, dhimmoota herreega wajjin walqabatan irratti akka hirmaatan ni affeeramu.

Dorgommiiwwan shallaggii, dorgaa-dorgee, akkasumas hidhata herreegni uumama wajjin qabu irratti hubannoo uumuunis ni kabajama.

Kana malees matadureewwan garagaraan kan yaadatamaa oolu guyyaan kun, kan bara 2024 "[Faayidaa] Hawaasaaf Herreegatti Dhimma Bahuu" kan jedhudha.

Kaayyoon kanaas herreegni akkamiin Galma Misoomaa Waarawaa UN'f gumaacha taasisa kan jedhurratti akka xiyyeeffatu jaarmiyaan yaadannoo guyyaa kanaa qindeessu marsariitii isaarra kaa'eera [Afaan Ingiliizitti isin geessa].

Herreegni bakka hunda jira

Herreegni bakka isin sochotan mara jira - qalbeeffadhaa.

Ogeeyyiin, herreegaan alatti wanti yaadamu "tokkollee hin jiru" jedhu.

Beekaas tahe adoo hin beekin, hunda haala jedhamuun danda'amuun dhalli namaa jireenya guyyuu keessatti herreegatti dhimma baha. Ogeessi ijaarsaa, qonnaan bulaan, daldalaan, atileetiin...

  • Geejibaa fi networkiin qunnamtii herreegaan midhaaffama.
  • Faca'insi dhukkubootaa ykn weeraraa, kan sirriitti hubatamuu danda'u ykn to'atamu qarqaarsa herreegaan.
  • Herreegni softiweerii bilbilli keenya itti dalagu duuba jira.
  • Gaaf tokko pilaanetii Maars daawwachuu fi abuuruu feetaa? Qarqaarsa herreegaa malee tasumaa hin yaadamu.
Tartiiba Fiboonaachii uumama keessa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Man'ee ykn qolli ciilalluu kan ittin maramee mul'atu tartiiba Fiboonaachii jedhamuun
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Intarneetii fi Bilbila

Sararoonni intarneetaa fi bilbilaa networkii garmalee guddaa tahe uumuun, fayyadamtoonni daataa akka walgeeddaran taasisu. Fayyadamtoonni tajaajila kanneenii liinkota garmalee hedduu tahaniifi humna murtaa'e qabuun walqunnamu.

Dhaabbileen networkii harkaa qabaniifi to'atan (operators) kan ergaa erguu fi simatu, otoo humni liinkii tokkoo hin rukkatiin qunnamsiisuuf fala dhahu.

Meerre herreegni?

Bakka kanatti egaa herregni kan dhufu - tajaajilli bilbilaa addaan otoo hin citiin akka walitti fufuuf, yaadrimee dabaree fi modeelota herreegaa akka akkaatti dhimma bahu.

Qorannoo MRI

Qorannoon fayyaa MRI jedhamu, suuraalee hedduu kallattii adda addaarraa kaasuun, fakkii gar-sadee (3-dimensional) qaama namaa nuu kenna.

Sirni teknooloojii kana duuba jiru 'tomography' kan jedhamu ogguu tahu herreegaan kan midhaaffamuudha. Akkanaan Herreegni lubbuu namaa oolcha.

Imala saatalaayitaan deeggaramu

Bakka argama addunyaa kanarra kamiyyuu baruuf, sirnoonni abuuruu akka GPS qunnamtii saatalaayitiitti dhimma bahu. Kompiyuutarri fageenyaa fi saffisa meeshaan simatu fi saatalaayitii jidduu jiru, shallaguun iddoo barbaadamu beekuu danda'a.

Kunis herreega - yeroo ittaanu bilbila keerraa ykn konkolaataa keessatti maappii ennaa fayyadamtu, herreegni kana akka tolche yaadadhu.

dubartii gabatee gurraacha fuuldura teesse

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeeyyiin, herreegaan alatti wanti yaadamu "tokkollee hin jiru" jedhu.

Waa'ee herreegaa/lakkoofsaa kanneen beektuu?

Tartiiba Fiboonaachii

Tartiibni ykn toorri Fiboonaachii (Fibonacci sequence) nama maqaan isaa Liyoonaardoo Fiboonaachii jedhamuun kalaqame. Sirni lakkoofsaa kun keessattuu tartiiba uumamaa keessa iddoo guddaa qaba.

