Yakkamaa kan jedhaman Tiraamp filannoo pirezidaantummaa irratti hirmaachuu danda'uu?

Himatni Doonaald Tiraamp 34, kan akka malee abbootii seeraa mufachiisee fi raga baatota hedduu hiriirsise ture.

Dhaddacha guyyaa lama ooleen abbootiin seeraa Niw Yoork 12 Doonaald Tiraampi yakki ittiin himatame 34'n balleessaa thuu itti muran.

Qorannoo yakkaa seena qabeessaan murtoo seeraa seena qabeessatu darbe. Tiraampi amma pirezidaantii duraanii Ameerikaa yeroo jalqabaaf yakki itti muramee fi yeroo wal fakkaataatti ammoo paartii isaa bakka bu'uun filannoo pirezidaantummaaf duula gaggeessaa jiru tahe.

Kanaaf kanatti aanseehoo maaltu taha? Qabxiilee murteessoon kunooti.

Ammayyuu pirezidaantummaaf dorgomuu danda'aa?

Eeeyyee! Heerri mootummaa Ameerikaa pirezidaantummaaf kaadhimamuuf ulaagaalee muraasa lafa godha.

Yoo xiqqaate umuriin isaa nama waggaa 35 fi isaa ol tahe. Ameerikaa keessatti nama dhalatee fi yoo xiqqaate waggoota 14 tahaniif Ameerikaa keessa nama jiraate jedha.

Seerri yakkamaa tahuu isaaniif kaadhimummaa pirezidaantii irraa dhorku hin jiru.

Garuu balleessaa jedhamuun ammayyuu filannoo pirezidaantummaa Sadaasa keessa gaggeeffamu irratti dhiibbaa qaba.

Sagalee dhaabbanni 'Bloomberg and Morning Consult' jedhamu jalqaba waggaa kanaatti isteetota murteesoo tahan keessaa walitti qabe, %53 kan tahan yoo Tiraamp filannoof kan dorgomu tahe sagalee keenya Rippaabilikaanotaaf hin kenninu jedhan.

'Quinnipiac University' kan jedhamus sagalee walitti qabee filattoota Tiraampi keessaa %6 kan tahan ammas Tiraampiin waan filatan miti.

Dorgommii sagalee xiqqoon wal mo'atan keessatti ammoo kun miidhaa guddaa fiduu danda'a.

Amma Tiraampiin maaltu mudate?

Dhaddacha kana duraa irratti Tiraampi mirgi wabii isaanii eegamuufiin deddeebi'anii dhimma isaanii hordofaa turan.

Kamisa yeroo murteen baleessaa tahuu isaanii dubbifamuufiis waan kun hin jijjiiramne. Akkuma duraan waliigalameetti deebi'anii mana isaaniitti galan.

Waxabajji 11 ammoo mana murtiitti dhiyaachuun murtee irratti darbu kan dhaggeeffatan taha. Guyyaa kanatti abbaa seeraa Huwaan Merchaanti jedhamantu beellame.

Abbaan seeraa kun murtoo kana Tiraampi irratti dabarsuuf waan baay'ee yaada keessa kan galchan taha. Isaan keessaa tokko umurii Tiraampidha.

Adabbiin darbu adabbii maallaqaa, adabbii uggura sochii fi hordofii irratti taasisuu akkasumas ammoo hidhaa tahuu danda'a.

Tiraampi murtoo irratti darbe kana ''waan qaanessaadha'' jedhan. Kanaaf ol iyyatu jedhamee eegama.

Kun ammoo ji'a tokkos isaa olis fudhachuu danda'a.

Gareen seeraa isaa dhimma kana gara Diviizhinii Appaalet Manhatan jiruutti ykn gara Mana Murtii Ijibbaataatti fudhachu danda'u.

Kana jechuun ammoo osooma balleessaa irratti darbe kanaaf adabbiin isaan irratti murtaa'e Tiraampi mana murtiidhaa yeroo bahan harki isaanii cancalaan hidhamee waan gara mana hidhaa geeffaman miti.

Murtoon darbe akkuma jirutti tahee wabiidhaan bahanii ol iyyannoo isaanii kan hordofan taha.