Tartiibni lakkoofsa kanaa akkanaan eegaluun itti fufa: 1, 1, 2, 3, 5, 8, 13, 21, 34, . . . lakkoofsi tokkoon tokkoon lakkoofsaa ida'ama lakkoofsota lama isa fuuldura jiraniiti.

  • Wal hormaanni illeettii tartiiba Fiboonaachii hordofa
  • Toorri marsaa abaaboowwanii fi biqiltuu - keessattuu kan nuugii, 'Daisy', anaanaasii, kuduraa 'kooliifilaawar' fi kaan hedduun sirna kanaan bulu
  • Dameen mukaas akkasuma tartiiba kana qaba
  • Man'ee ykn qolli ciilalluu kan ittin maramee mul'atu tartiibuma kanaani
  • Gara hawaatti yoo mil'anne ammoo, gaalaaksiiwwan toora kana qabu

Mee yeroo ittaanu bosona yookaan bakka uumamni heddumaatu deemtan, mala Obboo Fiboonaachii tana qalbeeffadhaa hubadhaa mee.

Eenyutu zeeroo argate?

Bara 628 keessa, astoronomarri lammii Indiyaa Biraahmaagupta yeroo jalqabaaf hiika Zeeroo (duwwaa) katabe. Xumura jaarraa saddeettaffaa irratti, 0 Indiyaarraa kaatee gara Kaamboodiyaa, Chaayinaa fi biyyoota Islaamaa waliin geesse.

Odoo zeeroon jiraachuu baattee addunyaan amma keessa jirru, maal fakkaata laata?

Abbaa Herreegaa

Arkimeedas "Abbaa Herreegaati" jedhamuun beekama. Nami Dhaloota Kiristoosin Dura 287 haga 212 jiraate kun, odola Giriik durii Siisiilii, Siraakiyuusitti jiraate. od

Nami kun milkaa'inasaa ji'oometirii, istaatiksii fi haayidiroo istaatiksiin, akkasumas kalaqa maashinoota akka akkaan beekama.

Lakkoofsa paalindiroom

Lakkoofsa tokko (1) ofumaan yoo baay'istan, lakkoofsa palindromic argattu.

Lakkoofsi paalindiroom, lakkoofsa duraa fi duubaan ennaa dubbifamu walfakkaataa tahedha. Fakkeenyaaf, 23432

1 x 1 = 1

11 x 11 = 121

111 x 111 = 12321

1111 x 1111 = 1234321

11111 x 11111 = 123454321

111111 x 111111 = 12345654321

1111111 x 1111 111 = 1234567 654 321

11111111 x 11111111 = 123456787654321

111111 111 x 111111111 = 12345678987654321

Nama kaalkuleetaraan shallagaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Herreegni yaadrimee callaa miti - jireenya keenya guyyuu keessatti dhimma itti baana

Miiliyoona, biiliyoonaa fi tiriiliyoonatti kan aanu maali?

Maal fayyada jechuu dandeessu? Maalumaafuu baraa - kuwaadiriiliyoon, kuwaantiiliyoon, seekstiiliyoon, septiiliyoon, oktiiliyoon, nooniliyoon fi deesiliyoon.

Ha-ha - 555

Dargaggoonni biyya Taayilaand ergaa barreeffamaan waldubbisan, marroo hedduu 555 walii barreessu - 5555.

Maali jennaan - akka isa haha, kkkkk, wayyoo,... jettanii kolfaafi gammachuu itti ibsitan, isaanimmoo 555 fayyadamu.

Afaan warra Taayin, lakkoofsi 5 sagalee 'ha' jedhu qaba - kanaaf isaanillee ha-ha-ha jechuurra 55555 jedhu. Dhugaa anillee baay'een kolfe - 555555.

Lakkoofsa 7

Lakkoofsi torba amantaawwan fi aadaa uummata addunyaa hedduu biratti, lakkoofsa hiikaafi xiyyeeffannoo guddaa qaabudha.

Fakkeenyaaf, haalluun sabbata waaqaa torba, guyyoota torbanii torba, nootiiwwan muuziqaa torba.

Akkasumas lakkoofsi kun milkii fi humna addaa qaba jedhanii kanneen amanan hedduudha.

Kanarra darbees lakkoofsa namoonni hedduun yaadanii fi himanidha - namoota hedduu walitti qabuun 'lakkoofsi isin jaalatan maali?' gaaffii jedhuuf, garri caalu 7 akka deebisan qorannoowwan ni agarsiisu.