Himati taatoo fiilmii bekamtuu Istoormii Daani'eelsi bu'uura ol iyyannoo hundaa taha.

Tiraampi taatoo kana waliin kachachaluun himatte. Ogeesonni seeraa kan jedhan ragaan isheen kennite murtoo dhumaa dabarsuuf bakkatti barbaachisa tahee fi akkasumas ammoo hin barbaachisne jira.

Sanada biizinasii sobaa dhiyeessuun Niw Yoorkitti himatamuun isaanii dhimma lammaffaa tahus akka isa jalqaa jabaa miti. Garuu kan dubbii isaanitti cimsu bu'aa filannoo bara 2016 irratti dhiibbaa godhaniiru jedhamanii himatamuu isaaniiti.

Tiraampi mana hidhaa galuu danda'uu?

Eeyyee hidhamuu danda'a. garuu Tiraampi mana hidhaa galuun achitti dabarsu jedhanii yaaduun waan fakkaatu miti.

Himati 34 irratti banamuun balleessadha jedhaman hundinuu Niw Yoorki keessatti yakka sasalphaa sadarkaa E jalatti kufanidha.

Himanni tokko tokkoon ishee yoo guddate hanga hidhaa waggaa afuriin nama adabsiisa.

Abbaan seeraa murtoo kana irratti dabarsan Huwaan Merchaanti ammoo waan baay'ee yaada keessa galchu. Umurii isaanii, kana dura yakka ittiin himatamanii adabaman qabaachuu dhabuu, yakki kunis jeequmsa ykn balaa hamaa kan hin dhaqqabsiifne tahuu as keessatti eeramu.

Kanneen ilaaluun abbaan seeraa murtoo adabbii dubbisaniif Tiraampiin maan mana hidhaa galchan miti.

Kana malee ammoo Tiraampi akkuma pirezidaantota duraanii tajaajila tika nageenyaa argachuu qaba.

Kana jechuun ammoo humnootni tikaa muraasa mana hidhaattis eegumsa gochuufii qabu jechuudha.

Pirezidaantii duraanii biyyaa mana hidhaa kaa'anii to'achuun akka malee ulfaataa taha.

Inumaayyuu rakkoo nageenyaa dhaqabsiisuu danda'a.

“Sirni mana hidhaa waan lama irratti xiyyeeffata; Nageenya dhaabbatichaa fi baasii xiqqeessuu,'' jedhan dhaabbata gorsaa mana hidhaattii daariktera kan tahan Jastin Paapernii.

Tiraampi filannoo irratti sagalee kennuu danda'aa?

Tiraampi filannoo baranaa irratti sagalee isaa kennuu hin hafu. Yoo mana hidhaa gale malee.

Isteetii jiraatu Filooriidaa keessatti namni yakkaan himatame kan filannoo irraa dhorkamu isteetiin namichi keessatti himatame yoo sagalee kennuu irraa dhorka tahedha.

Filooridaatti namni balleessadha jedhame sagalee kennuu hin danda'u. Tiraampi ammoo kan himataman Niw Yoorki keessatti yoo tahu achitti ammoo seerri filannoo irratti sagalee kennuu irraa hin dhorku.

Pirezidaantichi ofiif dhiifama gochuu hin danda'an. Pirezidaantotni Ameerikaa namoota yakka federaalaa hojjetaniif dhiifama gochuu danda'u.

Dhimmi burjaajjii maallaqaa Tiraampi ammoo dhimma naannoo sanaati malee kan federaalaa miti. Osooma Tiraampi pirezidaantii tahanii dhiifama ofiif gochuuf jedhaniyyuu waan danda'an miti.

Joorjiyaatti bu'aa filannoo jijjiirsisuuf yaalaniiru jedhamuun himanni irratti banamee tures akkasuma. Bu'aa filannoo pirezidaantummaa bara 2020 shiraan jijjiirsisuuf yaaluu fi dhimmi sanadoota icciitii mootummaan wal qabachuun himataman dhiifamaan bira darbamuu kan jedhu ammayyuu hin baramne.

Osooma danda'amees pirezidaantichi ofii isaaniif dhiifama gochuu danda'uu kan jedhu ammoo gaaffii biraadha.